Pirezidantiin Sooriyaa Bashaar al-Asaad eessa jiru?

Madda suuraa, AFP
Finciltoonni Sooriyaa magaalota Sooriyaa to'ataa turan magaalaa guddoo biyyattii Damaasqoos to'achuu ibsaniiru.
Akka finciltoonni jedhanitti, waggoota dheeraaf Pirezidantii Sooriyaa kan turan Bashaar al-Asaad biyyaa baqataniiru.
Mootummaan Sooriyaa immoo Damaasqoo keessa jiru jedhee ture.
Haalli magaalaa Damaasqoo keessa jiru wal makaadha. Qondaalli mormituu ''Damaasqaan nagaa qabdi,'' jedhanis miirri hawaasa waan ta'uf deemu wallaaluufi sodaa qaba.
Finciltoonni magaalaa erga seenan booda waan ta'uf deemu hin beekan.
Osoo finciltoonni Sooriyaa magaalaa Damaasqoo hin seenin dura wantoonni bulchiinsa Bashaar al-Asaad mul'isan diigamaa jiru.
Ministirri Biyya Keessaa danqaa waraanaa guddaa naannawa magaalaa guddoo biyyattiitti qopheessuu ibsaniis ture.
Haa ta'u malee, humnoonni mootummaa finciltoonni magaalotaafi baadiyyaa akka hin to'anne gochuu hin dandeenye.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Eegasii booda ture Pirezidant Bashaar al-Asaad eessa dhaqan jechuun ummanni gaafachuu kan eegale.
Inumaa balalii xiyyaaraa Damaasqootii bahan faana dhahuun waan ta'e hubachuuf yaalaa jiru.
Waajjirri isaanii gabaasota biyyaa bahaniiru jedhan lakki soba jedhaniiru. Damaasqoo keessa hojiirra jiru jedhanis, Asaad as bahanii hin mul'anne.
Boodarra gabaasonni biyyaa bahan jedhan dhagahamaniiru.
Sooriyaan yeroo dheeraaf biyya addaan qoodamtedha. Waraana waliinii waggootaaf ture keessaas hin bayyananne.
Bulchiinsi Bashaar al-Asaad waggoota afran ta'uf tasgabbii qabuus egeree biyyattii tolchuu garuu hin dandeenye.
Yoo Bashaar al-Asaad biyyaa bahan aangoon qullaatti hafa, eenyu akka bakka bu'u danda'ullee ifa miti.
Yeroo ammaa mormituun ummata bakka tokkotti qabu hin jiru.
Finciltoonni Sooriyaa kana dura qoqqoodina uumuufi miidhaa guddaa geessisuun beekamu.
Gartuun yeroo ammaa Pirezidant Asaad irratti fincile bu'uurri isaa finxaalessummaa Al Qaa'edaadha.
Ajajaan isaanii ilaalchaa isaanii hawaasa Sooriyaa kaan irratti akka hin keenye dubbataniiru.
Ummati garuu waan ta'uf deemu ija shakkiin hubata, yaaddoos qaba.
Qaamoleen garagaraa biyyattii to'achuuf yaalii taasisaniin Sooriyaan ittuu waan hamaatti qajeelti sodaan jedhu jira.
Naannoo Giddugaleessa bahaa duruu tasgabbii dhabeefi jeequmsaan guutametti, waan Sooriyaa keessa mudatu haala jiru hammeessuu mala.
Ammaaf garuu lammiileen Sooriyaa biyya keessaafi ala jiran abdii horataniiru.
Sababa waraanaan biyyaa kan baqatan biyyatti deebi'uf yaadu.












