Sagantaan niwukilaraa Iraan maali? US maal barbaaddi?

Buufata misooma nukilaraa Iraan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata misooma nukilaraa Iraan

Qondaaltonni Ameerikaa fi Iraan sagantaa Niwukilaraa Iraan falmisiisaa ta'e irratti waliigaltee haaraa irra ga'uuf yaaluun al-kallattiin magaalaa guddoo Omaan Maaskaat keessatti dhihoo kana mari'atanii turan.

Doonaald Tiraamp bara 2018 waliigaltee niwukilaraa kanaan dura Iraan fi humnoota addunyaa kaan gidduutti taasifamaa ture keessaa US baasuun, qoqqobbii dinagdee deebisuun Iraan aarse ture.

Pirezidantiin Ameerikaa mariin kun yoo hin milkoofne tarkaanfii waraanaa akka fudhatamu akeekkachiisanii turan.

Haleellaa Israa'el irratti eegalte booda haaloo ba'aa jiraachuu kan himtu Iraan, mariif qophii akka hin taanes ibsiteetti.

Jaarmiyaan dhimma anniisaa atoomawaa idiladdunyaa- International Atomic Energy Agency (IAEA) waggaa 20 keessatti yeroo jalqabaaf Iraan waliigaltee dhimma misooma niwukilaraa cabsuu ibseera.

Tarkaanfii jaarmiyaa kanaa US, UK, Faransaay fi Jarmaniin simataniiru.

Nama saayikilii oofaa fuldura gamoo dhaabbata anniisaa nikulaara Busheehr darbaa jiru, Onk. 2010.

Madda suuraa, AP

Meeshaan niwukilaraa maaliif Iraaniif hin hayyamamne?

Iraan sagantaa niwukilaraashee dhimma siivilii qofaaf akka fayyadamtu dubbatti.

Meeshaa niwukilaraa hojjechuuf akka hin yaalle cimsitee dubbatti, haata'u malee biyyoonni hedduun, akkasumas dhaabbanni niwukilaraa addunyaa, Ejensii Humna Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) Iraaniin hin amanne.

Shakkiin kunis yeroo Iraan bara 2002tti dhaabbilee niwukilaraa dhoksaa qabaachuun ishee argamte kan eegale ture.

Taateen sunis waliigaltee Iraanii fi biyyoonni biroo hundi jechuun danda'amu mallatteessanii fi Waliigaltee Niwukilaraa Hin Babal'isne (NPT) jedhamu cabse.

Waliigaltee Niwukilaraa Hin Babal'isne (NPT)n biyyoonni teeknooloojii niwukilaraa waraanaa hin taane, kan akka qoricha, qonnaa fi anniisaaf, akka fayyadaman kan hayyamu yoo ta'u, meeshaa niwukilaraa garuu akka hojjetamu hin hayyamu.

A colour-coded map showing different types of nuclear facilities in Iran, including research facilities, uranium mines and conversion plants as well as a nuclear power plant and a uranium enrichment plant.

Sagantaan niwukilaraa Iraan hangam guddateera?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga Ameerikaan waliigaltee niwukilaraa ture, kan Karoora Hojii Waliigalaa Waloo ykn JCPOA jedhamuun beekamu, keessaa bara 2018 baatee kaasee, Iraan murtee qoqqobbii deebisee kaa'uuf haaloo ba'uuf jecha waadaa ijoo cabsiteetti.

Yuuraaniyeemii gabbisuuf seentiriifiyuujiiwwan sadarkaa olaanaa (maashinii qulqulleessituu) kumaatamaan lakkaa'aman hundeessite, kunis waan JCPOAn dhorkamee ture.

Meeshaan niwukilaraa oomishuun yuuraaniyeemii qulqullina %90tti gabbiifame barbaada. JCPOA jalatti, Iraan yuuraaniyeemii hanga %3.67 gabbisuu qabu hanga 300kg (600lb) qofa akka qabaattu hayyamameef. Kunis, humna niwukilaraa fi qorannoo siiviiliif gahaa yoo ta'us garuu boombii niwukilaraa oomishuuf miti.

Haata'u malee, hanga Bitooteessa 2025tti IAEAn Iraan Yuuraaniyeemii gara 275kg kan qulqullina %60tti gabbiiftee akka qabdu ibseera.

Sunis ti'ooriidhaan yoo Iraan yuuraaniyeemii baayyee gabbiisee, meeshaa waraanaa hedduu hojjechuuf gahaadha.

Qondaaltonni Ameerikaa Iraan torban tokko keessatti yuuraaniyeemii sana gara sadarkaa meeshaa waraanaa boombii gahaa ta'etti jijjiiruu dandeessi jedhanii amanu.

Haata'u malee, Iraan meeshaa niwukilaraa ijaaruuf waggaa tokko hanga ji'a 18 akka fudhatus dubbatte. Ogeeyyiin tokko tokko meeshaan "dheedhiin" j(crude) ji'a jahaa fi isaa gadi keessatti hojjetamuu akka danda'u dubbatu.

Tiraamp maaliif waliigaltee nikulaaraa keessaa bahan?

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi Gamtaan Awurooppaa, shakkii sagantaa niwukilaraa ishee boombii hojjechuuf itti fayyadamaa jira jechuun, bara 2010 irraa eegalee qoqqobbii dinagdee bal'aa Iraan irratti kaa'an.

Qoqqobbiin kun Iraan gabaa idil-addunyaa irratti boba'aa akka hin gurgurre kan dhaabe yoo ta'u, qabeenya biyyattiin alaa qabdu doolaara biiliyoona 100 (£77bn) dhorkeera.

Diinagdeen ishee kufaatii keessa seenee gatiin maallaqa ishee sadarkaa gadi aanaa galmeessisuun gadi bu'ee, kunis qaala'iinsi jireenyaa akka ol ka'u taasiseera.

Bara 2015tti Iraanii fi humnoonni addunyaa ja'a, US, Chaayinaa, Faransaay, Raashiyaa, Jarmanii fi UK marii waggoota dheeraa booda JCPOA irratti waliigalan.

Iraan sagantaa niwukilaraa isheetiin maal akka hojjettu daangeessuu bira darbee, IAEAn dhaabbilee niwukilaraa Iraan hunda akka doowwatuu fi iddoowwan shakkaman akka sakatta'u taasiseera.

Isaan booda, biyyoonni kunneenis qoqqobbii ture kaasuuf waliigalan.

JCPOA hanga waggaa 15tti kan turu yoo ta'u, sana booda daangeffamni kun ni xumurama.

Teeknishaaniin Iraan tokko guwaantii fi uffata ittisaa biroo uffatee harka bitaa isaatiin meeshaalee fuulduratti, Dhaabbata Jijjiirraa Yuuraaniyeemii Isfahaan (UCF) Iraan keessatti Guraandhala 3 bara 2007tti kiliipboordii qabatee jira.

Madda suuraa, Getty Images

Doonaald Tiraamp bara 2018 yeroo aangoo qabataniitti ture kan US waliigalticha keessatti utubaa ijoo turte keessaa baasan.

Dhaabbataa waan hin taaneef, sagantaa misaa'ela balistikii Iraan waan hin ilaalleef ''waliigaltee badaa'' ta'uu dubbataniiru. Iraan waliigaltee haaraa fi cimaa irratti akka mari'attu dirqisiisuu haaluuma qaama duula ''dhiibbaa guddaa''tti, Traamp qoqqobbii Ameerikaa irra deebiin kan kaa'an.

Murteen Tiraamp kun michoota rojinichaa Ameerikaa kanneen waliigaltee kana morman, irra caalaas Israa'el irraa dhiibbaatureeniidha.

Israa'el Iraan ammallee sagantaa niwukilaraa dhoksaa hordofaa akka jirtu kan himte yoo ta'u, Iraan sochii waraanaa ishee cimsuuf qoqqobbii irraa bilisa ta'uuf doolaara biliyoonaan lakkaa'amu akka fayyadamtu akeekkachiifteetti.

US fi Israa'elii maal barbaaduu?

Labsiin Tiraamp marii Iraan waliin taasifamu ilaalchisee taasisan kunis Israa'el waan ajaa'ibsiise fakkaata. Hanga ammaatti Iraan waliigaltee kana irra deebitee mari'achuu kan didde ta'us, yeroo dheeraaf waliigaltee JCPOA irra "foyya'aa" ta'e akka raawwatan dubbatee ture.

Traamp kanaan dura yoo Iraan waliigaltee haaraa hin taasifne ''boombiin ni jiraata'' jechuun akeekkachiisanii turan.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa isaanii Maayik Waaltz, Tiraamp sagantaa niwukilaraa Iraan ''guutumaan guutuutti akka diigamu'' akka barbaadan ibsuun. ''Sunis gabbisa, meeshaa waraanaa hojjechuu, fi sagantaa misaa'ela tarsiimoo ishee ta'aniidha'' jedhan.

Iraan qoqqobbii irraa bilisa ta'uuf waliigalteen sagantaa niwukilaraa ishee daangessuuf malee diiguuf abdatti.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas, "Akeekni keenya ejjennoo wal qixa irratti waliigaltee haqa qabeessaa fi kabajamaa irra ga'uudha" jedhan.

Tiraamp ''marii kallattiin'' ni jiraata jedhanis, Araghchi mariin Omaan keessatti taasifamaa ture al-kallattiin akka ta'e ibsuun, yeroo isaan deemanitti haasawa gabaabaa isaanii fi ergamaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoof gidduutti taasifamee ture.

Araghchi Iraan US waliin hojjechuuf qophii ta'uu ishee dubbachuun, garuu Tiraamp jalqaba ''filannoo waraanaa'' jiraachuu akka hin dandeenye waliigaluu qabu jedhan.

Doonaald Tiraamp fi Alii Khaameenii

Madda suuraa, Reuters / Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp (B) baatii Bitooteessa keessa Hogganaa Ol'aanaa Iraan Alii Khaameeniif (M) barreessanii waliigaltee haaraa ta'uu danda'u ibsaniiru

Erga Tiraamp labsanii booda ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee fudhatama qabu, Iraan sagantaa niwukilaraa ishee dhabamsiisuuf yoo waliigalte kan of keessaa qabu ta'uu ibsaniiru.

Kana jechuun: "Seenneeti, dhaabbilee dhoosnee, meeshaalee hunda diigna, hordoffii fi raawwachiisuu Ameerikaa jalatti" jechuu akka ta'e dubbateera.

Sodaan Israa'el guddaan, Tiraamp yaada araaraa Iraan guutummaa hin taanee fudhachuu danda'u, kanis ammoo akka injifannoo dippilomaasiitti dhiyeessu danda'u ta'a kan jedhuudha.

Israa'el, biyyi NPT hin mallatteessine, meeshaa niwukilaraa qabdi jedhamee fudhatama, kunis waan isheen hin mirkaneessinee fi hin haalleedha.

Israa'el, Iraan hidhannoo niwukilaraa kan qabdu fi kan mirga Israa'el jiraachuu hin fudhanne, balaa guddaa akka fidu amanti.

US fi Israa'el Iraan haleeluu danda'uu?

US fi Israa'el lamaan iyyuu bu'uuraalee niwukilaraa Iraan irratti haleellaa raawwachuuf dandeettii waraanaa qabu, garuu ammoo duulli akkanaa walxaxaa fi balaa kan qabu yoo ta'u, bu'aansaas mirkanaa'aa miti.

Buufataaleen niwukilaraa ijoo ta'an lafa jalatti gadi fageenyaan kan awwaalaman yoo ta'u, boombii humna guddaa qaban kanneen gamoo cabsan qofatu isaan bira ga'uu danda'a jechuudha. Ameerikaan boombii kana kan qabduu yoo ta'u, Israa'el akka qabdu hin beekamu.

Iraan ofirraa ittisuu akka hin oolu yaaduu ni danda'ama. Kunis qabeenya Ameerikaa naannicha keessa jiru haleeluu fi misaa'ela Israa'el irratti dhukaasu dabalatee ta'uu danda'a.

Duula kana fakkaatu kamiifuu, US buufataalee ishee Galoo Galaana keessa jiran, akkasumas xiyyaarota fe'umsaa fayyadamti ta'uun hin oolu.

Haata'u malee biyyoonni akka Kaarar buufata xiyyaaraa guddaa Ameerikaa keessummeessituu, haaloo bahuu sodaachuun Iraan haleeluuf gargaaruuf waliigaluu dhiisuu malu.