Finciltoonni magaalota kibba Sooriyaa hedduu to'atan - Gabaasa

Deraa Jordaan daangessiti, bakka warraaqsi Sooriyaa bara 2011 keessatti eegaledha

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Deraa Jordaan daangessiti, bakka warraaqsi Sooriyaa bara 2011 keessatti eegaledha

Humnoonni finciltootaa kibba Sooriyaa keessa socho'an kutaa biyyattii daangaarratti argamtuu fi akkaan murteessituu taate Deraa to'ataniiru.

Warraaqsa uummtaa bara 2011 Pirezidant Bashaar al-Asaad irratti kan eegale bakka kanarraati.

Teessoon isaa UK kan ta'e jaarmiyaan dhimma walitti bu'iinsa Sooriyaa hordofu akka gabaasetti, ''hidhattoonni naannocha keessa socho'an humnoota mootummaa waliin waraana hamaa erga gaggeessanii booda buufataalee waraanaa hedduu to'ataniiru.''

Rooyitarsi finciltoota waabeeffachuun akka gabaasetti, waraanni mootummaa biyyattii bakkicha akka gadhiisanii fi aanga'oonni waraanaa gara magaalaa guddittii biyyattii Damaskas akka deeman daandii akka bananiif waliigalteerra ga'aniiru.

Damaskas iddoo hidhattoonni to'atan kanarraa kiilomeetira 100 fagaatti.

Finciltoonni kaaba Sooriyaa keessa socho'an ammoo magaalaa Hoomsi ga'uu ibsanis, BBCn gabaasota akkanaa qaama walabaarraa qulqulleeffachuu hin dandeenye.

Ingilaanditti kan argamu jaarmiyaan mirga namoomaa Sooriyaa irratti xiyyeeffatee hojjetu akka ibsetti, kutaa kibba biyyattii keessa kanneen hidhatanii socho'an naannawa Deraa harka 90 caalaa kan to'atan yoo ta'u, harka mootummaatti kan argamu naannawa Saanaamaayin jedhamu qofa.

Magaalaan Deraa iddoo ijoo fi tarsimooti. Bakka leenjii waraanaa fi barnootaa mijattuudha.

Magaalaa guddoo bulchiinsa naannochaa ta'uun alatti magaalota murteessoo daangaa Jordaan irratti argaman keessaa ishee ijoodha.

Ammoo warraaqsi uummataa bara 2011 tokko jedhee kan bulchiinsa Bashaar al-Asaad irratti eegale bakka kanarraati.

Warraaqsi uummataa sana hordofee jeequmsa fi waraana dhalateen lubbuun lammiilee miiliyoona walakkaa ol ta'anii badeera.

Waraanni waliinii hanga ammaatti biyyattii gaaga'aa jirus achirraa eegale.

Ministeerri dhimma biyya keessaa Jordaan rakkoo nageenyaa kibba Sooriyaa keessa jiru eeruun biyyattiin daangaa naannawa sana jiru cufuu ibseera.

Gama biraan gareen hidhattootaa Kurd karaa baha Sooriyaan magaalaa teessoo mootummaa taate Deer Eezoor to'achuu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Finciltoonni kaaba Sooriyaa waggoota dheeraa booda haleellaa tasa waraana biyyattii irratti banuun, dadhabina isaa saaxiluun magaalota ijoo to'achuu erga eegalanii torban tokko ta'eera.

Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti fincila akka haaraatti eegale kanaan yoo xiqqaate namoonni kuma 370 ta'an qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Erga finciltoonni torban darbe haleellaa jalqabanii as guutuu biyyattiitti lammiilee nagaa 111 dabalatee namoonni 820 ol ajjeefamaniiru jedhu falmitoonni mirga namoomaa.

Finciltoonni Kamisa darbe magaalaa kaaba biyyattii- Hamaa qabatan, kuni ammoo torbee darbe Aleppoo to'annoosaanii jala tursiisuu kan dadhaban prezidaant Asaad kufaatii guddaa lammaffaa ta'eera.

Hogganaan garee hidhattoota Islaamummaa ofiin jedhuu Hayat Tahiir al-Sham (HTS) Abu Mohammed al-Jawlani ''yeroon keessan ga'eera,'' jechuun jiraattota Homsitti himaniiru.

Finciltoonni kunnee gara kallattii kibbaatti deemaa kan jiran yoo ta'u, itti aansuun daandii gara Damaasqootti geessu Homsi irratti xiyyeeffataniiru.

BBCn naannoolee finciltoonni kunneen to'anne jedhan dhaaba walaba ta'e irraa mirkaneessuu kan hin dandeenye ta'us, dhaabbati mirga namoomaa UK keessatti argamu tokko finciltoonni kunneen magaalattii irraa kiiloo meetira muraasa akka fagaatan ibseera.