Itoophiyaatti sababni maraammartoo siyaasaafi 'abjuu waldhiitanii' maali, fallisaa hoo?

Madda suuraa, BBC/APF
- Barreessaa, Zalaalam Taaddasaa Duuressaa
- Gahee, Senior Broadcast Jounalist
Gaaffiin siyaasaa Oromoofi saboota kaanii Itoophiyaa keessaa waggoota dheeraaf ture fincila uummataa kaasuun bara 2018 MM Abiy Ahimed aangootti fide. Kun olaantummaa siyaasaa TPLF waggoota 30tti siqaniif Itoophiyaa keessa turetti xumura godhe. Garuu fincila biraa dhale.
Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa TPLF fi Paartii Badhaadhinaa gidduutti uumame babal'achuun waraana Tigiraay waggaa lamaaf ture kaase.
Waraanicha paartii biyya bulchu cinaa dhaabbachuun paartileen Amaaraas tahe naannolee kaanii deeggaraa turan.
Keessumaa naannoo Amaaraatti hidhattoonni Faannoo waraanicha irratti hirmaatan Waliigaltee Nagaa Piritooriyaaa mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti mallatta'een booda qawwee lafa kaa'uun qe'eetti deebi'uuf hayyamamoo hin taane.
Inumaayyuu deebi'anii bulchiinsa MM Abiy Ahimed mormuutti ce'an. Kana malees, karoora mootummaan humnoota addaa naannolee irra deebiyee gurmeesse kan naannoo Amaaraa mormiin mudatee haala naannicha keessa jiru daran hammeesse.
Kana hordofee rakkoon nageenya naannicha humna isaatiin ol taanaan mootummaan Federaalaa akka gidduu seenuuf jalqaba ji'a Hagayyaa gaaffii dhiyeesse.
Mootummaan Itoophiyaa humni hidhatee naannicha keessa socho'u kun ''mootummaa naannichaa humnaan fonqolchuun gara mootummaa Federaalaatti dhufuuf kaayyeffatee socho'a'' jechuun labsii yeroo muddamaa labse.
Hidhattoonniifi aktivistootni hidhattoota Faannoo deeggaranis ''ka'umsi keenya Amaaraaa bilisa baasuu, galmi keenya ammoo Itoophiyaa'' yeroo jedhan dhagahamu.
Itoophiyaa eenyu harkaa bilisa baasu? Itoophiyaa akkamii ijaaruu barbaadu?
Ofii humni bulchiinsa MM Abiy jala hiriiruun deeggaraa ture maaliif deebi'ee mormuutti ka'e?
Gaaffiin siyaasaa uummata Amaaraa ykn hidhattoota mootummaa mormanii gaaffii siyaasa naannoo Tigiraayitti ka'aa tureen walfakkaataa?
Waraanni Tigiraayitti ka'e tokkummaa biyyaalessaaf ''yaaddoodha'' jedhamuun ture waamichi duulaa kan ministira mummeedhaan taasifame.
Tarii waldhabdeen naannoo Amaara tokkummaa biyyaaf yaaddoo tahaa? Maaltu waraana kaabaan walfakkeessa? Maaltu adda taasisa kan jedhuufi siyaasa Itoophiyaaf waan qormaata taha?
Gaaffiin siyaasaa Amaaraa kan Tigiraayiin walfakkaataa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
TPLF olaantummaa siyaasaa gara waggoota 27'f Itoophiyaa keessatti qabu ture dhabuufi aangoo gidduugaleessaarra dhiibameera jechuun waraana lubbuu namoota hedduu galaafate dhale.
Namni siyaasaa gameessiifi hayyuun Saayinsii Siyaasaa Piroofesar Mararaa Guddinaa, waldhabdee Itoophiyaa keessaaf sababni guddaan ''aangoodha'' jedhan.
TPLF sirna bulchiinsa MM Abiy jalatti aangoo irraa dhiibamneerra jechuun finciluun gara waraana hamaatti galan.
Kana qofa osoo hin taane sabni keenya Itoophiyaa keessaa bakka tahuuf argataa hin jiru jechuun mootummaa Federaalaa waliin waldhaban jedhu.
Gama biraan barreessaan Dura Taa'aan Waldaa Qorannoo Oromoo, siyaasa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan hordofaniifi biyya Iswiizerlaand jiraatan Assabaa Raggaasaa (PhD) ammoo maddi waldhabdee bulchiinsa MM Abiy fi TPLF aangoo osoo hin taane ilaalcha siyaasaati jedhan.
''Aangoo irratti waan waldhaban miti. Silaa yeroo sana humna guddaa qabu ture. Mormiin itti jabaatus waraanatti galuuf humna qabu. Garuu sirnuma jiru sana fooyyessuun olaantummaa saba tokkoo komatamus hanbisnee itti fufna jedhanii yaadu ture.
''Abiy garuu sana guutummaan jalaa waan diigeef waraannatti seenan. Kun adda addumaa siyaasaati,'' jedhan.
Piroofesre Mararaan gama isaaniin TPLF fi namoota gaaffii siyaasa Amaaraa gidduu walfakkeenyi jiru lamaanuu dhiibamneerra kan jedhudha jedhan.
Dr Assabaan garuu kanatti walii hin alan.
Beektonniifi namoonni siyaasaa Amaaraa kan bulchiinsa MM Abiy Ahimed morman ''heeruma mootummaa Itoophiyaa ragga’ee hojiirra tureyyuu hin fudhannu eejjennoo jedhu qabu,'' jedhan.
Waldhabdee dhiyeenya naannoo Amaaraatti ka'eef ''Sirna mootummaa kanaa baraaruuf gatii guddaa kaffallee garuu amma beekaa nu dhiibaa jira, nutti garagalee nu rukutaa jira, nu ganeera, qawwee nu hiikkachiisaa jira,'' jedhanii amanuu isaaniiti, ''jedhan Pirofeser Mararaan.
Haatahu malee, adda addummaan isaan gidduu jiru TPLF hoggansa hundatu waliin dhaabbate, qaamni waraana ajaju beekamee waraanarra turan.
''Hidhattootni Faannoo akka kan TPLF hoggansa tokko jalatti socho’aa hin jiran. Ajaja waliigalaa akka TPLF hin qaban,'' jedhan.
Itti dabaluun, mootummaaf qormaata kan tahu qaamni hidhattoota Faannoo deeggaruu danda’u abbootii qabeenyaafi diyasporaa keessa jiraachuu danda’a jedhan.
Gara biraan ammoo hidhattoonni kunneen akka kan TPLF magaalaa bahanii osoo hin taane magaala keessa uummata keessa daheeffatanii qaama nageenya mootummaatti dhukaasuu isaaniiti jedhan.
Itaamaajooriin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa hidhattoonni naannoo Amaaraa hokkara kaasaa turan, ''uummatarraa adda bahuun sadarkaa yaaddoo tahuu hin dandeenye irra gahaniiru,'' jedhan.
Pirofesar Mararaan raakkoo naannoo Amaaraas tahe kan bakka kaanii furuuf mootummaan qondaalota isaaf amanaman qofa osoo hin taane uummata bal’aa waliin araaramuun biyya bulchuu qaba jedhan.
TPLF madaa isaa qoorsataa jira malee yaadni isaa eessa akka jiru baruun ni ulfaata. Rakkoon naannoo Amaraa bal'ataa adeeme. Hunda caalaa Oromiyaa kutaalee adda addaa keessatti namni ni ajjeefama, hidhama, dararaa guddaatu jira,'' jedhan.
Pirofesr Mararaan lafti Walqaayit Xagadee yeroo waraana Tigiraay gara naannoo Amaaraatti deebisuu ibsan ''nu harkaa baha'' sodaa jedhu qabu jedhan.
Lafti naannoleen lamaan irratti wal dhaban kun akkaataa heera mootummaan deebii akka argatu waliigaltee Piriitooriyaan murtaa'ee ture.
Beekaan Amaaaraa mootummaa kana amananaa hin jiran kan jedhan Piroofesar Mararaan, Poolisii Humna Addaa naanaolee irra deebiin gurmeessuuf mootummaan murteessuun shakkii biraa naannicha keessatti uumeera jedhan.
Naannoo Amaaraa keessa Faannoo dabalatee qaamni al-idilee hidhate dabaluu walqabatee mootummaan qaamni hidhate lama biyya tokko keessa jiraachuu hin qabu jechuun tarkaanficha fudhate jedhan.
''Isaan garuu ni shakku. Yeroo TPLF lafa keenya nurraa fudhachuuf qophaa’anitti mootummaan qawwee nu harkaa fudhee jara nutti gadhiisa shakkii jedhu qabu.''
Mootummaan Federaalaa bulchiinsa erga waraana Tigiraayii as Lixa Tigiraay bakka waldhabdeen daangaa jirutti hundaa'e diiguun bulchiinsa biraa akka hundeessu ibseera.
Sodaan kun naannoo Amaaraa keessatti humna nageenya mootummaafi hidhattoonni al-idilee naannicha keessa socho'an [Faannoo] gidduutti wal dhabdee uumuun labsii yeroo muddamaa labsameera.
Siyaasa Itoophiyaa keessaatti 'abjuu waldhiitu'
Itoophiyaa keessa sabaafi sab-lammoota 80 ol ta'antu jira. Sabni Oromoo saba guddaa biyyicha keessaa yoo ta'u, Amaarri sadarkaa lammaffaa qabata.
Waggoota 27 TPLF biyyattii gaggeesse keessatti olaantummaa saba tokkoo jira jedhamuun komii guddaan saba kaan irraa dhagahamaa ture.
Haata'u malee, Sirni Federaalizimiifi heerri mootummaa biyyattii keessaa mirga ofiin of bulchuu sabootaa mirkaneessuuf gargaara jedhamee itti amanamaa ture. Dabalataan Itoophiyaa durii [afaan tokko, amantaa tokko] sanatti xumura kan godhedha.
Garuu ammas tokkummaan biyyaalessaa rakkoolee siyaasa biyyattiin irra deddeebiin qoramaa jira. Piroofesar Mararaa Guddinaa ''biyya kana keessa abjuu waldhiitutu jira,'' jedhan.
Abjuu namoonni siyaasa Amaaraa oofan, dhaabbatanii abjuu uummata Amaaraa guutuutiimoo kan namoota siyaasaa muraasaa jedhanii gaaffachuun gaariidha jedhan.
''Oromoo maqaa balleessanii jecha boodatti hafaa fayyadamuun kan iyyaa oolan saba ofii ittiin kakaasuuf kan fayyadamanidha.
''Of eeggannoon ilaaluu isaan barbaachisa. Biyya ijaarra jedhanii akka Sarbiyaa akka hin taane sodaan qaba,'' jedhan.
Sabni Sarbiyaa biyya ijaarra, olaantummaa keenya kabachiisna jedhanii ka’anii biyya bakka shan, jahatti qodan jechuun muuxannoo adunyaa kaasanii caqasan.
Assabaa Raggaasaa (PhD) gaaffii finxaaleyyiin Amaaraa kaasan Sirna Federaalizimii amma biyyattiin ittiin bultu kan faallessudha jedhan.
''Sirna Federaalizimii ni mormu. Sababni isaanii Itoophiyaan gaafa hundoofte afaan, amantaafi aadaa tokko jedhanii waan yaadaniif sirnicha deebisuu barbaadu.
''Akka nuuf tahutti hundeesine, warri kaan itti makaman, dantaa keenya eeganii nu waliin jiraachuu qabu,’’ jedhu.
Itti dabaluun, TPLF humna waan qabuuf mormitoota isaanii rukutaa, gadi qabanii tursiisan. Abiy garuu kanaaf karaa baneef,'' jedhan,
MM Abiy hanga bara 2022tti isaan irraa deeggarsa qaba ture. Paartiilee naannoo Amaaraafi Badhaadhina gidduu adda addumaan siyaasaa hin jiru. Garuu waldhabdeen dhufe babal’ifannaa lafaa isaan jalqabaninidha jedhan.
Daangaa Tigiraayiifi Amaaraa, akkasumas Benishaangul Gumuz keessatti yaalaa jiru. Kun ''olaantummaa keenya deebisna'' jedhanii isa yaadanidha, jechuun waan finxaaleyyiin naannoo Amaaraa keessaa kaasan ibsan.
Piroofeesar Mararaan ammoo, ''sirna dimokirasiitiin bulaa hin jirru, mirgi sabaa eegamaa hin jiruu isa jedhan ni fudhannaaf. Mirga isaaniif haa qabsaa’an. Saba isaaniif haa dhaabbatan. Sabni isaanii akkuma saba keenyaa akka miidhamaa jiru, mirgi isaa sarbamaa jiru nuti ni agarra. Baka tokkotti dimokiraasii, bakka biraatti kan biraa tahuu hin danda’u,'' jedhan.
Piroofeesar Mararaan gama isaaniin isa beektonni Amaaraa, ''sabni Oromoo lafa hin qabu jedhanii….odeessan.. qaajja’an inni dhimma biraati. Biyya kana keessaa sabni guddaa tokkoffaafi lafa bal’aa qabu Oromoodha. Kana eessas dhaqanii jijjiiruu hin danda’an.
''Deebinee aangoo qabanna yoo jedhanis saba kana akka duriitti bulchinaan yoo jedhaniyyuu abjuu duwwaa taha. Abjuun hin taane ammoo rakkoo qaba,'' jedhan.
''Kun abjuu waldhiitudha. Abjuu waldhiitu qabatanii deemuun saba isaaniifis faayidaa hin qabu.
Gama biraan kana dura TPLF sirna dimokiraasii ijaarra jechaa saba keenya dhiitanii bulchan. Sirni isaanii garuu olaantummaa saba isaanii irratti kan hundaa’e ture jedhan.
''Amaarri nutu biyya kana bu’uuresse. Deebisee sirna federaalizimii diignee akka duriitti yoo deebisne biyyi kun nagaa argattti, ni guddatti, sirna dimokiraasiin buluu dandeessi jedhanii abjatu.
''Warri kan keenyaas [Oromoo] ofiin of bulchinaa, qabeenya keenya irratti, dachee keenya irratti abbaa taana, yoo barbaanne qofaatti baana [biyya taana] jedhanii amanu. Sadanuu karaa tokko irra waan jiran miti. Abjuun kun sadanuu waldhiita.''
Piroofeesar Mararaan beektonni saboota kanneen keessaa bahan walakkaatti dhufanii akkamiin wajjin jiraanna jedhanii yoo kan dubbatan ta'e yaada gaarii ta'a.
Sanaan ala qawweedhaan ukkamsinee biyya bulchina ilaalcha jedhu yoo tahe waggoota dheeraaf bu’aa isaa argineerra,'' jedhan.
''Dhugaatti biyya kana fayyisuuf yoo barbaachise marii biyyaalessaa kan jedhan sun dhugaatti hojiitti hiikamuu qaba. Isa mootummaan tapha hin taaneef qopheessu osoo hin taane sabni hunduu gaaffii waan qabuuf, walitti dhufuu qabu.
Abjuu saba biraa bituu qabna isa jedhuttis daangaa godhanii waliin mari’achuufi waliigaltee biyyaa irra gahuu barbaachisa,'' jedhan.
Mootummaas dabalatee karaa qawwee hiikuu danda’a jedhee amanuu hin qabu jedhan hayyuu siyaasaa kun.
Bulchiinsi MM Abiy Ahimed kan eenyuuti?
Bara 2018 MM Abiy Ahimed akkuma aangootti dhufaniin kutaa biyyattii hunda irraa deeggarsa guddaa argataa turan.
Naannoo Tigiraay yeroo jalqaba deeman simannaa guddaan taasifameeraaf. Naannoo Amaaraa keessattis akkasuma fudhatama guddaa argatanii turan.
MM Abiy yeroo Paartii Badhaadhinaa hundeessan paartilee sabaafi sablammoota biyyattii keessaa bakka bu'an ofitti dabaluu himan.
AWDUI duraanii saboota sadan Oromoo, Amaara, Tigiree] fi paartii Uummattoota Kibbaa bakka bu'u qabachuun biyya gaggeessaa ture.
MM Abiy Paartii Badhaadhinaa yeroo hundeessan garuu paartiin sabarratti bu'uureffate akka hin jiraanne barbaadaniiti jedhamaa turan.
Kun namoota siyaasaa Oromoo biratti sirna federaalizimii diiguufi Itoophiyaa durii sana deebisuuf shakkii jedhu uumeera.
Booda keessa erga waraanni Tigiraay waliigaltee nagaan xumuramee garuu siyaasni Amaara keessaa bifa biraa qabachuun uummata Oromoo ''abbaa dabaree'' jechisiise.
Haatahu malee, naannoo Tigiraayis ta'e naannoo Amaaraa dura rakkoo nageenyaa guddaa keessa kan ture tokko naannoo Oromiyaati.
Paartileen mormituu Oromiyaa keessa socho'an ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatu, hidhaa seeraan alaafi sarbama mirga namoomaan bulchiinsa MM Abiy himataa turan.
Pirofeesar Mararaan beektonni Amaaraa bulchiinsa MM Abiy ammaa ‘mootummaa Oromoo’ jechuun haa ibsan malee uummanni Oromoo garuu addatti waan argate hin jiru jedhan.
''Mootummaan kun mootummaa Badhaadhinaati. Mootummaa Oromoo qofa miti. Isaanis Oromoo qofa bakka buuna waan jedhan miti. Garuu gaafa rakkatan Oromootti [Qeerrootti] hirkachuu jira malee kanuma Itoophiyaati.''
''Mootummaan kun kan saba kamiyyuu mirga eegaa hin jiru. Malaammaltummaan daangaa darbeera. Dabballeen akka barbaadetti bulchaa jira.
''Sabni Amaaraas, Oromoos rakkina keessa jiru. Saba kamiyyuu caalaa kan miidhamaa jiru saba Oromooti,'' jechuun ibsan namni siyaasaa gameessi Piroofeesar Mararaa Guddinaa.
''Warri Amaaraa miidiyaa bal’aa waan qabaniif odeeffame yoo tahe malee, waraanni, ajjeechaan, hidhaan Oromiyaa Lixaa, Bahaa, Kibba, gidduugaleessatti deemaa jira,’’ jechuun ibsan.
Namoonni siyaasaa Amaaraa yeroo MM Abiy Ahimed aangoo qabatan ‘Musee keenyadha, sabboonummaa Oromoofi Tigiree nuu cabsa,'' jedhanii deeggaraa turan.
''Amma ammoo isaanumti deebi’anii mootummaa keenya miti jechuun alaafi keessan mormii jalqaban,'' jedhan. Mootummaan kun rakkoo siyaasaa hiikuu dadhabe jedhan.
Warra gaaffii siyaasaa qabatanii siyaasa keessa turan duubatti dhiibee ofumaa fedhiikoo biyya kana keessatti hojiirra oolcha waan jedhu fakkaata. Kana keessatti waliigaltee biyyaalessaa fiduu dadhabe.
Kun biyya kana waldhabdeefi rakkoo nageenyaa keessa galche kan jedhan hayyuun kun, maaamartoo walitti bu'insaa keessaa bahuuf waliigaltee biyyaalessaa dhugaa tahe qofatu furmaata taha jedhan.












