Iraan gabbisa nikularaashee akka dhiistu Tiraamp amansiisuu danda'aa?

DoonaaldTiraamp fi Ayaatolaa Kameenii

Madda suuraa, Reuters / Getty Images

Tiraamp nama ariifataa fakkaata. Ji'a muraasa aangorra turetti Gaazaafi Yukireenitti nagaa buusuf yaalus hin milkoofne. Hidhattootaa Huutii Yaman irra deddeebin haleelera.

Waraana daldalaas addunyaarratti labseera. Amma immoo fuulasaa Iraanitti deebifateera.

Tiraamp bara pirezidaantummaasaa isa jalqabaarraa kaasee waa'een Iraan ajandaa hin cufamin hafeedha. Iraan boombii nikularaa akka hin omishne maaltu dhaabuu danda'a?

Iraan gamasheen boombii nikularaa omishuuf tasumaa fedhii akka hin qabne irra deddeebin waakkatti.

Biyyoonni kaan ammoo biyyi rippaabilika Islaamaa kun yoo xiqqaate dandeettii boombii nikularaa omishuu danda'uu qabaachuu akka barbaaddufi kuni ammoo Baha Giddu Galeessaa keessatti dorgommii omisha meeshaa waraanaa hammeessa jedhanii sodaatu.

Bara 2015, yeroo bulchiinsa Obaamaa, Iraan gabbisa nikularaa akka xiqqeessituufi to'annoof banaa akka gootu biyyoota US dabalatee biyyoota akka UK, Faransaayi, Jarman, Raashiyaafi Chaayinaa fa'aa waliin waliigaltee Joint Comprehensive Plan of Action (JCPOA) jedhamu mallatteessitee turte.

Akkaataa waliigaltichaatti Iraan gabbisa anniisaa nikularaa xiqqeessuu, fedhii meeshaa waraanaa nikularaa omishuu akka hin qabne mirkaneessuu yoo ta'u, bakkasaa ammoo qoqqobbiin diinagdee akka irraa ka'u ture.

Garuu Tiraamp bara 2018 US waliigalticha keessaa akka baatu godhe. Sababni inni dhiyeessee ture ammoo, Iraan qaamolee hidhatan kanneen akka Hamaasfi Hezbollaa fa'aa hidhachiisti kan jedhuudha.

Xinxaaltonni akka jedhanitti yeroo dhiyootti yuraaniyeemii meeshaa waraanaa nikularaa hojjachuuf dandeessisu qabaachuu dandeessi.

Dhaabbanni International Atomic Energy Agency (IAEA) akka jedhutti gabbisi yuraaniyeemii Iraan %60 irra akka gaheefiu sadarkaa ittaanutti yoo guddifame boombii nikularaa jaha omishuu dandeessisa.

Tiraamp akkuma aangotti deebi'een Iraanirratti dhiibbaa cimaa geessisuun akka barbaachisu ibse.

Ji'a Guraandhalaa keessa Iraanirra qoqqobbiin haaran akka kaa'amuufi biyyoota boba'aa Iraan bitanirras qoqqobbiin akka kaa'amu ajaja mallatteesse.

Ji'a darbe ammoo Tiraamp gaggeessaa olaanaa Iraan Ayaatolaa Kameenidhaaf xalayaa erge. Qabiyyeen xalayichaa, Iraan US waliin walii hin galtu yoo ta'e rakkoon cimaan akka ishee mudatu kan ibsuudha.

Amma bakka bu'oonni biyyoota lamaanii dhuma torban kanaa Omaanintti wal-arganii kallattiin mariyachuuf akka jiran mirkanaa'era.

"Marichi hin milkaa'u yoo ta'e, Iraan rakkoo hamaa keessa seenti," jechuun Tiraamp Wiixata darbe dubbatee ture.

Nama buufata gabbisa nikularaa Iraan keessa hojjatu

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Marii taasifamu kanarratti waan US barbaadduf deebin Iraan maal ta'inna?

Namoonni siyaasaa Iraan tokko tokko akka jedhanitti, Teehran US wajjin walii galtee qoqqobbiin akka irraa ka'u feeti.

Diinagdeen Iraan garmalee miidhameera; qaala'iinsi jireenyaa olka'uun alatti sharafni biyyattii akkaan gadi bu'eera.

Iraan yeroo dhiyoo as hidhattoonni isheen Baha Giddu Galeessaa keessatti ittiin boontufi dhiibbaashee agarsiiftu jalaa dadhabaniiru.

Hamaasifi Hezbollaan lola Israa'el wajjin gaggeessaniin garmalee miidhamaniiru. Hidattoota Huutis taanan, yeroo dhiyoo as Tiraamp irratti fuulleffachuun haleellaa cimaa irratti gaggeessaa jira.

Michuu Iraan jabaa kan ture gaggeessaan Sooriyaa Bashiir Al-Asaad aangorraa kaafamuun hidhattoonni faallaa Iraan aangoo qabataniiru.

Namoonni tokko tokko ammoo Iraan inumaayyuu yeroon itti boombii nikularaa omishuu qabdu amma jedhanii yaadu.

USfi Iraan ammayyuu walirraa fagoo jiru. US kan isheen feetu Iraan guutummaan sagantaa gabbisa nikuraa akka dhaabdufi hidhattota Huutifi Hezbollaa gargaaruu akka dhaabdudha.

Iraan kana fudhachuuf baay'ee itti ulfaachuu mala. Iraan gabbisa nikularaa addaan kutuu tasumaa akka hin dandeenye waggootaf ijjannoo jabaa qabattee jirtuudha.

Dhimmi Iraan kan US qofa ilaallatu qofa miti, Israa'elis jirti. Israa'el sagantaan gabbisa nikularaa guutummaan yoo hin dhaabbanne haleellaa akka gaggeessitu sodaachisaa turte.

Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu akka jedhanitti, Iraan akkuma Liibiyaan sagantaa gabbisa nikularaashee diigdee turte gochuu qabdi.

Gaggeessaa duraanii Liibiyaa kan ture Mohaammar Gadaafii qoqqobbiin diinagdee akka biyyattiirraa ka'uuf jecha bara 2003tti sagantaa gabbisa nikulataa eegale guutummaan diigee ture.

Iraan garuu faana Liibiyaa waan hordoftu hin fakkaattu. Mariin USfi Iraan gaggeessuf jedhan kun hin milkaa'u yoo ta'e, Tiraamp akkuma akeekkachiisee ture Iraanirratti tarkaanfii waraanaa labsuu mala kan jedhan jiru.