Seenaan Iraaqiifi Liibiyaa Iraan keessatti irra deebi'uu malaa laata?

Madda suuraa, AP
Waraan Iraanii fi Israa'el jidduutti geggeeffamuu jalqabe keessatti tibbana Ameerikaan kallattiin hirmaachuun buufataalee Iraan irratti haleellaa raawwatteetti.
Kunis erga xiyyaarri waraanaa US B-2 jedhamanii fi boombii Aadunyaa kanarratti Ameerikaa qofatu qaba jedhamee amanamuun buufata nukilaraa lafa jalaa Iraan kan Foordoo fi Naataanz akkasumas Isfaahaa erga haleelteetti.
Ajaja kana kan dabarsan Pirezidaanti Tiraamp yoo ta'u, Ameerikaan sagantaa nikularaa Iraan ''barbadeessiteetti'' jedhan. Haleellichaanis, miidhaa guddaa akka qaqqabe ibsaniiru.
Iraan haleellaan raawwachuu mirkaneessituus, hamma miidhaa gahe xiqqeessiteetti, nutii Israa'el injifatee Ameerikaas fuula keessa kabalee jetteetti.
Haata'u malee, Ameerikaaf deebii 'cimaa' akka kennitu dhaadachuun buufataalee waraanaa US Kaataar keessa jiru irratti haleellaa raawwaatteetti.
Xiinxaltoonni hedduun kun balaa waraanni Baha Giddu Galeessaa keessatti geessisu darana akka hammeessu yaaddoo qaban ibsu.
Taraamp waa'ee egeree mootummaa Iraan ilaalchisee "maaliif sirni hin jijjiiramne?" yaada jedhu akka qaban ibsan.
"Jecha 'jijjiirama sirnaa' jedhu fayyadamuun siyaasaan sirrii miti garuu mootummaan Iraan amma jiru Iraan deebisee fooyyessuu yoo hin dandeenye maaliif jijjiiramni sirnaa hin taasifamne" jechuun barreessan Tiraamp.
Bara aangoo Tiraamp jalqabaatti Iraan keessatti ergamaa Ameerikaa kan turan Eliyoot Abraams garuu yaadni Tiraamp 'jijjiirama sirnaa' jedhu 'qoosaa' ta'uu mala jechuun karoora Ameerikaa akka hin taane haalan.
Garuu seenaa duubatti deebinee yoo kan ilaallu ta'e, wanti Tiraamp kaasan seenaa Ameerikaaf addunyaaf waan haaraa miti. Biyyoonni akka Iraaq, Liibiyaa fi Filisxeem kan muudates kanuma. Garuu hireen kun tarii Iraan muudachuu malaa?
Iraaqiitti maaltu mudatee ture?

Madda suuraa, AP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaan Saadaam Huseen bara 2003tti meeshaa waraanaa jumlaa (Weapons of Mass Destruction) nikulaara dabalatee qabaa jedhamuun kan aangorraa buufamuun ajjjefame yoo ta'u, boodarra garuu, waanti jedhame sun soba ta'ee argame.
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii murtoo 687 Iraaq meeshaa waraanaa jumlaa (WMD) ishee hunda akka balleessitu ajaje dabarse.
Kunis meeshaalee waraanaa akka nikularaa, baayoloojiikaalaafi keemikaalaa akkasumas misaa'ela fageenya dheeraa dabalatee ibsuuf itti fayyadameedha.
Bara 1998 Iraaq tumsa dhaabbata hordoffii meeshaa waraanaa UN Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa (IAEA) waliin taasiftu kan dhaabde yoo ta'u, yeroo sanatti Ameerikaa fi UK'n qilleensaarraan haleeluu eegalan.
Haleellaa Al-Qaayidaan Adoolessa 11, 2001 Giddugala Daldala Addunyaa Niiw Yoork fi Peentaagoon Waashingitan irratti raawwateen booda bulchiinsi Pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Joorji W. Buush Iraaq weeraruuf karoora baasuu jalqabe.
Pirezidaant Buush, Saadaam meeshaa nikularaa kuusuu fi gabbisuu itti fufee akka jiruu fi Iraaq, Iraan fi Kooriyaa Kaabaa waliin ''qaama yaaddoo hamaa egeree idil-addunyaa'' ta'uu himan.
Waxabajjii bara 2002 keessa ammoo Kongireessiin Ameerikaa Iraaq irratti tarkaanfii waraanaa akka fayyadamuuf hayyame.
Haata'u malee, Mana Maree kana hin amansiisne. Miseensonni ishee harki caalaan isaanii gareen hordoffii meeshaa waraanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Ejensii Annisaa Atoomikaa Idil-addunyaa - kan bara 2002 gara Iraaq deeman - qorannoo dabalataa achitti gaggeessuun ragaa meeshaaleen waraanaa akkasii jiraachuu isaanii akka mirkaneessan gaafatan.
Haata'u malee, Ameerikaan hanga gareen hordoffii gabaasa kennan hin eegnu jettee, Iraaq irratti ''tumsa warra fedhii qaban'' walitti qabde.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa yeroo sanaa, Kooliin Paawel bara 2003tti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti akka himanitti, Iraaq ''laaboraatoorii addaa'' meeshaa waraanaa baayoloojii hojjechuuf gargaaru qabdi jedhan.
Haata'u malee, bara 2004tti ragaan kana agarsiisuu fi qabatamaa fakkaatu akka hin jirre amanee ture.
Liibiyaa

Madda suuraa, Getty Images
Muhammar Gaddafi bara 1942 dhalate. Leenjii fi barnoota waraanaa malee barnoota ammayyaa hin arganne.
Bara 1969tti Koloneela kan ture Muhammar Gadaafii, qondaalota waraanaa qindeessuun fonqolcha mootummaa raawwate.
Fonqolcha mootummaa booda Gadaafiin haaromsa diinagdee fi lammiilee alagaa biyyattii to'annaa jala oolchaniiru jedhe akka biyya isaati hari'u dhaadate.
Kanaanis Liibiyaan biyya boba'aa isheetti fayyaadamuuf hiree argattee akka taatuu seeraa haaraa baasuun dhaabbilee biroo hari'an.
Haalli kun biyyoonni Arabaa biroo boba'aa isaanii irratti abbummaa akka qabaatan akka dhiibba akka uuman taasiseera. Bara 1970moota keessa biyyoota Arabaa boba'aa oomishan keessatti guddinni dinagdee guddaan mul'ate.
Koloneel Gadaafiin hoogganaa Araboota, mootii Afrikaa, Imaama Muslimootaa fi falmaa bilisummaa cunqurfamootaa akka ta'ee of labse.
Haata'u malee, hariiroon Liibiyaa Ameerikaa waliin qabdu hammaataa waan dhufeef, Ameerikaan Muhammar Gadaafii aangoo irraa kaasuuf fedhiin qabdu dabalaa dhufe.
Kunis deeggarsa Gadaafiin shororkeessummaaf godhu dabalatee sochii fedhiifi dantaa Ameerikaan ala taasisuu irraa kan ka'ee dha jedhu gabaasaaleen.
Taatee shororkeessummaa bara 1986 mana bashannanaa halkanii Barliin loltoonni Ameerikaa itti bashannanan irratti boombii darbachuu fi Muddee 21, 1988 Iskootilaandi magaalaa Lockerbi irratti boombii darbachuu dabalatee, haleellaa shororkeessummaa adda addaa raawwatamu irratti Ameerikaan Gadaafii "ispoonsara mootummaa shororkeessummaa" jechuun moggaafte.
Biyya keessattis abba irrummaa, qabiinsa mirga namoomaa, mormii ukkaamsuu, namoota siyaasaa mormitootaa hidhamuufi ajjeechaa namoota nagaa raawwachuu, imaammata alaa Ameerikaa naannicha keessatti mormuu dabalatee qeeqni hedduun irratti hammate.
Gadaafiinis ifatti dhiibbaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaa fi Afrikaa irraa qabdu mormuun sochii biyyoota dhihaa fi imaammata alaa Ameerikaa naannicha keessatti morman deeggaraa ture.
Haaluma wal fakkaatuun, sochiin tasa biyyoota Arabaa keessatti bara 2011 Liibiyaa irrattis dhiibbaa uume, NATO fi michuu ishee Ameerikaan humna Gadaafii irratti haleellaa qilleensaa waan bananiif, Liibiyaan waraana biyyaa keessaa akka seentu taasise.
Haalli kun xumura irratti deemee ajjeechaa Gadaafii fi kufaatii sirna isaa akka ta'uun goolabame, Liibiyaanis akka hin taanetti barbadoofte.
Haata'u malee, boodarra dhaabbileen mirga namoomaa adda addatin ragaan himannaawwaan dhiyaatan kana mirkaneessan qabatamaan jiraachuu irratti shakkii kaasan.
Waraana israa'elii fi Filisxeem taasisan keessattilee dhiibbana Ameerika haalan mul'ataa ture.
Yeroo jalqabaaf pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampii Yerusaalem magaalaa guddoo mootummaa Yihudootaa ta'uun beekamtii kennan. Kun tarkaanfii Filisxeemotni ejjennoo Ameerikaan Israa'el irratti qabduuf akka ragaa guddaatti kaasaniidha.
Kana malees bulchiinsa Tiraamp jalatti Ameerikaan maallaqa dhaabbata Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii baqattoota Filisxeemiif kennitu hunda addaan kuttee turte.
Yeroo sun ta'u, biyyoonni 10 ol Ameerikaa deeggaruun maallaqa isheef kennitu addaan kutan.
Israa'el yeroo dheeraaf gargaarsa maallaqaa Ameerikaa irraa argachaa kan turte yoo ta'u, kunis Waraana Addunyaa Lammaffaa irraa eegalee kan jalqabe ta'uu ibsameera.
Fakkeenyaaf, bara 2016 prezidaantiin Ameerikaa yeroo sanaa Baaraak Obaamaa Israa'el gargaaruuf waliigaltee ittisaa doolaara biiliyoona 386 mallatteessaniiru, kunis sirna ittisa isheef maallaqa waggoota 10f kennuu dabalatee ture.
Haaluma walfakkaatuun, Doonaald Tiraamp Ameerikaan Gaazaa ''fudhattee'' ''qabachuu'' dandeessi jechuun addunyaa rifachiisan.
Tiraamp karoora isaanii jalatti Gaazaan Ameerikaa fi Israa'eliif akka dabarfamuu fi jiraattonni ishee mirga deebi'uu malee bakka biraatti akka geeffamaniif yaada jedhu dhiyeessan.
Haata'u malee, karoorri kun biyyoonni Arabaa cimsee mormaniiru. Haalli fi waraanni amma gam lamaan Iraan irratti baname hoo seenaa kun irra deebi'aa akka jiru kan akeeku fakkata.
Gabaasni kurmaana kurmaanaan Ejensii Annisaa Atoomikii Idil-addunyaa (IAEA) baasu akka agarsiisutti Iraan Yuuraaniyeemii hanga dhibbeentaa 60tti gabbisuu taasisuu irratti milkaa'uu ishee ibseera.
Haata'u malee, erga waraanni ka'ee booda sakatta'iinsa yeroo dhiyoo taasiftu kan addaan kutte yoo ta'u, Netaaniyaahuun yoo haalli kun duubatti hin deebi'in Iraan "waggaa tokko ykn ji'oota muraasa keessatti" meeshaa nikulaaraa hojjechuu akka dandeessu cimsee dubbateera.
Garuu Iraan meeshaalee meeshaa niwukilaraa hojjechuuf itti fayyadamuu danda'an hojjechuutti dhihoo jirti jechuun himannaan haaraa miti, yeroo hedduu hojjetameera.
Iraan daandii Iraaq, Liibiyaa fi Falasxiin hordofuu fi dhiisuunshee dhimma eeguu qofa osoo Ameerikaan dursa tarkaanfii fudhattee iddoowwan nikularaa biyyattii haleeltee jirti.
Iraan ammoo hojjattoonni Eejjansii to'annoo annisaa Atomikii idil-addunyaa akka biyyattii hin gallee dhokuuf dhaadatetti. Ittaanee maaltuu ta'uuf jira laata?












