Dhukaasa dhaabuun lola Iraaniifi Israa'el xumuraa?

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Wixata galgala Israa'eliifi Iraan dhukaasa dhaabuu kan nagaa waaraa fiduu danda'a jedhan irratti waliigaluu isaanii beeksisaniiru.
Kunis guyyoota 12f haleellaa qilleensaa Israa'el Iraan irratti raawwatte, haleellaa misaa'elaa fi diroonii Iraan haaloo ba'uuf Israa'el irratti raawwatte, akkasumas Ameerikaan iddoowwan niwukilaraa Iraan irratti boombii darbite booda kan ta'edha.
Biyyootni lammanuu haleellaa walirratti taasisan yoo dhaaban waraan dhaabuu akka fudhatan ibsanillee, Pirezidaanti Tiraamp Israa'eliis ta'ee Iraan lamaan isaanii iyyuu waligalticha cabsaniiru jechuun himatan. Amma garuu yeroof waan hojirra oolaa jiru fakkaata.
Dhukaasa dhaabuun kunis gara nagaa dhaabbataatti akka ce'u abdatama.Garuu dhukaasaa dhaabuun nagaa waaraa fiduudha? muuxannoon kana durs jiru maal fakkaata? Hangam dippilomaasii cimaa barbaada?
Dhukaasa dhaabuun maal jechuudha?

Madda suuraa, Getty Images
Akka UN jedhutti, jecha "dhukaasa dhaabuu" jedhuuf hiikni tokko, kan addunyaa irratti fudhatama qabu hin jiru, jechi kun ajaja waraanaa "dhukaasa dhaabuu" jedhu irraa kan dhufe ta'us, kunis ajaja "dhukaasa banuu" jedhu irraa kan faallaa ta'e jechuudha.
Qaamoleen wal waraanaa jiran lamaan marii isaanii irratti hundaa'uun garaagarummaa qabaachuu danda'a.
Haa ta'u malee, UN yeroo baayyee jechoota "dhukaasa dhaabuu" fi "diina dhaabuu" jedhan gidduu garaagarummaan akka jiru dubbata.
Dhukaasa dhaabuun waan waliigaltee idilee uumuu kan of keessatti hammate yoo ta'u, kunis:
- Sababni dhukaasa dhaabuu
- Tarkaanfiin siyaasaa itti aanu
- Yeroo hojiirra oolu
- Bakka itti hojjetu
Akkasumas sochiin waraanaa maaltu akka hayyamamee fi kan hin hayyamamne, akkasumas dhukaasa dhaabuun akkamitti akka hordofamu qubeessuu mala.
Fakkeenyaaf, bara 1993tti waraanni biyya keessaa Laayibeeriyaa keessatti geggeeffame kan xumurame, Mootummaan Yeroo Tokkummaa Biyyaalessaa Adda Biyyaalessaa Sabboonummaa Laayibeeriyaa fi Sochii Bilisummaa Tokkummaa Laayibeeriyaa Dimokiraasiif waliigaltee irra ga'ee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Dhukaasa dhaabuun dhaabbataa moo yeroof qofa?
Lamaan keessaa tokko ta'uu danda'a jedha UN
Yeroo tokko tokko qaamoleen mormitootaa hojii tokko osoo hin raawwatin dura yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu ykn dursanii dhukaasa dhaabuuf walii galuu danda'u.
Kunis jeequmsa hir'isuuf ykn rakkoo namoomaa salphisuuf ta'uu danda'a.
Waliigaltee dhukaasa dhaabuu irratti mari'achuun haala mariin furmaata nagaa waaraa barbaaduuf dandeessisu uumuuf taasifamuu danda'a.
Gareen hidhattootaa Israa'elii fi Hamaas durfamu yeroodhaaf dhukaasa dhaabuu irratti walii galan, kunis Adoolessa 24 hanga Adoolessa 30 bara 2023 gidduutti kan raawwatame yoo ta'u, Hamaas hidhamtoota gara 240 ta'an deebisuuf namoota booji'aman 105 gadhiise.
Dhukaasa dhaabuun duraa haala marii gargaaru fi dhukaasa dhaabuu dhaabbataa, ykn murtaa'aa ta'eef daandii kaa'uuf gargaaru guddisuufis waliigaltee irra ga'amuu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baatii Waxabajjii bara 2000 keessa Itoophiyaa fi Eertiraan walitti bu'iinsa isaanii furachuuf waliigaltee dhukaasa dhaabuu murteessaan akka mari'atamu taasisan.
Kunis qaama Waliigaltee Aljeers kan waraana isaanii xumure ta'e.
Kanas ta'ee sana dhukaasa dhaabuun biyyoota heddu keessatti akkuma milkaa'ee nageenya waaraa fide kan fashalaa'ee waraana itti fufsiiises hedduudha.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) waraana biyya keessaa Libaanos xumuruuf yaaluun dhukaasa dhaabuuf bara 1978, 1981 fi 1982 mari'ataa ture. Haa ta'u malee, tokkoon tokkoon isaanii booda lola ka'een waraanni bara 1975 eegale kun bara 1990 tti xumurame.
Yeroo tokko tokko gareen waraanaa tokko ykn lamaan isaanii iyyuu ejjennoo isaanii lafa irratti cimsuuf dhukaasa dhaabuu duraa fayyadamuu barbaaduu danda'u.
Dhukaasa dhaabuun dhaabbtaan yeroo baay'ee kan dhufu marii nagaa gama wal waraanaa jiran lamaan gidduutti milkaa'aa ta'e hordofeeti.
Akka idileetti humnoota adda baafaman hidhannoo hiikkachuu ykn hiikkachuu kan of keessaa qabu yoo ta'u, qophiin nageenyaa hordoffii garuu waliigaltee erga mallattaa'ee booda waggoota dheeraaf turuu danda'a.
Dhukaasa dhaabuu daangeffame biraa jira?

Madda suuraa, Getty Images
Israa'elii fi Hamaas yeroof dhukaasa dhaabuu isaanii Sadaasa bara 2023 ''yeroo deeggarsa namoomaa'' jechuun waamuun isaanii ni yaadatama.
Yeroo deeggarsa namoomaa tokko tokko jeequmsa lolaa hir'isuuf ykn rakkoo namoomaa salphisuuf itti fayyadamama.
Fakkeenyaaf, mootummaan Sudaan gareewwan hidhattoota lama, Sochii Bilisummaa Sudaan fi Sochii Haqaa fi Walqixxummaa waliin dhukaasa dhaabuuf walii galuun, lola Daarfuur keessatti guyyoota 45f taasifame dhaabsisuun, dhaabbileen gargaarsa namoomaa namoota naannoo sanaa akka geessan hayyameef
Bara 2004 Indooneezhiyaan sunaamiin erga rukutamtee booda mootummaan Indooneezhiyaa fi Sochiin Bilisaa Aceh lamaan isaanii iyyuu naannoo lola turanitti gargaarsi akka dhaqqabuuf dhukaasa dhaabuu labsan.
Lola naannoo murtaa'e tokkotti gaggeeffamu dhaabuufis waliigalteewwan jiraachuu danda'u, kunis dhukaasa dhaabuu teessuma lafaa jedhama.
Bara 2018 Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii mootummaa Yaman fi Huutii gidduutti waliigaltee uumuun ummata naannoo sanaa eeguuf naannoo buufata doonii Galaana Diimaa Hodeidaatti lola godhamu akka dhaabbatu taasiseera.












