Bakka Obbo Taayyeefi aangawaa biyyaa bahanii hafan hoggantoonni haaraa muudaman

Madda suuraa, MoP, FBC
Torban muraasa gidduutti aangawoota olaanoo lama kan dhabe Ministeera Nagaaf hooggantoonni haaraa lama muudamaniif.
Aangawoonni lamaan muudamni kennameef Dr Kayraddiin Tazarraafi Obbo Charugeetaa Gannanaa akka jedhaman BBC’n kanneen muudamanirraa mirkanesseera.
Obbo Taayyeen nagaa buusuu hindandeenye jechuun mootummaa keessa jiran ifatti erga qeeqaa turan booda ALI Mudde bulti 1, 2016 aangoorraa kaafaman.
Aangoo Ministir Di’eetaarraa ka’anii bulee isaas to’annoo jala oolan. Obbo Taayyeen hidhattoota WBO waliin mootummaa kuffisuuf shiraa turan jechuun mootummaan isaan himate.
Torban Obbo Taayyeen aangoorraa ka’an Ministir Di’eetaan Ministeera Nagaa biraa walgahiif gara Baha Afrikaa imalanii alatti hafuu maddeen BBC’tti himaniiru.
Aangawaan Dr Siyyuum Masfin jedhaman walgahiin isaanii xumuraa Keeniyaa akka ta’e kan himan maddi kuni, ta’us biyyatti osoo hin deebi’an akka hafan himan.
‘’Keeniyaarraa gara Itoophiyaa deebi’u jedhamee eegama ture,’’ jechuun aangawaan kuni gara hojii isaaniitti akka hindeebine ibsan.
Dr Siyyuum guyyaa Kibxataa gama fuula Fesbuukii isaanii ergaa hojii gadhiisuu isaanii akeekuu qoodaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barreeffama isaaniin Paartii Badhaadhinaafi mootummaatiin ‘’amala mootummaa kan hinqabne, ummatarraa kan adda baheefi jibbame,’’ jechuun qeeqan.
‘’Akka qaama mootummaatti yeroon ture miidhaafi badii ummatarra dhaqqabe dhiifaman nan gaafadha,’’ jechuun mootummaa keessaa bahu akeekaniiru.
Ministeerri Nagaa Obbo Binnaalf Andu’aalamiin hoogganamu minister di’eetaa lama qaba.
Dr Siyyuum damee federaalizimiifi walitti bu’iinsa itti dhiheenyaan hoogganu.
Obbo Taayyeen immoo damee ijaarsa nagaafi waliigaltee biyyaalessaa hogganaa turan. Bakka isaaniis Obbo Charugeetaa Gannana muudamaniiru.
Obbo Charuun bakka Obbo Taayyee kan muudaman guyyaadhuma Obbo Taayyeen aangoorraa kaafaman akka ta’e BBC’tti himaniiru.
Jalqaba torban kanaa gaafa Wiixataammoo Dr Kayiraddiin Tazarraa Ministir Di’eetaa ta’un Ministira Muummee Abiy Ahimadiin muudamuu isaanii BBC’tti himaniiru.
Hanga yoonaa gara waajjira isaanii haaraa akka hin deemne kan himan Dr Kayraddiin, damee Ministeera Nagaa kam akka hoogganan garuu akka hinbeekne dubbatan.
Ministir Di’eetaan haaraa muudamuun Dr Siyyuum Masfiin aangoorraa kaafamuu isaanii agarsiisa jechuun maddi ministeerichaa BBC’n dubbise himaniiru.
Ministeerri Nagaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti erga dhufan booda waajjira caaseffamedha.
Kanneen haaraa muudaman eenyu?
Dr Kayraddiin hayyuu antiroppolojiidha. Miseensa Parlaamaa filannoo biyyaalessaa jahaffaatti paartii biyya bulchu bakka bu’uun Finfinneetti filatamanidhaO.
Paarlaamaatti walitti qabaa itti-aanaa Koree Dhaabbii Fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaafi ispoortiiti.
Ta’us, itti gaafatama isaanii kana har’a dabarsuu isaanii BBC’tti himaniiru. Dabalataan, miseensa boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaati.

Madda suuraa, HoPR, ETA
Digirii jalqabaa isaanii seenaan, digirii lammataa Soshaal Antiroppolojiin xumuran. Digirii sadaffaa isaanii Yunivarsitii Jarman Baayiroyiitirraa bara 2010 obbaasan.
Qorannoon isaaniis akkaataa walitti bu’iinsa furanirratti kan xiyyeeffatedha.
Kaan kan Ministir Di’eetaa Ministeera Nagaa ta’un muudaman Obbo Charugeetaa Gannanaa barnoonni isaanii saayinsii siyaasaarratti kan xiyyeeffatedha.
Digirii jalqabaafi lammataa isaanii muummee kanaan yunivarsitii Finfinneerraa eebbifaman. Kana dura dhaabbata INSA fi waajjira Ministira Muummee keessatti ogeessa ta’un tajaajilaniiru.
Akkasumas Abbaa Taayitaa Barnootaafi Leenjii keessatti I/Aanaa daarektara ta’un tajaajilan.
Yeroo ammaa Ministir Deetaa Ministeera Nagaa ta’un hojii eegaluu isaanii BBC’tti himaniiru.












