Mariin mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduu filannoo Keeniyaan booda eegalu mala jedhame

MM Abiyii fi Dabratsiyoon Gabramikaa'eel

Marii araaraa mootummaa Itoophiyaa fi humnootii Tigraay jidduutti gaggeeffamu filannoo Keeniyaatiin booda eegalamuu danda’a jechuun akka abdatan qondaalli siyaasaa Ameerikaa olaanoon takka dubbachu maddi oduu Faransaayi AFPn gabaase.

Waajjiran Dhimma Alaa Ameerikaatti dippilomaatii Olaantuu Dhimmoota Afriikaa, Moolii Fiin, waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu jaarsummaan furuuf gahee murteessaa qabdi kan jedhaniin Keeniyaatti, filannoo jalqaba Hagayyatti gaggeeffamuun booda mariin akka eegalamu abdii ofeeggannoon guutame koree mana maree biyyasaanitti himutu gafatame.

Waraanni Tigraay karaa nagaatiin akka furamuuf Ameerikaa, Gamtaa Afriikaafi Keeniyaan yaaliiwwan garaa garaa taasisaa turanilleen waraanichi itti fufuun miidhaa namoomaa fi qabeenyaa cimaa qaqabsiiseera.

Mootummaan Itoophiyaa marii aanga’oota TPLF waliin gaggeeffamuuf jiru kunis hoggansa Gamtaa Afriikaatiin akka ta’u fedhii qabaachu ibseera. TPLF ammoo marichi hogganaa Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataatiin akka durfamu akka barbaadan ibsan.

Waajjiran Dhimma Alaa Ameerikaatti dippilomaatii Olaantuu Dhimmoota Afriikaa kan ta’an Moolii Fiin, koree quunnamtii alaa mana maree biyyattiitti akka himaniitti, xiyyeeffannaan filannoon Keeniyaa dhiyaachaa jiru argate karoora yeroo marii irratti dhiibbaa umuun akka hin ollee ibsan.

Itti dabalunis, dippilomaatii Olaantuun Dhimmoota Afriikaa tun, dhuma torban darbee irratti daawwannaa isaanii biyyoota adda addaatti kan eegalan Ergamaan Addaa Ameerikaa Gaanfa Afriikaa haaraan, Maayiik Hamar, dhiheenyatti gara Itoophiyaa akka imalanis kaasaniiru.

Ergamaan addaas ‘‘mariichi akka fuulduratti adeemuuf Ameerikaan maal gochuu akka qabduu irratti qaamoolee lamaan waliin ni mari’atu,’’ jechuun Moolii Fii korichatti himan.

Sadaasa 4, 2020 irratti naannoo Tigraay keessatti kan eegalee waraanni Kaaba Itoophiyaan amma wagga lama gutuuf adeema. Waggaa jalqabaa waraanichaa keessattis gama motummaan Itoophiyaan ta’e gama humnootiin TPLFn marii’achuuf fedhii akka hin qabne ibsaa turuunsaani ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata’u malee, erga waraanichi gab jedheen booda, motummaa federaalaa fi TPLF jidduutti al-kallattiin haasaan taasifamaa jiraachu maddeen gargaaraa himaa turan illeen bu’aa qabatamaan mul’ate hin jiru.

Booda keessa ammoo gama lamaaniinu waraanicha karaa mariitiin furmaata itti kennuuf fedhiin akka jiru ifatti dubbachuun karrasaanii waan bananiif yaaliiwwan nagaa buusuu taasifamaa jiru.

Jalqaba torban kanaatti gaazexessitootaaf ibsa kan kennan dura taa’aan TPLF Dabratsiyoon Gabra Miikaa’eel (Dr), marii mootummaa waliin taasifamuuf haaldureewwanii fi yeroo kaa’u dubbatan.

Mariichaan duras tajaajilliwwan bu’uuraa naannoo Tigraayiitti adda citanii turan hojii eegalu akka qaban ibsuun, yeroo murtaa’ee keessatti kan hin eegallee yoo ta’e waraanaa akka eegalan akeekkachiisun gabaafameera.

Adooleessa 29, 2022 dippilomaatoota biyyoota lixaa fi Motummoota Gamtoomanii akkasumas Gantaa Awurooppaa waliin kan mari’atan Gorsaan Nageenya Biyyaaleessaa Ministira Mummee, Ambaasaadar Reediwaan Huseen fi Ministirri Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos, mootummaan humnootii TPLF waliin eessattuu fi yeroo kamiittu haal-duree tokko malee mari’achuuf qophii ta’u ibsan.

Kana malees jilli ambaasaadarootaa fi ergamtoota addaa gara Maqalee akka imaluuf mootummaan hayyamuu Ambaasaadar Reediwaan karaa tiwiitaraatiin ibsan.

Yaada mootummaan federaalaa haal-duree tokko malee mariif qophii ta’u ilaalchisuun ibse kanarratti gama TPLF hanga yoonaatti deebiin kenname hin jiru.

Waraanicha hordofee Amerikaan mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa olaanaa taasisaa kan turte yoo ta’u, qondaaltoota Itoophiyaa irratti dhorkaa viizaa akkasumas fayyadamummaa AGOA akka dhabdu taasisuun ni yaadatama.

Tarkaanfii Ameerikaa kanas Itoophiyaa dhaabbilee oomishotootaa lammiilee hedduuf carraa hojii uuman miidha jechuun cimsitee mormitulleen hojiirra addabbiichi baatiiwwan dura hojiirra olfameera.

Dippolomaatii olaantuun Moolii fi dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun tibba koree quunnamtii alaatti dubbataniitti mootummaan Ameerikaa dhorkaa AGOA Itoophiyaa irra kaa’ee xinxalaa jiraachu kaasan.

Bulchiinsi Joo Baayidan haala Itoophiyaa keessa jiruun biyyattiin gara AGOAtti akka deebiitu gochuuf haalli fooyya’ee jiraachuufi dhiisuu ‘‘itti dhiheenyaan xinxalaa jira’’ jechuun ibsan.