Waraanni Sooriyaatti akka haaraatti eegale Alasaadiif hangam qormaata?

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Siiriyaa waraana Baha Giddugaleessaa raasaa ture yoo ta'u, hanga bara darbe Onkoloolessa 7 haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwateetti ajandaa gudda ture. Taateen Israa'el keessatti ta'e garuu haala sana jijjireera.
Haata'uu malee, waraanni Sooriyaa keessatti bifa haaran deebi'ee ka'e kun waraanni Baha Giddu Galeessaa qabate sun hammaataa akka jiru malee hir’achaa akka hin jirre caalaatti ragaadha.
Waraanaa waggoota kurnan lakkofsise keessatti, bara 2011 booda sirna abbaa isaa irraa dhaale baraaruuf bulchiinsi Bashar al-Asad michoota humna guddaa qaban akka Raashiyaa, Iraaniifi Hezboollaah Libaanos faatti michoome.
Garee finciltootaa jihaadistoota finxaaleyyii Islaamummaa irraa kaasee hanga milishoota Ameerikaa fi dureeyyii mootota Galoo Galaanaatiin deeggaramanitti waraanicha gidduu seenan.
Amma Iraan haleellaa Israa’el deeggarsa Ameerikaatiin irratti raawwatteen nageenyi ishee Baha Giddu Galeessaa keessatti qabdu raafameera.
Michuu ishee Hezboollaah kan duraan namoota isaa ciccimoo erguun sirna Asaad Siiriyaa keessatti falmuuf ergaa ture amma haleellaa Israa’eliin laafera.
Raashiyaan guyyoota muraasa darban keessa haleellaa finciltootaa Sooriyaa keessatti raawwatame irratti haleellaa qilleensaa bantee jirti, ta'ullee garuu xiyyeeffannoon waraanaa ishee guutummaatti jechuun haala danda’amuun waraana Yukireen irra jira.
Waraanni Sooriyaa keessatti geggeeffamaa ture hin xumuramin amma haala kanaan ka'uun isaa guutuummaan Baha Giddugaleessaa akka jeeqamu taasisuu mala. Gaazexeessitoonni biyyattii seenuun waan hin danda’amneefis taateen rawwatamu ifatti hawaasa addunyaa bira qaqabuu dhabuu danda'a.
Mootummaan Asaad hidhamtoota Sooriyaa mana hidhaa keessa turus, bara 2011 dura, fincilli Arabaa jalqabuu isaa waggaa tokko dura, humna Sooriyaa to’achuuf itti fayyadamaa ture deebisuu hin dandeenye.
Kanas ta’e sana, hanga guyyoota muraasa darbanitti mootummaan pireezidaanti Bashar Al-Asad magaalota gurguddoo, naanolee baadiyyaa fi daandii gurguddoo biyyattii wal qunnamsiisan to’achaa ture.
Amma Gamtaan gareewwan finciltootaa amma Hayat Tahrir al-Sham (HTS)n durfamu bulchiinsa Idlib daangaa Turkii waliin jiru keessaa bahuun Sadaasa 27 eegalee guyyoota muraasa keessatti loltoota Sooriyaa dhabamsiisera.
Haleellaa kanaan booda guyyoota lama keessatti suuraa qabsaa’ota masaraa durii Aleeppoo, buufata waraana mootummaa bara 2012 hanga 2015tti kan hin weeraramne, yeroo magaalattiin finciltootaa fi humnoota sirnichaa gidduutti qoodamte fudhatan maxxansaa turan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga waraanni mootummaa mo'amanii bahanii booda haalli magaalaa Aleppoo tasgabbaa'aa ta'ee mul'ata. Suuraan miidiyaa hawaasaa irratti qoodame tokko akka agarsiisutti finciltootni uffata waraanaa uffataniifi hidhannoo qabatanii bakka nyaatni saffisaa gurguramutti hiriira galanii eegatu.
HTS hidhata al-Qaayidaa qaba ture, haa ta'u malee bara 2016 garee kana waliin addaan ba'e. Garuu HTS ammallee akka garee shororkeessummaatti Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi biyyoota US, Gamtaa Awurooppaa, Turkii fi UK dabalatee jedhamee moggaafameera. (Mootummaan Siiriyaa mormitoota isaa hunda shororkeessitoota jedhee waama.)
Hogganaan HTS, Abu Mohammad al-Jawlani, Iraaq fi Siiriyaa keessatti hogganaa jihaadistii ta’uun seenaa dheeraa qaba. Waggoota dhiyoo asitti garuu fudhatamummaa garee isaa bal’isuuf yaaluun ilaalcha jihaadistii cimaa irraa fagaatee jira.
HTS haleellaa raawwataniif deeggarsa argachuuf kan itti fayyadamaa jiru yoo ta'u, kanas 'HTS Operation' jedhee of waama.

Madda suuraa, Getty Images
Waggaa keessatti Gareen jihaadistootaa bara 2011 mormiin dimokiraasii deggeran erga dhorkamee booda fincilaol’aantummaa qabaa dhufeen, lammiileen Sooriyaa hedduun ilaalcha jihaadistii Mootummaa Islaamaa sodaachuu isaaniitiin giddu galeessa ykn fedhii malee sirnicha cinaa dhaabbachuuf dirqaman
Haleellaan HTSn durfamu kun haala siyaasaa kaaba Sooriyaa diigamaa jiru keessaa ba’edha. Kaaba bahaa harki caalaan isaa Humnoota Dimookiraatawaa Siiriyaa (SDF) garee Kurdootaan durfamuu fi Ameerikaan deeggaramuu kana loltoota naannoo 900 qabuun to’atama.
Turkiin naannoo daangaa loltoota idilee mataa ishee akkasumas milishoota isheen deeggartu itti bobbaaftu to’achuu keessatti qooda guddaa qabdi.
Gabaasni Siiriyaa irraa bahe akka agarsiisutti humnoonni finciltootaa meeshaalee waraanaa ulfaatoo helikooptaroota dabalatee qabatanii magaalaa guddittii itti aanu kan daandii Damaasqoo irra jirtutti tarkaanfachaa jiru.
Mootummichi fi michoonni isaa of tasgabbeessuf jechaa tarkaanfii keessumaa humna qilleensaatiin rukutuuf akka fudhatu shakkiin jira
Finciltoonni kunneen humna qilleensaa hin qaban, garuu xiyyaarri nama malee hojjetu karaa waraana warraaqsa itti fidan kan bakka bu'an yoo ta'u, dirooniin tokko qondaala basaasaa olaanaa sirnichaa ajjeesuuf akka itti fayyadame gabaasaaleen bahaa jitu.
Waraanni bif haaraan Siiriyaa keessatti geggeeffamaa jiru yaaddoo idil-addunyaa uumaa jira. Ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan Siiriyaa, Geyir Pedersen ibsa baaseen "taateewwan dhiheenya kana raawwataman namoota nagaa irratti balaa guddaa kan fidan yoo ta'u, nageenya naannoo fi idil-addunyaa irratti dhiibbaa guddaa kan qabudha












