Sababoota shan waraanni Sooriyaa akka hin xumuramne taasisan

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock
Waraanni waliinii Sooriyaa obba'eera sadarkaa jedhamutti yaadamaa wayita jirutti, humnoonni finciltootaa waan hin eegamne raawwatan. Haleellaa guddaa waggoota keessatti raawwatamee hin beekne mootummaarratti raawwatan.
Haleellaan tasaa kun garee hidhattoota Islaamaa ofiin jedhu- Hayat Tahrir al-Sham (HTS) jedhamuun raawwatame.
Sababa haleellaa kanaan gareen kun magaalaa guddinaan lammaffarra jirtu- Alepo qabachuun loltoota mootummaas achi keessaa baasan.
Tarkaanfii hidhattoonni mootummaarratti fudhatan kun Raashiyaa dheekkamsiiseera.
Raashiyaan erga bara 2016 yeroo jalqabaaf haleellaa qilleensarraa Sooriyaa keessatti finciltootarratti raawwatte.
Waraanni Sooriyaa erga eegalee waggaa 14, amma bifa haaraan haleellaan eegale ammoo waraanichi akka itti fufuu malu akeeka.
Biyyattiin erga bara 2018 as waraana waliiniin iddoo saditti hiramteetti. Kutaa mootummaa Bashaar al-Asaad, kan humnoota Kurd fi kan finciltoota Islaamaa ofiin jedhanitti qoqqoodamtee jirti.
Garuu waraanni Sooriyaa kun akka hin xumuramne sababoonni ijoon maali? Shanan isaanii kunooti.
Fedhii biyyoota alaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sooriyaan iddoo taphi siyaasaa fi waraanaa biyyoota alaa garaagaraa itti gaggeeffamu taateetti. Gareen walwaraanan hunduu michoota isaanii alaatti maxxanuun dantaa isaanii keessummeessaa jiru.
Gareen hidhatanii mootummaa Bashaar al-Asaad lolan deeggarsa Tarkii, Sa'uudii Arabiyaa fi US qabu. Iraan fi Raashiyaan ammoo cichanii mootummaa Asaad deeggaru.
Wayita lolli hammaataa deemutti dhaabbileen finxaaleyyii jihaadistoota ofiin jedhan- IS fi al-Qaeda, cabsanii seenan, waraanichas akka addunyaatti yaaddessaa taasisan.
Gareen Kurd kanneen Sooriyaa keessa socho'an ammoo deeggarsa US'n humna jabeeffatanii ofiin of bulchuu gaafatan- kun waraanicha daran walxaxaa taasise.
Raashiyaa fi Iraan aangoo Asaad tiksuuf humna guutuun deeggaran, Tarkiin ammoo eegumsa daangaasheef jecha garee finciltootaa karaa kaabaa jiran tumsiti.
Bara 2020 Tarkii fi Raashiyaan Idlib keessatti nageenyi akka bu'u jaarsummaa taa'anii turan, garuu waraanni dideema itti fufe.
Haata'u malee tarkaanfiin kun waraanichi hanga tokko akka tasgabbaa'u taasiseera, ta'us mootummaan Asaad gonkumaa biyyattii guutummaatti to'achuu hin dandeenye.
Amma ammoo mootummaan Sooriyaa sababa deeggartoonni isaa rakkoo keessa galaniif akkaan laafeera.
Finciltoonnis haala mijataa kanatti fayyadamuun haleellaa haaraa eegalaniiru.
Kufaatii diinagdee fi goolama uummataa

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni yeroo dheeraaf ture Sooriyaa barbadeesseera. Diinagdeen akkaan kufeera, misoomaawwan bu'uuraa barbadaa'aniiru. Kun ammoo uummata miiliyoonaan lakkaa'aman rakkoo keessa ba'uun ulfaatutti galche.
Waraanni eegaluu dura uummanni Sooriyaa miiliyoona 22 ture, kana keessaa walakkaa ol qe'eerraa buqqa'aniiru akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti.
Kanneen biyyuma keessatti qe'eesaaniirraa buqqa'anii jiran miiliyoona 6.8 keessaa miiliyoona 2 kan ta'an mooraa dhiphoo keessa walirratti heddummaatanii jiraatu, tajaajila namoomaa barbaachisu osoo hin argatin.
Miilioona 6 kan ta'an ammoo gara Libaanos, Jordaan fi Tarkiitti baqatanii jiru.
Bara 2023 osoo waraanni bifa haaraan hin eegalin lammiileen Sooriyaa miiliyoona 15.3 degegarsa namoomaa barbaadu turan, miiliyoona 12 kan ta'an ammoo hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii turan.
Kirkirri lafaa hamaan bara 2023 Guraandhala keessa raawwate ammoo rakkoo uummataa kana daranuu hammeesse.
Balaan kutaa Tarkii daangaa Sooriyaa taate- Gazi'antep jedhamutti mudate kun Sooriyaa keessaa namoota 5,900 ajjeese, miiliyoona 8.8 rakkoo hamaa keessa galche.
Rakkoo biraan diinagdee saammachuurraa madda. Maddeen boba'aa fi ulaawwan daldalaa to'achuurratti lolli gaggeeffamu biyyattii daaraa godhe.
Dantaan diinagdee kun goolama uummati keessa jiruun walitti ida'amee waraana Sooriyaa xumura dhowwuu qofa osoo hin taane, daran hammaataa akka deemu taasise.
Bulchiinsa Abbaa Irree

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan Asaad jeequmsa uumuun morkattoota humnaan cabsuun aangoo tursiifachuutti amana. Kun mufannaa heddummeessuun umrii waraanichaa dheeresse.
Gabaasi UN kan bara 2021 ba'e haleellaa suukanneessaa babal'achuu mul'isa. Haleellaan keemikaalaa akka guddaatti eerame. Bakka namoonni baayyinaan keessa jiraatan haleeluu, bakka tokko to'atanii uummata beelessuu fi deeggarsa namoomaa ugguruu mootummaadhaan raawwatamaa ture jedha UN.
Hanga bara 2022tti namoonni 306,887 ta'an oppireeshinii waraanaan du'uu UN gabaaseera. Kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo beela, dhibee fi wal'aansa fayyaa dhabuun du'an.
Mootummaan Bashaar al-Asaad kan xiyyeeffate bulchiinsa gaarii uummata fayyadurratti osoo hin taane akkamiin akka aangoorra turu irratti jedhu xiinxaltoonni.
Qoqqoodamuu hawaasaa

Madda suuraa, Getty Images
Qoodamni siyaasaa hamaan uummata biyyattiis qoqqoodeera. Karaa bahaa warri Kurd wayita waraanicha eegalamurraa kaasuun kutaa to'annoo Sooriyaan ala ta'e qabatanii ba'an.
Loltoonni IS ammoo gammoojjii Sooriyaa bal'aa keessatti hafuun rakkoo nageenya hammeessuu itti fufan.
Karaa kaaba lixaa ammoo gareen finciltootaa HTS jedhaman kutaa Idlib jedhamtu olaantummaan bulchu.
Gareen hidhattootaa kunneen mootummaa qofa waliin miti kan wal waraanan, walii isaaniis ni waraanu. Kun ammoo waraana Sooriyaa akkaan walxaxaa taasise.
Gareen adda baatotaa, fakkeenyaaf kanneen deeggarsa Tarkii qaban garee- Syrian Dimocratic Forces (SDF) jedhaman waliin wal waraanu.
Gareen SDF jedhamu kun hidhattoota adda addaarraa kan qindaa'e yoo ta'u hidhattoonni Kurd garee People's Protection Units (YPG) jedhamurraa ta'an keessatti argamu.
Tarkiin garee YPG kanaan shororkeessaa jettee farrajjeetti.
Gareen HTS erga haleellaa eegalee yeroo muraasa booda gareen Tarkiin deeggaramu- Free Syrian Army jedhamu kutaa Alepo gara caalu qabate.
Kutaan biyyattii kun to'annoo Bashaar al-Asaad jala hin turre, to'annoo SDF jala ture.
Haalli kun hunduu waraanni Sooriyaa walxaxaa fi eenyu garee kam waliin akka walwaraanu tilmaamuun akka nama rakkisu taasise.
Kufaatii hariiroo idiladdunyaa

Madda suuraa, Reuters
Ajandaan qaamoleen garaagaraa dhiheessan walxaxaa fi kan waldhiitu ta'uusaarraa kan ka'e mariin nagaa, kan UN dabalatee Sooriyaa keessatti milkaa'uu hin dandeenye.
Gareen jajjaboon karoora tarsiimaawaa isaaniif dursa kennu, kennanii fudhachuurra dantaasaanii qofa hunda caalchisu.
Kun adeemsa nagaa buusuu keessatti qormaata guddaa ta'e.
Haalli duraan ture jijjiiramuu hin dandeenye. Mootummaa Bashaar al-Asaad dabalatee gareewwan wal waraanan hunduu nagaaf jecha fedhiisaaniirraa hanqisuu hin feene.
Asaad aangoo hin gadhiisu, finciltoonni waraana hin dhiisan. Isa buusanii bakka isaaniif malu qabachuuf humna jabeeffatanii haleellaa hammeessaa jiru.
Rakkoo Sooriyaa keessa jiru furuun biyyoota naannawa sanaafis hibboo ta'eera. Eenyuun araarsanii eenyuun dhiisu?
Kana keessatti fedhiin biyyoota alaa Sooriyaa keessa harka galfataniif jira.
Fakkeenyaaf Iraan Sooriyaan bakka ganamaatti deebitee rakkoonshee akka furamu feeti, US fi biyyoonni Awurooppaa ammoo fedhiin garee hundaa ilaalcha keessa galee furmaati hunda galeessa ta'e akka dhufu fedhu.
Kana keessatti Iraan fi US waldura dhaabbachuunis jira. Xiinxaltoonni ammoo tarii bulchiinsa haaraan US (kan Tiraamp) haala kana jijjiiruu danda'a yaada jedhu qabu.
Fakkeenyaaf Tarkiin Tiraamp kakuu seenee aangoo qabachuu dura finciltoonni humna jabeeffatanii, bakka isaaniif malu qabatanii akka eegan gochaa jirti jedhama.
Isa booda US fi Raashiyaa waliin kan mari'atan finciltoota isheen tumsitu akka ta'an barbaaddi Tarkiin.
Haata'u malee tarsiimoon bulchiinsa Tiraamp Baha Giddugaleessaa keessatti maal akka fakkaatu ammatti hubachuun nama rakkisa.












