Waggoota shanan darban walitti bu'iinsi 5,000 ol Itoophiyaa keessatti mudate - Qorannoo

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Waggoota shanan darban Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsawwan 5,300 mudachuu qorannoon haaraa addatti taasifame mul’ise.
Qorannoon Inistitiyutii Qorannoo Itoophiyaa kan Yunivarsitii Finfinnee jala jiruun taasifame kuni waggoota kurnan lamaan darbe maddaafi bifa walitti bu’iinsa mudataa turan qorateera.
Qorannoon madda walitti bu’iinsa Biyyaalessaa adda baasuuf kaayyeffate kuni Tigraayin ala naannoleefi magaalota hunda keessa waan mudate qorate.
Addatti garuu ALI Bara 2010 – 2015 waan mudateerratti xiyyeeffachuu qorannoo waggaa tokkoofi walakkaa fudhate kana kan qoratan Dr Dassaalany Amsaaluu BBC’tti himaniiru.
Waggoota shanan kana keessatti walitti bu’iinsi sadarkaa olaanaan dabaluu himan.
Qorannoon walitti bu’iinsa siyaasaarratti xiyyeeffate kuni ALI bara 1992 – 2015 walitti bu’iinsawwan mudatan keessa 58% kan ta’u waggoota shanan darban mudate jedhe.
Walitti bu’iinsawwan kunneen lubbuu hedduu galaafatan, qabeenyas mancaasan. Ammallee itti fufaniiru.
Waggaa shanitti walitti bu’iinsawwan 5, 300 mudatan jechuun giddugaleessan wagga waggaatti walitti bu’iinsi 1,060 ji’attimmoo 80 ol mudataa turan jechuudha.
Walitti bu'iinsi maaliif dabale?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota 20’n darban bakkeewwan rakkoon hin dhalanne hin turre. Irra deddeebiin garuu bakkeewwan sabiifi amantiiwwan gara garaa wal keessa turaniifi qabeenyi jirutti hammaate.
ALI bara 2010 eegalee garuu walitti bu’iinsi bifa jijjiirrataa humnoota of ijaaran gidduutti baay’atuu qorataan kuni himu.
Akka fakkenyaattis walitti bu’iinsa mootummaan federaalaa humnoota naannoo waliin yookiin hidhattoota sadarkaa naannootti hidhatan waliin mudatuu himan.
Walitti bu’iinsi kunneen bifa siyaasaa qabaachuu himu. Sababooti madda ta’an akka jiran eeruun bu’uurri isaanii garuu fedhiifi gaaffii siyaasaa ta’u himu.
‘’Sirna mootummaa, karaa aangoon hundaa’e akkasumas hojiirra ooludha,’’ jechuun akka fakkeenyatti akkaataa hundeeffama mootummaa, siyaasa paartiifi diinagdee kaasu.
Walitti bu’iinsi maaliif waggoota shanan darban dabale? Gaaffii kanaaf Dr Dassaalany sirna siyaasaa laafeefi harki caasaa mootummaa dheerachuu kaasu.
‘’Qoodi caasaa mootummaa keessa ta’anii nagaa booressan tokkodha,’’ jechuun akkatti ‘siyaasi tolfame’ waliin akka walqabatu ibsu.
Waggoota shanan keessaa ALI 2013/2014 bara hammaataa ture. Kuni walitti bu’iinsawwan waggoota shanan mudate keessaa 35% kan qabatudha.
Kanaafis gumaachi waraana kaaba Itoophiyaa olaanaa ta’u himaniiru.
Waraanatti aansuun waggoota shanan darban haleellaan namoota nagaarratti raawwate walitti bu’iinsa mudate keessaa sadarkaa lammaffaarra jira, mormiin sadaffaa qabateera.

Madda suuraa, Getty Images
Naannoon Oromiyaa naannolee biyyattii keessaa naannoo walitti bu’iinsi olaanaan keessatti mudate ta’uufi keessumaa lammiileen nagaa haleellaan irratti raawwataman akka ta’e qorannoon kuni ibseera.
Naannoon Amaaraafi Tigraay Oromiyaatti aanuun, lammaffaafi sadaffaan, wiirtuu walitti bu’iinsaa ta’aniiru.
Lakkoofis qaamota walitti bu’iinsa keessa qooda fudhatan dabaluu kan ibsame yoo ta’u, kanneen keessaa gareewwan ‘mootummaa hintaane’ 38 akka jiran ibsameera.
Rakkoon kan hawaasaamoo 'beektota'?
Qooda fudhattooti walitti bu’iinsawwan kanneen mootummaa, hidhattoota saba bu’uureeffatan, TPLF fi WBO kan mootummaan Shanee jedhus, keessa jiru.
Kana hundaaf maddi maali kan jedhu garuu falmii kaasa.
Walitti bu’iinsawwan kunneen kan beektota gidduu malee hawaasi waliin jiraata jedhanii kan falman jiru.
Kaanimmoo duruu hawaasa keessa qoodinsiifi mufiin jira jedhu.
Walitti bu’iinsi kuni kan hawaasi fidemoo kan beektotaati? Gaaffii kanaaf Dr Dassaalany qoodi isaa wal haa caalu malee ‘’lamaanuudha’’ jechuun gargar baasuun akka dhibu himu.
Ta’us, lamaan keessaa tokko filachuurra inni ijoo eenyu kan jedhu ilaaluun akka wayyoo qabu amanu. Rakkoon keenya ijoo beektotarra madda jedhu.
‘’Akkaataa siyaasi caaseffame, itti fayyadama aangoo, ijaarsa sirna mootummaafi akkaataan itti qabame dura aantummaan kan gaafatamu [responsive factor]’dha jedheen amana.
‘’Kana jechuun garuu walitti bu’iinsi gubbaa hayyuulee qofarra madda jechuu miti. Hawaasarratti dhiibbaan ni uumama. Kanaaf hawaasi walitti bu’iinsa kan ofii godhata.
‘’Hawaasichi qooda fudhataa ta’a. Takka takka dargaggoonni fiixee qabatanii waan beektotaan jiru jijjiiruu rakkisaa taasisa,’’ jedhu.
Maddi ilaalcha siyaasaa beektota ta’us hawaasa keessa erga hidda jabeeffatan booda jijjiiruun rakkisaa akka ta’e dubbatu. Fakkeenyaaf dhimma heera jijjiiruu kaasu.
‘’Osoo heerri haa jijjiiramu jedhame beektoti osoomallee waliigalan jenne kaan ittiin waliigala jechuu ta’u dhabuu mala.
‘’Dhaloonni ilaalcha fiixe bahe baratee akka dhugaatti qabatee guddate waan jiruf rakkoo biraa ta’u danda’a,’’ jedhu.
Sababa kanaaf maddiifi abbummaan walitti bu’iinsa kanaa akka wal jala darbuu malu himu.
Furmaata fiduuf garuu hawaasa amansiisuufi mariif akka taa’u gochuun salphaa akka ta’e dubbatu. Qormaati ijoo hayyuulee gubbaaa jiru araarsuu akka ta’e ibsan.
Qooda caasaa mootummaa
Walitti bu’iinsawwan keessa hidhattoonni hedduu jiraatanis ‘’caasaan mootummaa walitti bu’iinsa kaasuufi hammeessuun qooda’’ akka qabu qorannoo kuni ibsa.
Qorannoon hojjettoota nagaafi tasgabbii akkasumas ogeeyyii akka madda odeeffannootti fayyadame.
Qaamoleen mootummaa ajjeechaa murtii seeraa malee, humnaan buqqaasuun, haleellaa saalaafi gargaarsa namoomaa danquun qooda fudhachuu ibse.
Qoodi caasaa mootummaa nama dhuunfaan qofa osoo hintaane haala ijaarameefi tooftaan ajaja aangawoota olaanaan akka raawwatamu maddeen qorannichaa himaniiru.
Caasaawwan mootummaa kan Dr Dassaalany ‘’nagaa danqanidha’’ jedhan fedha siyaasaa isaanii galmaan gahuf walitti bu’iinsa keessa kallattiin hirmaachuun, hammeessuufi itti-gaafatama bahuu dhabuun qooda ofii qabu jedhan.
‘’Humnoonni siyaasaa garagaraa, aangawoota mootummaa olaanaa dabalatee ‘kan nagaa danqan’ akka jiraniifi kunis walitti bu’iinsa to’achuuf rakkiseera.
‘’Qaamoleen ‘nagaa danqan’ kan fedha diinagdee, siyaasaafi kaan qaban akka jiraniifi kana [mootummaan] to’achuu akka qabu kan dubbatan [hawaasni] jiru,’’ jedhan.
Caasaaleen mootummaa walitti bu’iinsi akka hammaatu ‘qooda olaanaa’ bahataniiru jedhu qorataan kuni.

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Keessumaa ce’umsi siyaasaa ALI Bara 2010 ture balbala guddaa akka baneefi tarkaanfii mootummaan walitti bu’iinsa to’achuuf fudhatu laafaa ta’u akka hammaatu akka taasise himu.
‘’…[Walitti bu’iinsi babal’ataa kan deeme tarii seera kabachiisuu keessatti itti-gaafatama mootummaan bahuu qabu sirnaan bahuu dhabuu isaatti akka ta’e ifadha.’’
Walitti bu'iinsi maal akeeka?
Walitti bu'iinsi kunneen dhiibbaa guddaa hordofsiisaa jiru. Walxaxaa ta’un isaaniifi tarkaanfiin fudhatamaa jiru furmaata fidaa hinjiru jedhu ogeeyyiin.
Ogeeyyiin dhimma nageenyaa bal’ina walitti bu’iinsa kanneeni eerun biyyattiin nagaa buusuuf qormaati guddaa akka qunnameen kaasu.
Qorannoo waggoota 22’f waan mudate taasifame keessaa kan waggoota shanan darban mudatan gosiis ta’e bifi isaanii garaagara.
Walitti bu’iinsi mudataa jiru sirni siyaasaa lafa kan hin qabanne akka ta’e agarsiisa jedhu ogeeyyiin.
Kanaafis, hojiirra oolmaa heera biyyattiifi gidduu seentummaa akka sababaatti kaasu.
‘’Heerri saboonni 86’nu naannoo akka hundeessan eeyyama. Haa ta’u malee, kana raawwachuun hin danda’amu. Waan raawwatuu danda’u miti.
‘’Kanaaf raawwachuuf maaltu barbaachisa? Gidduu seentummaa, humnatu barbaachisa. ‘Hin ta’u, naannoon hin kennamuuf’ jedhamaa sababi eerama.
‘’Sababni kuni garuu bu’uura heeraa hinqabu. Heera, mootummaa federaalaafi dhaabbilee kaanirratti sirreeffamni jiraachuu mala. Qorannoon keenya hanqina kana guddisee kan mul’isedha,’’ jedhan.
Walitti bu'iinsi yoo itti fufe…
ALI bara 2013/2014 keessa dhiiga hedduutu dhangala’e. Waraana Tigraay osoo hin dabalatiin walitti bu’iinsi kuma lama ta’u bakkeewwan biyyattiitti mudataniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa lubbuu lammiilee kuma dhibbaan akka galaafate amanamu waliigaltee nagaan araarri bu’us, Naannoo Oromiyaafi Amaaraatti walitti bu’iinsi itti fufeera.
Walitti bu’iinsi Itoophiyaa keessa jiran furmaata osoo hin argatiin kanaan yoo itti fufan dhumaatii lammiilee nagaa akka hordofsiisu yaaddoo isaanii himu.
‘’Walitti bu’iinsi kan hawaasa ta’aa babal’ataa adeemu qofa osoo hintaane hawaasi mataa isaa lola keessa qooda fudhataa haala ta’etu jira.
‘’Kuni to’annoon ala ta’u danda’a. Itoophiyaa keessa walitti bu’iinsi kan yeroodhaa yerootti jijjiiramudha.
‘’Kanatu ta’a jedhanii tilmaamuun nama dhibus, kan nu yaaddessuufi waan hamaa ni dhufa jennee kan kan yaaddofnu dhumaatii ummata nagaati.’’
Furmaata
Walitti bu’iinsi Itoophiyaa keessaa garatti qajeelu kan adda baase qorannoon fuula 340 ol qabu kuni, walitti bu’iinsa to’achuuf furmaataafi gorsas dhiheesseera.
Heera fooyyessuu, madaala mirga dhuunfaafi garee sirreessuu, dhimma aangoo, sirna filannoo fooyyessuu, mana murtii heeraa hundeessuu, dhibdee daangaa furuu kan jedhan jiru.
Akkasumas, walitti bu’iinsa keessa qooda mootummaa gaarii hintaane to’achuu, seenessa seenaa waloo uumuu, itti-fayyadama diinagdee mirkaneessuu kan jedhaniis jiru.
Waggoota muraasa darban dhaabbileen nagaa buusuuf hundaa’an milkaa’uu dhabuu, akkaataan walitti bu’iinsa furuuf itti deemamuufi kutannoo mootummaa ilaalchisee gaaffiin ni ka’a.
Madda wal dhibdee biyya keessa jiran mariin furuuf sochii kan taasisaa jiru Komishiniin Marii Biyyaalessaa walitti bu’iinsa jiran furuuf filmaata tokko akka ta’u hayyuun kuni amanu.












