Al-Shabaab fi humni addaa naannoo Somaalee yeroo lammataaf wal haadhan

Hidhattoota al-Shabaab

Madda suuraa, AFP

Hidhattoonni al-Shabaab Wiixata guyyaa yeroo lammataaf humna addaa naannoo Somaalee waliin wal waraanuu odeeffannoon BBCn naannoo Somaalee irraa argate ni mul'isa.

Lolli Wiixataa kun Godina Shebelee Aanaa Feer-feer iddoo Laas-Qurun jedhamutti kan raawwate yoo ta'u, kunis lola torbee darbe Godina Afdeer Aanaa Hargeellee iddoo Aatoo jedhamutti godhame hordofeeti.

Mootummaan Naannoo Somaalee ibsa Kamisa darbe baaseen lola guyyoota sadiif gaggeeffameen miseensotni al-Shabaab 100 ol ajjeefamuu himee ture.

Gartuun al-Shabaab Somaaliyaa irraa as cehuun hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan Shanee jedhee waamu waliin wal arguuf karoorfatee ture jedha ibsichi.

Pireezidantiin naannoo Somaalee Musxafaa Omaar kan Dilbata gara bakka torbee darbe lolli itti adeemsifamee imalan, humni addaa naannichaa iddoo Huluul jedhamtutti hidhattoota al-Shabaab daaressuu tiwiitarii irratti barreessan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Lolli yeroo lammataaf Wiixata godhame mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota al-Shabaab daangaa cehuun gara Itoophiyaa seenan guutummaatti barbadeessuu erga himee booda.

Lolli jalqabaa xumuramee guyyoota lama booda hidhattoonni al-Shabaab 200 ta'an Somaaliyaa bakka Hiiraan jedhamurraa gara Itoophiyaa imalaa jiraachuu aanga'oonni naannawaa sanii BBC Af-Somaaliitti himanii turan.

Humni addaa naannoo Somaalees daangaa irratti humna walitti qabachuun Wiixata guyyaa hidhattoota kanarratti dursee dhukaasa banuu BBCn odeeffateera.

Dhukaasaa sa'aatiiwwaniif ture booda humni addaa olaantummaa argatee lolichi goolabamuu BBCn ajajoota olaanoo humna addaa naannoo Somaalee irraa odeeffatee jira.

Hidhattoonni al-Shabaab hedduun barbadeeffamuu fi kaan gara bakka irraa dhufaniitti deebi'u himu ajajoonni kunneen. Ammatti daangaan Itoophiyaa guutummaatti hidhattoota al-Shabaab irraa bilisa ta'uus dubbatu.

Lola torbee darbe guyyoota sadiif godhameen konkolaattonni al-Shabaab 13 gubachuu fi meeshaleen waraanaa qabatanii seenan booji’amuun himamee ture.

Al-Shabaab amma dura Itoophiyaa irratti haleellaa cimaa akkanaa raawwachuu baatullee yeroo garagaraa aggaammii gochaa turuu aanga'oonni Itoophiyaa ni himu.

Miseensotni Al-Shabaab, IS, Shanee fi finxaaleyyii Faannoo magaalaa Finfinnee irratti haleellaa raawwachuuf turan jedhaman 454 to'atamuu Sanbata darbe mootummaan Itoophiyaa beeksisee ture.