Asaad fi maatiin isaanii Moskootti koolu galan - Miidiyaa Raashiyaa

Bashaar al-Asaad waggoota dheeraaf Sooriyaa bulchan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bashaar al-Asaad waggoota dheeraaf Sooriyaa bulchan

Aangoo abbaa isaanirraa dhaalaniin waggoota dheeraaf Pirezidantii Sooriyaa ta'uun kan bulchaa turan Bashaar al-Asaad erga finciltootaan aangoo irraa kaafamanii eessa jiru kan jedhu gaaffii ture.

Ammaa garuu Asaad fi maatiin isaanii Raashiyaa Moskoo dhaquun koolu galtummaa argachuu, dhaabbileen oduu Raashiyaa madda Kireemlin wabeeffachuun gabaasaniiru.

Gabaasa kana TV'n mootummaa Raashiyaa gabaasuu hordofee gaaffii erga humnoonni finciltootaa Damaasqoo to'atanii booda pirezidaantiin duraanii Sooriyaa kun eessa akka jiran ilaalchisee tilmaama ka'aa turetti waan xumura godhe fakkaata.

Kanaan dura Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa Asaad ''pirezidaantummaa gadhiisuuf murteessee aangoo karaa nagaa akka dabarfamuuf qajeelfama kenneera'' jechuun beeksisee ture.

Buufata waraanaa ijoo lama Sooriyaa keessatti kan qabdu Raashiyaan michuu cimtuu Asaad yoo taatu, Asaad aangoorra akka turuuf waraana waggoota 13'f Sooriyaa keessa ture keessa seenaa turte.

Ta'us garuu Raashiyaan michoota ishee ijoo biroo Iraanii fi Hezbollaah Libaanos waraanaa keesssa turuu hordofee yaada tasgabbaa'een haleellaa finciltootaa Sooriyaa kanaan mootummaan Asaad akka hin kufne dhorkuu hin dandeenye.

Asaad erga torbee tokko dura Damaasqootti ministeera haajaa alaa Iraan waliin wal arganii as hin mul'anne.

Guyyaa sana finciltoota naannoo dhuunfatan sana saffisa guddaan akka haleelan dhaadatanii turani.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dilbata ganama erga hidhattoonni mormii tokko malee magaalattii seenanii booda gareen hidhattoota Islaamummaa Hayat Taahrir al-Shaam (HTS) fi michoonni isaanii ''Mootummaan Abbaan Irree Bashaar al-Asaad baqataniiru'' jechuun labsan.

Achiin boodas pirezidanticha irraas ta'e, waraana mootummaa ykn miidiyaalee mootummaa irraa mirkaneessi gabaasa kanaa waan hin dhaga'aminiif oduun waa'ee bakka Asaad jiru hin baramne ture.

Hogganaan dhaabbata UK keessatti argamuufi dhimma Sooriyaa hordofu, Observatory for Human Rights Sooriyaa (SOHR), akka jedhanitti, xiyyaarri Asaad fe'ee jira jedhamee amanamu kun "humnoonni nageenyaa waraanaa bakka sana osoo hin sosso'in dura karaa buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Damaasqoo Sooriya keessaa ba'aniiru" jedhan.

Namoonni balalii Damaasqoo keessaa fi bahu hordofuun Asaad yoom bahuu akka danda'aniifi eessa dhaquu akka danda'an adda baasuuf turan.

Dhaabbanni oduu Rooyitars qondaaltota olaanoo waraana Sooriyaa maqaan isaanii hin ibsamne lama wabeeffachuun akka jedhetti Asaad Dilbata ganama buufata xiyyaaraa Damaasqootti xiyyaara Sooriyaa Air yaabbatanii turan.

Xiyyaarri kunis sa'aatii biyya keessaa barii sa'aatii 10:00 tti buufata xiyyaaraa irraa ka'uu malee bakki qubatte hin baramne ture.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin fi Pirezidaantiin Sooriyaa kan turan Bashar al-Asad buufata xiyyaaraa Hameymim wayita daawwatan. Suuraan Mudde 11, 2017 fudhatame.

Madda suuraa, Reuters

Akka ragaan Flightradar24 irraa argame agarsiisutti, xiyyaarri kun jalqaba gara qarqara galaanaa Meditiraaniyaanii kan balali'e yoo ta'u, kunis bakka cimaa garee Asaad kan ta'ee fi buufata waraanaa Raashiyaa ijoo lama - buufatni xiyyaaraa Hememim fi buufata galaanaa Tartowus keessatti argamudha.

Boodarra xiyyarrichi to'annoo Raadariin ala ta'uyyuu garuu balaan mudates akka hin jirretu ibsame.

Odeeffannoon Flightradar24 irraa argame akka agarsiisutti xiyyaarri waraana Raashiyaa Dilbata darbe buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Latakiyaa Hememim irraa ka'ee gara Moskootti balali'e.

Hanga ammaatti garuu eenyu akka achi keessa ture hin baramne.

Akkasumas, Asaad gara Moskoo dhufuu isaa kan gabaase TVn mootummaa Raashiyaa akka jedhetti, qondaaltonni Raashiyaa bakka bu'oota "mormitoota hidhatee Sooriyaa" waliin wal arguun nageenya buufata waraanaa fi ergamoota dippilomaasii Raashiyaaf wabii ta'uu ibseera.

Raashiyaan haleellaan qilleensaa ishee duula qilleensaa waggoota sagal Asaad deeggaruuf geggeessite keessatti ''shororkeessitoota'' qofa irratti kan xiyyeeffate ta'uu cimsitee ibsiti.

Ta'us, yeroo hedduu namoota nagaa ajjeesuu fi bu'uuraalee misoomaa siiviilii barbadeessite jedhamuun himatamti.

Dhaabbati UK jiru baatii Fulbaanaa keessa akka jedhetti, namoota nagaa 8,700 dabalatee namoonni 21,000 ol duula waraanaa Raashiyaan ajjeefamaniiru.