'Rakkoo Oromiyaa keessaaf itti gaafatamummaa olaanaa kan fudhatuu qabu mootummaadha'

Obbo Taayyee Danda'aa

Madda suuraa, PROSPERITY PARTY/YOUTUBE

Obbo Taayyee Danda’aa, qondaala Olaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Deetaa Ministeera Nagaa kan ta’an, yeroo garaa garaatti fuula midiiyaa hawaasaa isaaniirratti rakkoo nageenyaatii fi malaammaltummaa Oromiyaa keessaatiif aanga’oota naannichaa yoo qeeqan dhagahamu.

Waa’ee ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu akkasumas ajjeechaa qondaala poolisii kan turan komishinar Salamoonis murna rakkoo uumutu badhaadhina keessa jira jedhanii himatu.

Dhiheenya kanas yaa’ii caffee irratti rakkoo jedhan kanneemn ajandaa qabsiisuu wayita yaalanitii carraa dhorkamuu kan kaasan Obbo Taayyeen, yaaddoo nageenyaa dhuunfaa qabaachus ni himu.

Ofii Oromiyaan badhaaniina hunda galeessammoo gadadoo hunda galeessa keessa jirti?

Kanaafi dhimmoota kanneen biroo irratti BBC waliin turtii bal’aa taasisaniiru dhiyaadhaa!

BBC- Yaa’ii caffee miilanaa irratti sagaleen kiyya ukkaamfame jettan. Maaltu ta’e?

Obbo Taayyee - Yaa’iin sun yeroo jalqabu afyaa’iin ajandaalee yaa’ichaa sagal dhiheessan. Ajandaa yaa hir’atu yookan yaa dabalamu kan jettan yaada kennaas jedhan .

Ani ajandaaleen lama akka dabalaman gaafachuuf ture. Inni tokko rakkoo nageenyaa yoomirrayyuu hadha'aa ta’ee fi naannoon keenya keessa jiru kun qofaatti ajandaa mataasaa danda’e haa ta’u kan jedhu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Inni lammaffaan akka naannoo keenyaatti hannaan walqatee bulchiinsi bututee jira kan jedhudha.

Nagaan walqabatee uummanni keenya dararaa hadhaa keessa jira. Kanaaf jecha caffeen akkaata heerri jedhuun itti gaafatamummaan mirkanaa’uu qaba kan jedhu ajandaa qabsiisuuf ture.

Ani kana qabsiisuuf harkan baase. Nan argine ta’uu hin beeku callisanii gara raggaasisuutti deeman. San booda Kabajamoo afaan yaa’ii yaadan qaba’ kan jedhun kaase. Xiqqoo akka na ifaachuus godhan.

Isaan booda mee yaanni keessan maali kan jedhu akka carraa naaf kennuu godhan. Akka ani hin dubbanne ammoo maayikii too’annoo of biraa qabu narratti cufan.

Xiqqoo turanii carraa fayyadamuu hin dandeenye jedhan. Sagaleen ‘Itti cufi, itti cufi’ jedhus jalaan dhagahamaa ture.

Akka kanaan gaaddisni uummata miliyoona 50, wanni Caffee sana hin madaalle diraamaa xiqqaa akka malee gadi bu’e gaafas mul’ate.

Maaliif sagalee ukkaamsu jettee yoo nagaafatte gabaasni isaan qiqindeeffatanii dhufan suni yoo bilisummaadhaan yaanni irraatti kenname nuuf hin darbu sodaa jedhurraa natti fakkaataa.

Gabaasichi akka rakkina qabu ofiifuu ofirratti beeku.

Bara darbe yaa’ii caffee kanarratti rakkoo nageenyaa Oromiyaa kana baatii muraasa keessatti dhabamsiisna jedhamee waadaa galamee dhaadhatamee ture.

Garuu gaafa waggaatti walgeenyu rakkoon bakka bara darbee bira kuteera.

Gidiraan uummatarra gahus gamaa gamanaan baayyee dabalee jira. Maalif hanqanne eenyutu maal godhe, eenyutu ittigaafatama kan jedhu gabaasichi homaa hin qabu.

Akka namni gargaarsallee itti gaafatu miidhaan sababa nageenyaan uummatarra gahe hammami kan jedhu hin jiru.

Naanoo kaanitti uummanni buqqa’e lakkoofsaan beekama. Kun gargaarsa barbaadufillee tola. Kan naannoo Oromiyaa garuu nama meeqatu buqqa’ee jira kan jedhu hin jiru.

Kanaaf, gabaasa akkanaa kana yoo bilisummaan yaanni irratti kenname jala dhaabbachuu hin dandeenyu ukkaamsuu wayya kan jedhuun sagalee kiyya ukkaamsuu filatan.

BBC- Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa keessatti qoodinsii fi gareen amma mul’atu maali?

Obbo Taayyee- Rakkoon amma jiru murna xiqqaa, maafiyaan of ijaaree hannatti bobba’e nijira. Waldiddaan keenya isaan wajjini malee Paartii Badhaadhinaatii miti.

Jarri akkanaa kun immoo qaamaan malee yaadaan Badhaadhina miti. Qajeeltoon Badhaadhinaa ijoon kabaja lammiileeti, jarri kunimmoo lammiif kabaja hin qabu.

Nuyi kan gaafannu bilisummaadha, jarri kun immoo nama ukkaamsa. Kanaaf, warri kun Badhaadhina miti jechuudha.

Badhaadhina ofiin jedhee waraqaa qabaachuu dandaha malee murni xiqqaan nama sodaachisee nama ukkaamsee deemu kun Badhaadhina miti.

Wal diddaan amma kan jiru xannacha Badhaadhina fakkaatee achi keessatti margeetu Badhaadhinaan waldhabaa jira.

Badhaadhinni ida’amuutti amana. Jarri ammoo kana hin barbaadan.

Wanni isaan jedhan ‘nuti shiratti ogeessa, kaan garana kaan garas qabnee walficisiisnee diigna, siyaasaan shiraa fi gidiraadha malee obbolummaa miti’ jedhanii amanu.

Nuti bilisummaa kanaaf gatii kanfalle akkasumatti tola hin dhufne. Kanaaf, wanni qabsoofneef akka duuba deebi’u, harka maafiyaa akka seenu nuti hin barbaannu.

Amma murni xiqqaan hoggansa naannoo Oromiyaa keessa jiru kan gaafa qabsoon godhamulleen ukkaamsaa ture gatii kana xinneessee laala.

Dhiittaan mirga namoomaas hammaateera. Kun godhamuu hin qabu kan jedhu qabsoon keenya.

BBC- Murni xiqqaan Oromiyaa gaggeessuu fi waan isin jettan kana godhu, kan wuskii cirifkatu, kan wasaasoodhaan mana farsootii gala jettaniin eenyu?

Obbo Taayyee- Murni kun eenyufaadha jennee tokko tokkoon maqaa isaanii tarreessuun ammaaf yeroonsaa hin geenye. Gaafa yeroonsaa gahu maqaa isaanii ni ibsina.

Garuu murni uummataf naatoo hin qabne kan gaafa namni du’u inni sirbu, kan dhimma uummataa irratti mari’achuudhaaf yeroo hin qabne, kan dhugaatii fi bashannanaaf yeroo hin dhabne nijira.

Murni kun warra aangoo qabudha eenyu, eenyu kan jedhu suutuma kan itti deemnu taha.

BBC- Qabsoo amma itti jirtan kanaan yaaddoo nageenyaa akka qabdan ibsaa turtan, wanni isin yaaddessu maali?

Obbo Taayyee- Amma gareen ‘Ati dubbattee beekkadhu, sirashanna, rashanamuu malte, adda adda keessa isin rukunna’ jedhee ifatti kan dubbatu sodaachisoon ni jira.

Ati hin dubbatin waan Oromoo tana anumatu akka fedhe godha. Ati qooda keessaa hin qabdu warri jedhan jiru.

Ani ilma atimmoo ilma buddeenaati jedhee kan nama sodaachisuu barbaadu jira. Ammoo nama hunda sodaachisuun hin danda’amu.

Nama miidhuun, nama ajjeesuun ni dandahama. Kun bakka baayyeetti ta’eera. Haacaaluu Hundeessaa fa’a irrattis ta’eera.

Sun rakkoo miti garuu saniin gamanatti kan nama sodaachisuu barbaadu, kan nama ukkaamsu, kan gidiraa fi gadadoon uummataa isa hin dhuukubne ni jira.

Gareen kun dhaadannoo tokko tokko ni dhageessisa. Nuti ammoo bilisummaadhaafi kan manaa baane.

Bilisummaa uummataatiif qabsaa’e ofiifuu yoon ukkaamfame faallaa waan qabsoofneefiti. Kana hin fudhannu. Wabiin keenya qabsoo keenya.

BBC- Isin angaa’aa mootummaa olaanaa deetaa Ministeera Nagaa taatanii nagaan keessan hammana yaaddessaa yoo ta’e kan namoota siivilii ammoo hagam taha?

Obbo Taayyee- Abbootiin Gadaa qabamanii akkamitti akka ajjeefaman nibeekama. Akkaataan ittiin himamelleen nijira.

Kanaaf bakka rakkoon akkanaa itti adeemaa jirutti namni siiviliin akkanumaan qabamee dhaanamuun, kan akkanumaan ajjeefamu kanin maqaadhaan beeku nijira.

Kun waan murna kanaan walqabatuun. Kaleessa wayyaanee lakkii kan jenneef mirga namaa dhiiba, ilma namaa ajjeesa jenneeti.

Wanni akka wayyaanee suni ammas yoo jiraate sirrii miti jechuu qabna. Kanaaf yaaddoonii fi rakkoon nijira.

BBC- Paartii keessatti marii keessootiif karri cufaadha jettan. Dhaaba keessatti Wanni marii keessoo cufe maali?

Obbo Taayyee- Qabsoo yoo waliin gootu dhugumatti mariin keessoo nibarbacahisa.

Garuu murni Oromiyaatti aangorra jiru kan olitti eere kun mariin akka godhamu hin barbaadu. Mariidhaaf karri cufaadha.

Kanaaf, ani yeroo hedduu yaalii godheen jira. Dhimmi warraaqsa dinagdee jalqabamee haa mari’atamu jedhee gaafachaan ture, gabaasni sobaa, nageenyaa fi rakkoo hannaa irrattis si’a torbaa saddeet kaaseera. Ragaa dhiheessuu nan dandaha. Namni nadhagahe hin jiru.

Waliigalatti gaafa dhimmichi dubbatamee mari’atame abbaa rakkootu mul’ata. Eenyutu maal murteesse, eenyutu maal ajaje kan jedhutu baha waan ta’eef qabsoon keessoo ukkaamfama.

Warri badii baayyee balleesse kuni waltajjiin akka hin uumamne karra cufuun dirqama itti ta’eeti kan kana godhu.

BBC- Ajjeechaa Abbootii Gadaa Karrayyuu keessa harka mootummaatu jira jettanii booda dhuguma ta’e. Amma ammoo dhimma ajjeechaa Komishinar Salamoon keessas harki caasaa mootummaa akka jiru himtu. Ragaan qabdan maali? 

Obbo Taayyee- Ragaan reefuu bahaa jiru, garuu kan ammatti ifa hin goone ni jira. Duubatti deebinee yoo ilaalle Koomishinar Salamoon nama komishinara itti aanaa Poolisii Oromiyaa hogganaa turan, nama yeroo lola daangaa Somaalee sanas aarsaa guddaa uummata kanaaf kanfalani.

Awwaalchi nama kanaa garuu maarshi baandiidhaanillee hin dabaalamne. Seenaan isaaniis barreeffamee hin dubbifamne.

Maatiitu dafee yaa awaalaamu jedhe kan jedhu sababa hin taanetu dhihaate. Kanaaf, osoo boo’ichii fi awwaalchisaa akkaaf gara hin godhatin deeme gootni hammas gahu.

Isaan asitti ammoo wanti mul’chaa jiru wantoota nama sururani. Namni gaafa sana isaan wajjin rukutame komishinar Taasfaayee Dinquu kan waaqni du’a oolchee fi akka malee miidhame yaalii akka hin arganne uggurame.

Yaaliin biyya biraatti isaaf ajaajame jalaa ugguran. Akka inni yaala kana hin arganneef.

Kun maaliif ta’e jennee hiikoon itti kenninu nijira. Isaan asittis wantootni ilaala jiru ragaaleen nijiru.

BBC- Haala nageenyaa amma Oromiyaan keessa jirtu akka bakka bu’aa uummataatti akkamitti madaaltu?

Obbo Taayyee- Haalli Oromiyaa ammarra dhaabbannee yoo ilaallu waan baayyee ulfaataa, waan takkaa argamee hin beeknedha.

Bara dhiirri itti gudeedame, bara Abbaan Gadaa itti ajeefamurra geenye. Namni bahee galuu dadhabeera. Waan baayyee fokkisutu jira.

Kana murna milkaa’ina hundagaleessaati jedhutu jira. Oromiyaatti osoo Abbaan Gadaa ajjeefamuu, osoo dhiirrii fi dhalaan gudeedamuu fi namni bahee galuu yaadda’uu milkaa’ina hunda galeessa galmeesine yoo jedhamu wanti karoorfame maalii of nama gaafachiisa.

Wanti hojjetame nijira isa haaluuf hin ta’u. Garuu manneen barnootaa naannoo kana keessatti gubate kan ijaarame kana caala.

Uummanni keenya manni irratti gubatee bakka galu hin qabu. Sangaan jalaa qalamee waan ittiin qotu hin qaabu. Gadadoon lakkaa’amee hin dhumu.

Rakkoon hammana gahu nama dhukkubuu dhiisee, milkaa’ina hundagaleessa keessa jirra oggaa jedhamu waan baayyee nama dhibu.

Seenaa keessaatti uummanni keenya akka miilanaa rakkatee beeka jedhee hin amanu.

BBC- Gaafatamummaa kan fudhachuu qabu eenyu?

Obbo Taayyee- Bakka amma jirru kana akka geenyu qaamni qooda taphate baayyeedha. Jalqaba qabsoo karaa nagaatiin dhufee magaala seene gara bosonaatti deebisuun sirrii hin turre.

Warri erga qabsoo karaa nagaatiin karaatti dhufamee booda gaaratti galee abidda qabsiisuus sirrii hin turre.

Hundaa olitti garuu nagaa uummataa tiksuuf itti gaafatamummaa kan qabu mootummaadha.

Mootummaan ofiifis mirga nama tuquu hin qabu, kan mirga namaa tuqus namarraa dhorkuu male.

Kanaaf rakkoo amma Oromiyaa keessatti gahe kanaaf itti gaafatamummaa olaanaa kan fudhachuu qabu mootummaadha.

BBC- Eegdotni dhuunfaa keessan isiniraa kaafaman jedhama kuni dhugaadhaa?

Obbo Taayyee-  Kun dhugaadha. Rakkoo guddalleemmoo miti garuu kaasanii jiru. Wanti amma yaaddoo ta’u garuu hin jiru.

BBC- Qeeqa miidiyaa hawaasummaa irratti taasiftaniin isinii fi namoota akka keessaniitiin himata ‘Warra aangoo barbaadu’ jedhu isinirratti ka’a. Dhuguma galma aangoo barbaaduu irra jirtuu?

Obbo Taayyee- Kun qoosaadha. Aangoo osoo barbaannee gaafa wayyaanee sanuu ni arganna.

Wayyaaneen nama akka keenyaatii miti warra qubee sirnaan hin katabneefuu kennaa turte. Aangoo barbaachaf umrii keenya hin wareegne.

Wareegamnee uummmata kanaaf yaa darbu jenneeti kan qabsoo goone. Qabsoo kan goone uummata keenyarratti hattuu jijjiiruuf osoo hin taane jiruusaa jijjiiruufidha.

Warra waan gaafa Wayyaanee sana jibbine murni irra deebi’aa jiru ammoo yoo lakkii jettu dhugaa hin fudhatu.

‘Nama biraatiif ergamu, ergama qabu, aangoo barbaadu, malee lafti badhaadhina. Sanuu badhaadhina hundagaleessa’ jedhu. Waan biyyi guutuun argu isaan akkana jedhu.

Nuti ‘ida’amuun jal’atee jira. Badhaadhina hundagaleessa kan jedhame badhaadhina maatii muraasaa ta’aa jira.

Uummata kaaniifimmoo gadadoo dhalaa jira. Ulfinaa fi kabaja uummanni keenya qabu xiqqeessaa jira’ jenneeti kan qabsaa’aa jirru.

Malee ammas aangoo nibarbaanna nuuf kennaa osoo jennee namni nudidu hin jiru. Ammoo aangoon ani amma irra jiru bakkan turee oli.

Namni dharraa aangoo qabu hin jiru. Utuuma aangoo barbaaddeellee cubbuu miti.

Akka amma jiruun garuu namni guyyaa guyyaan osoo ajjeefamuu, dinadgeen akkanati utuu laamsha’uu, baatee galuunii fi jiraachunuu yaaddoo ta’ee aangoon hawwamu kami?

Kanaaf, waan hin fakkaanne fakkeessuun waan ta’u miti.

Obbo Taayyee Danda'aa

BBC- Caasaa mootummaa fayyadamanii daldala simintoo fi jimaa daldaluun jira jechaa turtan ammahoo maalirra jira?

Obbo Taayyee- Gaafa daldala simintoo keessa hannatu jira, uummanni mana ijaaruu hin dandeenye jechaa turre sana simintoon kuntaalli gabaarratti hanga 800 ture amma 2000 galee jira.

Kanaaf hanni achi keessaa jiru, ashaaxirri achi keessaa jiru biyya guutudhaafuu ifa.

Eenyufaatu keessa jira, akkamitti raawwatame kan jedhu kan yeros ragaan hin argamin kan ergasii tokko tokkoon mul’ate baayyeetu jira. Kana yeroo barbaachisaa ta’etti nilaalla.

BBC- Hojimaata dhaabaa cabsanii miidiyaa hawaasummaa irratti barreessu, kanaaf miseensummaa paartii keessaa baafamuu malu kan jedhu jira. Wanti kuni waan ta’uu danda’udhaa?

Obbo Taayyee- Hojmaanni paartii eegamuu qaba kan jedhu sirriidha. Hojimaata paartii keessaa hangafti ammoo qabsoo keessooti.

Murni maafiyaa ammoo qabsoon keessoo akka hin jiraanne dachaa meeqan hidhee cufeera. Erga kuni cufamee hojimaanni cabuu danda’u hin jiru.

Namni bakka itti hafuura baasu hin jiru. Rakkoo keessa jirra. Rakkoo kanarra hamaatti deemaa jirra.

Bakka itti waan dabe sirratu yoo hin jiraanne teesseetuma hallayyaa keessatti of arguu hin qabdu. Carruma argameen ‘jarana hallayyaa keessa seenne’ jettee iyyuu qabda.

Qabsoon ani amma itti jiru hojimaanni akka sirratuufidha. Namni gaarii hojjete haa badhaafamu, namni hannatti dhidhimee fi ummata saamee fi mirga namaas sarbe haa gaafatamuudha. Kana gochuufimmoo qabsoon keessoo haa banamuudha qabsoo ani itti jiru.

Caffee irrattuu dubbachuu dadhabne, nu ukkaamsu. Kanaaf, dirree kaan irratti yoo ukkaamfaman karaa argameen qabsaa’uu barbaachisa.

Paartiin ammoo keenya. Namni kaan paartii kanaan hate. Nuti ammoo paartichaaf qobsoofne. Kanaaf, namni paartii keessaa nubaasu waan jiru natti hin fakkaatu.

BBC- Yeroo hedduu barreffamoota keessan keessatti Shanee lamatu jira jettu? Shanee lamaan eenyuu fi eenyu?

Obbo Taayyee- Kan Bosona jiru jira. Kan yeroo hin malletti uummata keenya gara bosonaa akka adeemu godhe. Kaan ammoo kan mootummaa keessa maandheffate jira.

Yakki ammoo gamanaayis gamasiiyis ni raawwatama. Kanaafuu kan keessoo keenya jirus jira, kan ala jirus jira.

BBC- Baayyee Galatoomaa.

Obbo Taayyee- Isinis Galatoomaa.

Hubachiisa: Himannaa Deetaa Ministeera Nagaa Obbo Taayyee Danda’aa aanga’oota mootummaa Oromiyaa irratti dhiyeessan kanaaf deebii argachuuf Biiroo Komunikeshinii naannichaatti bilbilulleen hin milkoofne. Qaamni gara fuulduraatti dhimma kanarratti yaada kennu yoo jiraate ni keessumeessina.