Tiraamp iddoowwan niwukilaraa Iraan haleeluuf dhaadachuun sarara diimaadha jedhame

Madda suuraa, Reuters
Akeekkachiisni prezidaantii Ameerikaa Doonaald Traamp dhaabbilee niwukilaraa Iraan dhabamsiisuuf kennan sarara diimaa ta'uu miidiyaan Iraan aanga'oota biyyattii waabeffachuun gabaase.
''US dippilomaasii yoo barbaadde afaan doorsisaa fi qoqqobbii dhiisuu qabdi," kan jedhan qondaalli Iraan maqaan isaanii hin ibsamne tokko, doorsisni akkasii "dantaa biyyaalessaa Iraan irratti diinummaa ifatti mul'atudha" jedhan.
Tiraamp Kibxata darbe Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsa wayita kennan, "waliigaltee niwukilaraa cimaa ta'en barbaada'' jedhan.
''Kanaaf waan filanne haa fudhannu, ykn waliigaluu ykn baleessuu. Waan barbaannu hunda barbadessuu dandeenya garuu kana hundarra osoo namni tokkollee hin miidhamne akka ta'un hawwa" jechuun ibsaniiru.
Laaboraatoorii tokko diiguu dandeenya, garuu namoonni dhuunfaa mana yaalaa keessatti hin argaman, haala yeroo inni barbadaa'u namni hundi mana yaalaa keessa jiru irraa adda."
Traamp waldhabdee waggoota kurnan lamaan darbaniif sagantaa niwukilaraa Tehran irratti Ameerikaan qabdu yoo karaa dippilomaasii hin furamne niwukilaraa Iraan irratti boombii darbachuu akka danda'an irra deddeebiin doorsisaa turan.
Tiraamp Jimaata darbe akka jedhanitti, walii galteen Iraan ''yeroo baay'ee fagoo hin taane'' keessatti ni rawwatama jedhan.
Fedhiin Iraan maali?
Namoonni siyaasaa Iraan tokko tokko akka jedhanitti, Teehran US wajjin walii galtee qoqqobbiin akka ishee irraa ka'u barbaaddi.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Diinagdeen Iraan garmalee miidhameera; qaala'iinsi jireenyaa olka'uun alatti sharafni biyyattii akkaan gadi bu'eera.
Iraan yeroo dhiyoo as hidhattoonni isheen Baha Giddu Galeessaa keessatti ittiin boontufi dhiibbaashee agarsiiftu jalaa dadhabaniiru.
Hamaasifi Hezbollaan lola Israa'el wajjin gaggeessaniin garmalee miidhamaniiru. Hidhattoota Huutis akka duraa miti.
Michuu Iraan jabaa kan ture gaggeessaan Sooriyaa Bashiir Al-Asaad aangorraa kaafamuun hidhattoonni faallaa Iraan aangoo qabataniiru.
Namoonni tokko tokko ammoo Iraan inumaayyuu yeroon itti boombii nikularaa omishuu qabdu amma jedhanii yaadu.
US kan isheen feetu Iraan guutummaan sagantaa gabbisa nikuraa akka dhaabdudha.Iraan garuu tajaajila waraanan alaaf fayyadamuu akka barbaaddu ibsiti. Kanaafis gabbisa nikularaa addaan kutuu tasumaa akka hin dandeenye waggootaf ijjannoo jabaa qabdi.
Dhimmi Iraan kan US qofa ilaallatu qofa miti, Israa'elis jirti. Israa'el sagantaan gabbisa nikularaa guutummaan yoo hin dhaabbanne haleellaa akka gaggeessitu sodaachisaa turte.
Saawud Arabiyaan erga Tiraamp tibbana daawwanna achitti taasisanii booda Iraan waligaltee kana akka fudhattu dhiibaa jirti.












