Obbo Taayyee Danda’aa ''mootummaa shiraan kuffiisuuf socho'uun'' shakkamuun to'anno jala oolfaman

Madda suuraa, Min Nagaa Itoophiyaa
Deetaan Ministera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa aangoorraa kaafamanii guyyaa tokko booda to’annoo seeraa jala oolfamuu ibsame.
Humni Nageenya fi Tasgabbii Waloo Biyyaalessaa ibsa baaseen, Obbo Taayyeen Deetaa Ministera nagaa tahanii osoo jiranii, ''farreen nageenyaa waliin walitti hidhachuun jeequmsaa fi qabsoo hidhannoon mootummaa kuffiisuuf socho'aa turuu bira gahamuun to'annoo seeraa jala oolfaman'' jedhe.
Ibsi kun Obbo Taayee Danda'aa Deetaa Ministera Nagaa tahanii osoo jiranii nageenya fidduurratti hojjechuurra ''faallaa kanaa humnoota farra nageenyaa Itoophiyaa diiguuf hojjetan waliin walitti hidhachuun hojjechaa turuu bira gahameera'' jedhe.
Dilbata darbe Obbo Taayyee Danda'aa hiriira nagaa magaalaa Finfinneetti waraana balaaleffachuuf waamame dhorkuun sirrii akka hin taane mormuun barreessanii ture.
Dabalataan kutaalee biyyattii adda addaa keessatti yakka namoota nagaa irratti raawwataa ture keessumaa ''nama ukkaamsuu keessaa harka qabu'' jedha ibsi humna waloo kun.
Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti namoota nagaa ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuun irra dedeebiin dhagahama.
Qaamni yakka kana raawwatu ifatti beekamuu baatus, Obbo Taayyee Danda'aa garuu maatiin isaanii yakka namoota ukkaamsanii maallaqa gaafachuu kanaan miidhamoo tahuu BBCtti himaniiru.
Humni Waloo kun Obbo Taayyee Danda'aa yeroo aangoo mootummaa fudhachuun hojjechaa jiranitti, ''shiraan caasaa mootummaa fi paartii diiguuf'' hojjechaa turuu hubatamee hordoffiin irratti godhamaa ture'' jedhe.
Hordoffii taasifameen Obbo Taayyee Danda'aa ''hoggantoota 'ABO Shanee' fi finxaalessitoota yakkaan shakkaman biroo waliin hidhata uumuun, mootummaa jeequmsaa fi qabsoo hidhannoon kuffiisuuf shiraan hojjechaa turuu bira gahameera'' jedhe.
Ibsichi kana haa jedhu malee Obbo Taayyee Danda'aa tibbana gaaffii fi deebii BBC waliin taasisan irratti ''qabsoo hidhannootti hin amanu'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tibbana Fuula Feesbuukii isaanii irratti irra deebiin bulchiinsa Paartii biyya bulchaa jiruu qeeqaa kan tuan obbo Taayyeen, MM Abiy Ahimed ''waan dubbatan jiraachaa hin jiran'' jechuun qeeqaniiru.
Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Obbo Taayyeen to'atamuu isaa waan hubateef miidiyaalee hawwaasaa fi kaan irratti qabsaa'aa fakkaachuu fi itti gaafatamummaa jalaa bahuuf maal na dhibdeen barreessaa ture jedhe.
Humni nageenyaa sakatta'insa mana jireenyaa isaa keessatti taasiseen sochii ''farra nageenyaa'' taasisuuf kan fayyadamu moobaayiloota, laaptooppii fi waraqaa eenyummaa namoota adda addaa argamuu ibse.
Dabalataan yeroo sakata'insi mana jireenyaa Obbo Taayyee keessatti gaggeeffamu, ''miseensi ''ABO Shanee'' waraqaa eenyummaa sadiin fayyadamu dhokatee argamuun to'annoo jala ooleera'' jedhe.
Obbo Taayyee Danda'aa hidhattoota ABO-WBO yeroo dheeraaf mormaa fi qabsoo hidhannoo akka dhaaban dubbachaa turan.
Marii tibbana Taanzaaniyaa magaalaa Daaresalaamitti gaggeeffame irratti araarri bu'uu qaba ture, akka hin milkoofne kan godhe ''mootummaa anumti keessa jiru'' jechuun wayita mariitti waraanni hammaachuu hin qabu ture jechuun morman.
Obbo Taayyee Danda'aa ajjeechaa namoota nagaa irratti naannoo Oromiyaa keessatti yeroo adda addaa raawatuuf humnoota nageenyaa mootummaatti quba qabaa turan.
Ibsi waloo Humna Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa ammoo osoo aangoo mootummaa guddaarra jiranii mootummaa qeeqanis hordoffii taasifameen ofumaa finxaalessitoota waliin hojjechaa turan jechuun himata.
Obbo Tayyee Danda'aa aangoo irraa kaafamuu isaanii hordofee BBCtti akka himanitti, MM Abiy ''waan kitaaba isaanii Ida'amuu keessatti barreessan hojiirra oolchaa hin jiran'' jedhan.
Malaammaltummaan biyyicha keessatti sarara diimaa tahuu hafee afata diimaa taheera kan jedhan Obbo Taayyeen biyyicha keessatti araarri dhufuu qaba, wal dhabdee jiru karaa nagaa hiikamuu qaba jechuun BBCt himaniiru.












