Jubaalaand hariiroon mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin qabu addaan kuteera jette

Madda suuraa, Jubaland State House
Filannoo waliin walqabsiisee mootummaa Federaalaa waliin atakaaroo keessa kan galteefi hanga tokko akka walabaati kan of ilaaltu, naannoo Jubaalaand hariiroo mootummaa Federaalaa waliin qabdus ta’e tumsa taasistu addaan kutuu beeksifteetti.
Jubaalaand bara 2013 irraa kaasee bulchaa kan jiru bulchiinsi Pirezidanti Ahimed Mohaammed Islaam ykn Maadobee, mootummaan Somaaliyaa heera mootummaa cabsuun, akkasumas tokkummaa ummatichaa jeeqaa jira jechuun himateera.
Itoophiyaafi Keeniyaa waliin kan wal daangessituufi naannolee hanga tokko wallaba ta’an shan keessaa tokko kan taate Jubaalaand, jalqaba torbanaarratti filannoo gaggeessiteen pirezidantiin naannichaa Maadobeen marsaa sadaffaatiif filatamuu isaa beeksisteetti.
Pirezidantiin mootummaa Somaaliyaa teessoo isaa Moqaadishoo godhatee Hasan Sheek Mahaammud hirmaannaa mootummaa Federaalaa kan gaggeeffamedha jechuun filannicha kufaa taasisuun isa ani yaadataa.
Atakaaroon sababa filannoo kanaatiin uumame hammaacha adeemuu hordofee mootummaan Federaalaa Maadobee irratti ajaja hidhaa baase. Jubaalaand ammoo deebii kanaa Pirezidant Hasan Sheek Mahaammud irratti ajaja hidhaa dabarsiteetti.
Kana hordofuun ammoo pirezidantiin Jubaalaand Maadobeen hariiroo mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin qaban akka addaan kutan kan beeksisan.
“Mootummaan Jubaalaand haariiroo fi tumsa mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin qabu kamiyyu guutummaan guutuutti addaan kuteera,” jechuun mootummaan Jubaalaand Kamisa kaleessaa Sadaasa 28, 2024 ibsa baaseera.
Mootummaan Jubaalaand Pirezidant Maadobeen hogganamu pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammu heera mootummaa cabsuun, aangoo seeraan ala fayyadamuufi malaammalummaatiin himateera.
Pirezidaantichi bulchiinsa Jubaalaand tasgabbooftuu taate keessatti rakkoon nageenyaa akka uumamu gachuu dabalatee “wal waraanuufi walitti bu’insi gosaa akka dhalatu” kakaasaa jiraachuufi carraaqqii finciltoota loluudhaaf taasifamu balaaf saaxilaa jiraachuun himateera.
Loltoonni Jubaalaand walitti bu’insa waggoota dheeraa tureen booda nagana buusuu danda’an tarkaanfii mootummaa Federaalaaatiin jeeqamaa jiraachuu beeksiseera bulchiinsi Pirezidant Maadobee.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haaromsi heeraa fi bulchiinsaa mootummaan federaalaa Somaliyaa gochaa jiru ofiin of bulchuu Jubaland fi sirna federaalaallee kan balaadhaaf saaxilu jechuun Jubaaland himatteetti.
Fooyya'iinsi heera mootummaa Somaaliyaa ji'oota muraasa dura taasifte gariin of bulchaa kan turte putlaandi beekkamtii akka hin kennineef aksumallee sirna federaalaa keessaa akka hin baatu yeroo sanatti beeksiftee turte.
Fooyya’iinsi heera mootummaa kun sirna sagalee al-kallattiin nnaannawa bu’uura godhachuun yeroo dheeraaf ture jijjiiruun mirga nama hundaaf sagalee kennuu akka guddisutu himama.
Dabalataanis sirna filannoo pirezidaantii kallattii, kan pirezidaantiin biyyatti hayyama paarlaamaa utuu hin eegne muummicha ministeeraa muuduu fi hojiirraa kaasu jalqabe.
Pirezidaantonni Somaaliyaa duraanii Mohaammad Abdullaahii Farmajoo, Sheriif Sheek Ahimad fi namoonni bulchiinsa Puuntlaand dabalatee, qondaaltoonni siyaasaafi dhuunfaa haaromsa heera sana cimsanii mormaniiru.
Mootummaan Jubaalaand "fooyya'insa heera mootummaa mana-maree mootummaa Federaalaatiin taasifamaniifi seerota filannoo bahan akka hin fudhanne" ibsa kaleessa baase kanaan himeera.
Bu'uurri heerri mootummaa "kan hin tuqamneefi dhimma mariitiif hin dhiyaannedha" kan jedhe mootummaan Jubaalaand, dhimmoota bulchiinsaa gara fuulad duraarratti, tokkummaa biyyaafi waliin ta'insa ummata Somaaliyaa irratti kan mariyatu waltajjiin marii siyaasaa hunda hammate hundeessuudhaaf karoofachuus beeksiseera.
Manni-murtii Moqaadishootti argamu gamasaatiin biyya ganuufi odeeffannoo icciitii ta'an qaamoleen alaatiif kennuutiin himachuun maadobee irratti Roobii Sadaasa 28, 2024 akka hidhamuuf ajaja irratti baaseera.
Pirezidantiin mootummaa Federaalaa Hasan Sheek Mahaammudis ta'e Maadobee waraana ofii ofiisaaniitiin ajajan waan qabaniif ajajni hidhaa mana-murtii hojiirra ooluun isaa gaaffii keessa akka galu taasiseera.
Ministirri beeksisaa Somaaliyaa Daawud Awweeyis ajajni hidhaa itti gaafatamummaa qaamolee haqaa seera kabachiisuufi murteessuuf aangoo qabaniiti jechuun Rooyitersitti himeera.
Haata'u malee, dhimma mootummaan Jubaalaand hariiroon mootummaa Federaalaa waliin qabu addaan kuteera jedherratti yaada hin kennine.
Filannoo gaggeeffame sana hordofee mootummaan Federaalaa loltoota dabalataa gara Jubaalaanditti bobbaaseera.
waggoota sadiin dura pirezidantiin yeroo sanaa kan turan Mahaammed Abdullaahii Mahaammed aangoosaanii dheereffachuuf jecha karoora baasuuu isaanii hordofee Jubaalaand mootummaa Federaalaa waliin walitti bu'insa keessa galuutti naannolee dhiyaatanii turan keessaa tokkodha.
Kachoo daabboo Somaaliyaa akka taatetti kan ilaalamtu Jubaalaand, magaalaan ishee guddoo Kisimaayoon faayidaa tarsiimawaa qaba kan jedhamu ulaan galanaa bakka itti argamudha.
Dabalataan bakka Somaaliyaafi Keeniyaan irratti wal dhaban kuusaan boba'aafi gaazii guddaan jira jedhamus qabatteetti Jubaalaand kun.












