Iraan to'annoon daangaa qilleensashee maaliif battalatti jalaa fudhatame?

Madda suuraa, Getty Images
Torban lamaan waraanni Iraan fi Israa'el gidduu turetti, naannoo qilleensaa Iraan Israa'eliin to'atamee ture.
Guyyoota 12f xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa sodaa tokko malee samii Tehraan fi kutaa Iraan biroo keessa akka garaasaaniitti marsaa turan.
Tibba sana Ejensiin oduu Iraan oduu hin mirkanaa'iin ragaa tokkollee osoo hin dhiyeessiin xiyyaara waraanaa Israa'el dhahee kuffisuu gabaasee ture.
Gara jalqabaa sana Iraan to'annoon daangaa qilleensaashee waan harkaa baheef ykn to'annoosheetiin ala ta'eef waraanicharratti kan 'irratti lakkoofsifame' [mo'amte] fakkaatee ture.
Daangaa qilleensaa ofii kabachiifachuu dhabuun ammoo, keessumaa waraana ammayYaa keessatti kasaaraa waraanaa, siyaasaafi nageenyaa guddaa agarsiisa.
Yeroo sanatti maaltu mudate?
Haleellaan Israa'el Iraan irratti bante jalqabamee sa'aatii 72 keessatti, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu qilleensa Tehraan guutummaatti to'achuu labse.
Samii Iraan to'achuun kun ammoo haleellaa hamaafi bal'aa Israa'el buufata niwukilaraafi waraanaa Iraan irratti akka raawwattuuf gargaareera.
Akka humna waraanaa Israa'el jedhetti, Jimaata Waxabajji 13 ganama xiyyaarri waraanaa 200 Iraanitti bobbaafaman daangaa qilleensaa Iraan cabsuun buufataaleen waraanaa Iraan 100 ta'an haleelan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaa kanaan ammoo qondaalonni waraanaa olaanoo Iraan baay'ee ajjeefamaniiru.
Israa'el duraaniyyuu buufataaleen nukilaraa Iraan haleeluu akka dandeessu irra deddeebiin akkeekkachiisaa kan turte yoo ta'u, kana gochuuf ammoo kan ishee dhorku akka hin jirre dubbachaa turteetti.
Mr. Frantzman says Iran has various defense systems, including old systems from the 1970s, that are ineffective against Israel's fifth-generation fighter jets.
Ekisperiin humna ittisaa Israa'el Seez Firaantizmaan akka jedhe: " Iraan daangaa qilleensaashee to'annooshee jalaa bahe, sababiin isaa ammoo biyyattiin biyya guddoo sirna ittisaa dulloomaa barri irraa darbe qabdudha.
Sirni ittisaa haaraafi kan baayyee ammayyaawaa ta'e ammoo haleellaa Israa'elOnkoloolessa keessa gaggeessiteen manca'uun isaa gabaafameera."
Onkoloolessa bara 2024 keessa, Israa'el sirna ittisaa S-300 lafarraa-gara-qilleensaatti hojjetu hedduurratti xiyyeeffattee haleeltee akka turte gabaafameera.
Wanti kun Iraan kan hin eegnedhaa/ ishee ajaa'ibeeraa?
Haleellaa Onokoloolessa bara 2024 keessa gaggeeffameen alatti kan amma guyyoota 12 ture kun gariif kan hin eegamne fakkaachuu mala, gariif ammoo kan itti yaadameefi qophaa'ameyyu fakkaata.
Haleellaa Israa'el miillana Iraan irratti gaggeessite kun osoo mariin dhimma nukilaraa Ameerikaafi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiruuti.
Mariin kun marsaan biraa Omaan keessatti gaggeeffamuuf sagantaan qabamee osoo jiruu gidduu kanaan Israa'el haleeellaa Iraan irratti bante.
Sbaba kanaan namoonni tokko tokko kan hin eegamne ykn kan nama ajaa'ibe ta'uu dubbatu.
Tarii Iraanis osoo mariif Ameerikaa waliin beellamni qabamee jiruu Israa'el kana gooti jedhanii hin eegne ta'a.
Akkas haa jedhamu malee garuu, qondaalonni waraanaa Israa'el haleellaa kana gaggeessuuf waggootaaf karoorsaa turuu dubbatu.
Israa'el basaastota Mosad fayyadamuun sirna ittisa qilleensaa, buufataaleen waraanaafi qondaalota waraanaa adda baafachuun haleellaa hin eegamne akkasii dursitee raawwachuun Iraan akka yeroo burjaajii keessa galtu taasiseera.
Keessumaa sirni ittisa qilleensaa dafee hojii ala ta'uufi ajajoonni waraanaa haleelamuun battalatti of qindeessitee deebii kennuurratti Iraan rakkisuun hin oolle.
Kana malees, caalmaa tekinooloojii waraanaa gidduu isaanii jirudha. Iraan haleellaa kanaaf yeroo kamiyyu qophii taatulleen, sirni ittisaa jiru Humna Qilleensaa ISraa'el tekinooloojii ammayyaa qabu dura dhaabbatee qolachuu hin dandeenye.
Haleellaan kun meeshaa waraanaa tekinooloojii ammayyaa Ameerikaafi Israa'eliin hojjemaniin kan deegaramedha.
Daarektarri Garee Intelejensii Ittisaa Jeeb Niik Biraawun akka jedhetti, Iraan haleellaa kanaaf kan qophoofte taatullee, waan milkeessuuf kaayyeefate jijjiiruu hin dandeessu.
Iraan waggoota dheeraadhaaf yeroo hunda of eeggannoodhaan jiraatti, haata'u malee meeshaan waraanaa elektirroniksii Israa'el raadaarotaa Iraan hojii ala gochuun akka isheen humni ittisaashee hin qindeeffanne taasiseera jedha daarektarri kun.
"Hanga ani yaadeen gaditti aarsaa/baasii xiqqaadhaan daangaan qilleensaa Tehraan battalumatti to'annoo Israa'el jala gale," jedha Mikaa'el Eyisehawor Daarektarri Qajeelcha Nageenyaafi Qorannoo Waraanaa Inistitiyuutii Niir Isti Istadiis.
"Israa'el haleellaa daangaa qilleensaa Iraaq fi Sooriyaa irraa gaggeessituun humna ittisaa Iraan dadhabsiisuu akka dandeessu agarsiifteetti. Kana gochuun ammoo Israa'el xiyyaarota raadaariin osoo arganiis ta'e raadaariin osoo isaan hin argiin akka garaashee salphaatti seentee akka haleeltu gargaareera," jedha ogeessi kun.

Madda suuraa, Getty Images
Tekinooloojii waraanaa wal hin gitne
Guddinaan Iraan addunyaarratti 18ffaa yoo taatu, hanga Israa'el harka 75 jechuudha.
Sirni ittisaashee bakka bal'aa kan haguugu ta'uu qaba. Kana malees, biyyattiin [Iraan] daangaa qilleensaashee eeggachuuf humnaafi tekinooloojiitu ishee hanqata jedhu ekispartoonni humna waraanaa.
Iraan jeettiiwwan waraanaa Ameerikaa hedduu bara bulchiinsa Shaah keessa bitattee turte.
Xiyyaarri Ameerikaarraa bitatte F-14 Tomcat jedhamu kun yeroo sanatti xiyyaara akkaan cimaadha. Kana malees, Iraan jiittiiwwan waraanaa Raashiyaas ni qabdi.
Guyyoota muraasa darban keessa, humni waraanaa Israa'el xiyyaarota waraanaa Iraan bakkuma qubatanii jiranitti irratti xiyyeeffachuu suura gadhiiseen himeera.
Jalqaba bara kanaa, Iraan sirna misaa'elii bakka fagoo qaqqabu lafarraa-gara-qilleensaatti ergam kan Raashiyaa s-300 agarsiiftee turte.
Akkasumas, agarsiisa waraanaa qopheessiterratti sirna ittisa qilleensaa Bavar-373 jedhamu mul'ifachuun cimina qabdu agarsiifattee turte.
Haata'u malee, "Bavar -373 bu'a qabeessa ta'ee hin mul'anne," jedha Mikaa'el Eyisehawor Daarektarri Qajeelcha Nageenyaafi Qorannoo Waraanaa Inistitiyuutii Niir Isti Istadiis.
Iraan Bavar -373 S-300 waliin wal dorgomsiisuu jaallatu, garuu isaan lamaan wal dorgomsiisuun dhugaa hin fakkaatu.
Israa'el humna ittisaa Iraan guutummaan guutuutti barbadeessite jedha ekispartiin kun.
Faallaa kanaan ammoo, Israa'el addunyaarratti humna qilleensaa akkaan cimaafi muuxannoo qabuu qabdi. Humni qilleensaa Israa'el jeettiiwwan waraanaa akka F-35 of keessaa qaba.
Lookheed Maartiin F-35I maqaa "Adair" jedhuun Israa'eloiif hojjetaa jira. Jeettiin waraanaa kun dhaloota shanaggaa [fifth generation fighter jets] yoo ta'u humna addaa raadaarii cabsee seenuu qaba.
Israa'el tilmaamaan xiyyaarota waraanaa "Adiar" kanneen 45 Ameerikaa akka bitatteettu himama.
Sirna ittisa Israa'el mancaasuudhaaf, jeettiiwwan waraanaa F-15 fi F-16 jedhamanis oppereeshinii keessatti akka gargaaran himameera.
Inistitiyuutii Ittisaa Jeen irraa Niik Biraawun akka jedhutti, Humni Qilleensaa Israa'el, meeshaa misaa'elii ittiin dhukaasan dabalatee yeroo baayyee suura haleellaa Israa'el Iraan keessatti irratti xiyyeeffate maxxansaa ture.
Waan Israa'el shallagatteefi misaa'elota Iraan
Qoqqobbii idil-addunyaa jala kan turteef, Iraan waggootaaf sagantaa misaa'elaashee gabbifataa turteetti.
Aanga'oonni akka jedhanitti, biyyattiin kana kan gootuuf "waan itti dhufuu malurraa of ittisuu" humni cimsachuudha.
Iraan ammallee misaa'eloota lafarraa-gara- qilleensaa baayyee hedduu akka qabdu amanama. Haata'u malee, haleellaa Israa'el irratti raawwatteen booda humna ittiin dhimma baatu waan dhabde fakkaata.
Israa'elis misaa'eloonni hedduun Iraan qabdu yoo itti dhukaafame akka miidhu waan beektuuf dursitee itti qophooftee hanga itti dhukaafamuu malu humna ittiin dhuka'u laamshessite.
Biyyattiin [Iraan] irra deebitee humna ittisaashee jabeeffachuuf, sirna ittisa qilleensaa haaraa bitachuu ishee barbaachisa.












