Obbo Taayyee Danda'aa mirga himatamuu dhabuu osoo qabanii maaliif hidhaman?

Obbo Taayyee Danda'aa, deetaa ministera Nagaa duraanii

Madda suuraa, PROSPERITY PARTY/YOUTUBE

Miseensa Caffee Oromiyaa kan tahan Obbo Taayyee Danda’aa mirgi himatamuu dhabuu isaanii osoo caffeedhaan irraa hin kaafamin Mudde 12, 2023 to’annoo jala oolan.

Heera mootummaa Dimokiraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa keewwata 54 jalatti akka tumametti bakka bu'aan uummataa tokko hanga yakka ulfaataa hojjetee harkaa fi harkatti hin qabamnetti yakkoota xixiqqoon himatamuu hin danda'an.

Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Itoophiyaa mana Obbo Taayyeetti sakkata’insi gaggeeffamuun waraqaa eenyummaa adda addaa fi laaptooppii, shugguxii fi kilaashinkoovii fi moobaayilota argachuu hime.

Kilaashinkoovii fi shugguxiin mana isaanii keessatti argame seeraan ala tahuu fi kan yeroo aangoorra turan mootummaadhaan kennameef tahuu BBC’n qaama walabaa irraa hin qulqulleeffanne.

Garuu Obbo Taayyee irratti hordoffiin taasifamaa turuu ibseera. Yoo kan shakkaman tahe dursee mirga himatamuu dhabuu isaanii maaliif irraa hin mulqine?

Ogeessi seeraa Obbo Tuulii Baayyisaa ''mirgi himatamuu dhabuu kan kennamu faayidaa uummataaf jechadha. Faayidaa uummataaf jechuun namni tokko aangoon itti kennamee uummata tajaajila jedhamee asittis achittis waanuma hin taaneef akka hin himatamneef jedhameeti,'' jedhan.

Mirgi himatamuu dhabuu kunis faayidaa uummataaf jedhameema irraa kaafama kan jedhan Obbo Tuuliin, ''yakka cimaa osoo raawwatuu harkaaf harkatti yoo qabame hidhamuu danda’a,'' jedhan.

''Yoo yakka cimaa osoo raawwatuu hin argamne tahe ykn kan shakkamu tahe ammoo mana mareetti dhiyaatee mirgi himatamuu dhabuusaa akka irraa kaafamu taha.''

''Yakka gurguddaa akka ajjeechaa, butii ykn malaammaltummaa osoo raawwatuu yoo argame, dhaqeen mirga himatamuu dhabuu irraa kaasa osoo hin jedhiin to’atamuu danda’a,'' jedhan Obbo Tuuliin.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan ogeessa seeraa tahee murtii dabarsuuf ykn miseensa mana maree tahee waan dubbatuuf akka hin himatamneef jecha mirgi himatamuu dhabuu akka kennamuuf dubbatu Obbo Tuuliin.

Obbo Taayyee Danda’aa miseensa Caffee Oromiyaa yoo tahan, mirga himatamuu dhabuu osoo qabaniiti kan to’annoo jala oolfaman.

Humni Nageenya fi Tasgabbii Waloo Biyyaalessaa ibsa baaseen, Obbo Taayyeen Deetaa Ministera nagaa tahanii osoo jiranii, ''farreen nageenyaa waliin walitti hidhachuun jeequmsaa fi qabsoo hidhannoon mootummaa kuffisuuf socho'aa turuu bira gahamuun to'annoo seeraa jala oolfaman,'' jedhe.

Humni Waloo kun Obbo Taayyee Danda'aa yeroo aangoo mootummaa fudhachuun hojjechaa jiranitti, ''shiraan caasaa mootummaa fi paartii diiguuf'' hojjechaa turuu hubatamee hordoffiin irratti godhamaa ture,'' jedhe.

Obbo Taayyee Danda’aa yakka akkanaan shakkamanii kan hordofamaa turan yoo tahe maaliif to’achuun dura Caffeen Oromiyaa mirga himatamuu dhabuu isaa dursee irra akka hin kaasne waanti himame hin jiru.

Dabalataan, Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii, ''Obbo Taayyeen to'atamuu isaanii waan hubataniif miidiyaalee hawwaasaa fi kaan irratti qabsaa'aa fakkaachuu fi itti gaafatamummaa jalaa bahuuf maal na dhibdeen barreessaa ture,'' jedhe.

Hordoffii taasifameen Obbo Taayyee Danda'aa ''hoggantoota 'ABO Shanee' fi finxaalessitoota yakkaan shakkaman biroo waliin hidhata uumuun, mootummaa jeequmsaa fi qabsoo hidhannoon kuffisuuf shiraan hojjechaa turuu bira gahameera,'' jedhe.

Haa tahu malee, Obbo Taayyeen waggoota darban keessa hidhattoota WBO mormuu fi balaaleffachuun beekamu.

Himata humni nageenyaa hidhattoota waliin hojjechaa turuu bira gaheera jedhuuf gama WBO deebii kenname hin jiru.

Obbo Taayyeen mirga himatamuu dhabuu osoo qabanii nama to’annoo jala oolfaman kan jalqabaa miti.

Paarlaamaan Itoophiyaa yaa'ii idilee 13ffaa Kibxata- Ebla 04, 2023 taa'een miseensa paarlaamichaa Dr Caalaa Waataa irraa mirga himatamuu dhabuu mulqeera.

Miseensi paarlaamaa Dr Caalaa Waataa, wayita pireezidantii Yuuniversitii Bulee Horaa turanitti, sirnaa fi qajeeltoo bittaa mootummaa osoo hin hordofin bittaa raawwachuu isaaniitu golgaa mirga himatamuu dhabuu jalaa akka baafaman sababa ta'e.

Yunivarsiitichi maallaqa kaappitaalaa bu’uraalee misoomaa akka ittiin ijaarratu ramadameef seeraan ala fayyadamuun, karaa danbiifi bittaa hin eegneen konkolaataawwaniifi maachinaroota Birrii miliyoona 116 baasan maqaa dhaabbata ijaarsaa dhuunfaatiin bittaan raawwaatameera jedhame.

Dabalataan Miseensi mana maree bakka bu'oota uummataa fi mana marechaatti walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota bulchiinsaa fi to'annoo baasii mootummaa Obbo Kiristaan Taaddalaa, miseensi mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dr Kaasaa Tashaagar fi miseensi mana maree Naannoo Amaaraa Obbo Yohaannis Buwaayaalaw mirgi himatamuu dhabuu isaanii irraa kaafamuun to’annoo jala oolfaman.

Obbo Kiristaan Taaddalaa to’atamuu fi mirgi kun irraa kaafamuun dura yaa’ii Paarlaamaa irratti bulchiinsa MM Abiy qeequun ''maaf aangoo hin gadhiiftan?'' jechuun dubbatee ture.

Obbo Taayyee Danda’aa aangoorraa kaafamuu fi to’atamuun dura bulchiinsa MM Abiy Ahimed kan ofiis miseensa paartii isaanii tahan biyyattii keessatti nageenya fiduu hin dandeenye jechuun qeeqan.

To’atamuun isaanii garuu yakka nageenya booressuu shakkamuun akka tahe himame.