Finciltoonni Sooriyaa Aleeppoo gartokkoon to’atan

Finciltoota Sooriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Gareen finciltoota Sooriyaa keessa jiran biyyattii keessatti magaalaa guddoo lamaffaarratti argamtu Aleeppoo keessa bakkawwan hedduu to’achuu isaanii garee mirgoota namoomaa Sooriyaa hordofu (SOHR) jedhamu ibse.

Gareen kun akka jedhetti, hanga Jimaata galgalaatti finciltoonni kunneen magaalattii walakkaa ol to’ataniiru.

Tarkaanfiin kun waggootaan booda mootummaa Sooriyaa irratti haleellaa cimaa irratti gaggeeffamedha kan jedhame yoo ta’u, finciltoonni waraana Pirezidant Bashir Alaasaad lolan kunneen bara 2016 humna waraanaa biyyatiidhaan dirqamaan naannawaa sana keessaa erga bahanii booda Aleeppoo yeroo gahan kun isa jalqabaati.

Viidiyoon chaanaalii garee Islaamaa hidhate Hayaat Taahiriir Al-Shaam (HTS) waliin hidhata qaburratti gaadhiifame loltoota finciltootaa kanneen yeroo isaan magaalattii keessa konkolaataan socho’an agarsiisa.

BBC Verify viidiyoon kun naannawwaa qarqara lixa Aleeppootti kan waraabame ta’uu mirkaneeffateera.

Humnoonni mootummaa gamasaaniin ammoo magaalota Aleeppoofi Idilbii keessatti haleellaa HTS fi michoonnisaa banan qolachuun deebisanii to’achuu dubbataniiru.

Bara 2011 keessa tarkaanfii mootummaan hiriirawwan mormii deeggartoota dimokiraasiirratti fudhateen wal waraansa jalqabeen namoonni miliyoona walakkaaol ta’an ajjeefamaniiru.

Gareewwan hidhatanii mootummaa Asaad morman, Jihaaddistoota dabalatee rakkoo mudate kana fayyadamuun kutaalee biyyattii gara garaa to’ataniiru.

Bakka mormitoonni to’atan kan taate Idilbii harka caalu HTS jala kan jirtu yoo ta’u, gareen finciltootaa Turkiin deeggaramaniifi humnoonni Turkiis naannicha keessa qubatanii jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsi Jimaata chaanaalii finciltoota waliin hidhata qaburratti bahe, "waraanni keenya gara magaalaa Aleeppootti seenuu jalqabeera,"jedha.

Viidiyoowwan BBCn mirkanaa'an akka agarsiisanitti, wiirtuu magaalattiitti kan argamuufi ' Dahoo Aleeppoo bara Giddu-galeessaa'jedhamuun bakka beekamurraa kiiloomeetira torba faggaatee namoonni hidhatan yeroo fiigan ni mul'atu.

Viidiyoon biroo BBCn mirkanaa'e namoonni shaanxaa qabatan hedduun naannawaa Yunivarsiitii Aleeppoo yeroo deeman agarsiisa.

Viidiyoon kun kan waraabame miidiyaaleen HTS waliin hidhata qaban finciltoonni gara magaalatttii seenaa jiru jechuun agarsiisanirraa kiiloomeetira 3 fagaatee argama.

Mootummaan amma loltoonni deeggarsa kennan Aleeppoo qaqqabuufi finciltoota ar'aa jiraachuu dubbateera.

Maddeen waraanaa Rooyitarsitti akka himanitti, balaliiwwan Aleeppoorra taasifaman guutummaan guutuutti haqamuufi buufataaleen xiyyaaraa cufamamaniiru.

Haala Sooriyaa keessa jiru maddeen garagaraa fayyadamuun dhaabbanni hordofu (SOHR) akka gabaasetti, xiyyaaronnii Sooriyaafi Raashiyaa Jimaata kutaa bulchiinsa Aleeppoorratti haleellaa qilleensarraa 23 raawwataniiru.

Dhaabbanni kun akka jedhetti taanaan, waraana kanaan namoonni 255 kan du'an yoo ta'u, lola Sooriyaa keessatti finciltootaafi humnoota deeggartoota mootummaa gidduutti gaggeeffame keessaa duuti guddaan kan keessatti galmaa'edha.

Waraanni Idilbii keessatti gaggeeffamu bara 2020 irraa kaaseeTurkiifi michuu Sooriyaa murteessituu kan taate Raashiyaan dhiibbaa mootummaan kutaa bulchiinsaa kana deebisee qabachuuf taasisu dhaabsisuun waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga taasisaniin booda hir'achaa dhufeera.

Haata'u malee, gaafa Roobii HTS fi michoonni isaa "haleellaa" mootummaafi milishoota isa deeggaran naannawaa sanatti hammaachaa dhufe "ittisuudhaaf" jechuun dhukaasa jalqabuusaanii dubbataniiru.

Mootummaan Sooriyaafi michoonnisaa osoo walitti bu'insawwan biroo keessa jiranii waraana banamedha.

Biyya ollaa taate Libaanos keessatti loltoonni Israa'el garee Hezboollaah kan Iraaniin deeggaramu irratti duula waraanaa banuun ishee ni beekama.

Loltoonni Hezboollaah kallattii wal waraansa Sooriyaa jijjiiruun gahee guddaa qabu ture.

Israa'el Sooriyaa keessatti Iraaniifi gareewwan Iraan waliin hidhata qabanirratti xiyyeeffachuun haleellaa qilleensarraan taasiftu cimsitee itti fufteetti.