Itoophiyaan hoggana olaanaa al-Shabaab Ameerikaan barbaadamu ajjeesuu beeksifte

Madda suuraa, FBC
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa hoggana olaanaa al-Shabaab Ameerikaan barbaadamu Fu'aad Mohaammad Kalaaf dabalatee hogganoota al-Shabaab olaanoo sadi ajjeesuu beeksise.
Fu'aad Shongalee jedhamuun kan beekamu Fu'aad Mohaammad Kalaaf hogganaa damee dadammaqiinsaa fi ololaa al-Shabaab yoo ta'u, Ameerikaan nama waa'ee isaa odeeffannoo kenneef badhaasa doolaara miliyoona 5 ramaddee turte.
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa tarkaanfii humna qilleensaa biyyattii waliin ta'uun guyyoota darban fudhateen hogganni al-Shabaab kun ajjeefamuu hogganaan bobbii fi qindeessan komaandi poostii yeroo Raayyaa Ittisaa Itophiyaa meejar jeneraal Tasfaayee Ayyaaleewu himaniiru.
Hogganoonni al-Shabaab biroo ajjeefaman dubbi himaa garichaa kan ta'e Abdul'aziiz Abbuu Muusaa fi naannoo daangaa Itoophiyaatti ajajaa al-Shabaab kan ta'e Ubeedaa Nuur Iisee ta'uu Tajaajila Oduu Itoophiyaa waabeffachuun FBCn gabaaseera.
Ajjeefamuu hogganoota isaa kanneen ilaalchisee gama al-Shabaabiin amma dura wanti jedhame hin jiru.
BBCn hogganooti garee hidhattootaa kanaa maqaan isaanii eerame ajjeefamu haala walaba ta'een hin mirkaneessine.
Al-Shabaab torbanoota lamaan darban keessa daangaa cehuun Itoophiyaa irratti haleellaa raawwachaa turuufi tarkaanfii kana qolachuuf fudhatameen hidhattoonni garee kanaa 200 ol ajjeefamuu mootummaan naannoo Somaalii ibsee ture.
Meejar Jeneraal Tasfaayeen akka jedhanitti tarkaanfii humna qilleensaa waliin qindaa'uun fudhatameen al-Shabaab Itoophiyaa ittiin haleeluuf kan qopheeffate buufatni kuusaa hidhannoo fi nyaataa barbadaa'ee jira.
Lammummaa Somaaliyaa fi Siwiidin akka qabu Ameerikaan kan ibsame Fu'aad Shongalee, bara 2008 buufata loltoota Itoophiyaa dabalatee Somaaliyaa keessatti boombii konkolaataa irratti hidhamuun haleellaa raawwachuu ragaaleen ni mul'isu.
Ameerikaan al-Shabaab dhaabbata Shororkeessaa gochuun kan labsite yoo ta'u ajaja bara 2010 baasteen hoggana garichaa Fu'aad Mohaammad Kalaaf (Fu'aad Shongalee) himannaa Somaaliyaa keessatti hokkara kakaasuu fi nageenyi biyyattii akka hammaatu gochuu jedhuun tarree namoota barbaadamanii jala galchite.
















