Qonjiit Habtaamuu: 'Yunvarsiitii keessatti shamarran barumsa isaaniif dursa yoo kennan ni milkaa'u'

Madda suuraa, Konjit Habtamu
Qonjiit Habtaamuu jedhamti. Dhalattee kan guddattes Godina Sawaa kaabaa Aanaa Jiddaatti yoo ta'u barana barnoota ishee yunivrsitii xumurte.
Qonjiiti Yunvarsiitii Mattuu irraa barana kan eebbifamte yoo ta'u, qabxii olaanaa galmeessiteenis meedaaliyaawwan afurii fi waancaa tokko badhaafamte.
Qonjiit iccitiiwwan milkaa'ina ishee duuba jiranii fi kaayyoo ishee gara fuula duraa ilaalchisuun BBC waliin turtii taasisfteen, ''maatii baadiyyaa kan ofii isaanitiif hin baranne keessaa bahuun kiyya milkaa'inarraa nan danqinee'' jetti.
"Ani mucaa baadiyyaatti dhalattee guddattedha. Maatiin kiyya ofii isaanitiif hin baranne. Ani akkan baradhuuf garuu hedduu na wajjin dhama'an. Nama barate caalaatti akkan ani baradhee nama guddaa ta'uuf naaf yaadu" jechuun oolmaa maatii ishee leellifti.
Yunvarsiitii Mattuutti gosa barumsaa 'Applied Biology' qo'achuu fi kanaanis qabxii olaanaa galmeessisteen badhaasa hedduu argachuus himti.
"Qabxiin ani galmeessise 3.96 dha. Kanaanis akka kolleejjiitti t1ffaa ta'ee meedaaliyaa warqiin argadhe. Akka kooleejii koottis shamarran keessaas 1ffaa waanin ta'eef meedaaliyaa warqii biraa badhaafameera.''
Kanaan alattis, akka guutuu yunvarsiitii Matuutti shamarran keessaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqii kan biraa yoo argattu, akka waliigala dallaa yunvarsitichaatti 3ffaa bahuun meedaaliyaa naasii argachu himti.
Dabalataanis ''Akka yunivarsitiitti dubartoota keessaa waancaa badhaafameera" jetti.
Iccitii yunvarsiitii keessatti qabxii Olaanaa ittiin galmeesistees akkasiin himti:
"Yunvarsiitii seennaan karoora baafadhee yeroo kiyyatti sirnaanin fayyadamaa ture. Darees sirrittan hordofa. Xiyyeefannaa kiyya guutuun barnootarra ture,'' jetti.

Akkasuumas ''kan barannee darbine dubbisee qofa hin dhiisu, isa barsiisaan fuulduratti barsiisus durseen dubbisee qophaa'aa ture" jetti.
Yunvarsiitiin yoo kaayyoo ofii irratti fuulleeffatan bakka itti egeeree ofii karaa qabsiifatan ta'u kan himtu Qonjiitii, yoo kaayyoo ofii dagatanis bakka itti badan ta'uu akka danda'us dubbatti.
"Ani akkuma Yunvarsiitii seeneen warra na dura jiran irraa gorsa fudhadheen ture. Haala jireenya yunvarsiitii, waan gochuu qabuu fi hinqabne ilaalchisee, ijoolleen na duraa sirritti nagorsan,'' jetti Qonjiiti.
Jireenyi gufuu baayyee qaba kan jettu Qonjiitii, ''gufuu fi qorumsa na muudate obsaa fi kaayyoo kiyyarratti cichuutu na milkeesse" jetti.
Dhaamsa dubartootaaf
"Nuti dubartooni kaayyoo keenyarratti cimnee jennaan bakki gahuu dadhabnu hin jiru. Qormaata akka dubartiitti nama muudatu hunda obsaan keessa darbuu nama barbaachisa," jechuun gorsa ishee dabarsiti.
"Yunvarsiitiitti ijoollee shammarrannii wanti baay'een gowwoomsuu mala. Garuu barumsa isaanitiif dursa kennuu qabu. Yunvarsiitii seenuun addunyaa dhuma godhanii ilaaluu hin qaban. Jireenyi inni kaan erga kayyoo ofii galmaan gahaniin booda ni dhaqqabama" jechuun dhaamti.
Qonjiit fuula duratti barnoota ishee sadarkaa olaanaatti guddisuu fi gaafa humna horatte ammoo dhaabbata dubartoota gargaaru hundeessuuf hawwii akka qabdus dubbatti.














