Marii biyyaalessa Itoophiyaafi Heera foyyeessuurratti ilaalcha namoota siyaasaa buleeyyii lamaan

Itoophiyaan biyya saboota hedduu, ilaalchaafi fedhiiwwan siyaasaa gargara qabdu waan taateef, wantoota bu’uura biyyaa ta'an osoo hin hafne dhimmoonni gareen hundi irratti waliif hin galle ni mul’atu.
Keessattuu, hayyoota jidduutti dhimmoota biyyaa irratti waliigalteen dhibuun, wal amantaa dhabuufi shakkiin isaan jidduus adeemsa ce'umsaa rakkiisaa taasisaa tureera.
Bu’uura waliin jireenyaafi tokkummaa biyyaattiiti kan jedhame Heera Mootummaatii kaasee kanneen akka alaabaa biyyaatti, gurmaa’insa naannoleefi seenaa darbee irratti waliigaltee walfakkaataan hin jiru.
Rakkoo siyaasaa waggootaaf ture karaa mariifi waliigaltee biyyaaleessaatiin furuudhaaf hedduun gaafataa turan.
Mootummaan Itoophiyaas rakkoo dhimmoonni irratti waliigaltee biyyaalessaa hin qabne kana uuman ni fura jechuun waggaa tokkoon dura Komishinii Marii Biyyaalessaa jedhamu hundeesse.
Komishiniin kunis hunda caalaatti ergama rakkoolee waliigaltee biyyaalessaa akka hin jiraaanne godhan adda baasuufi fala barbaaduun ergama ijoo qabatee hojiisaa eegaledha.
Mariin biyyaalessaa Itoophiyaaf hangam murteessaadha?
Umriisaanii waggaa 50 ta’u siyaasa Itoophiyaa keessatti kan dabarsan namni siyaasaa Obbo Leencoo Lataa, rakkoon Itoophiyaa sirnoota darbanirraa dhiibamee kan dhufeedha jedhu.
“Waggaa 50 dura yeroo nuti qabsoo eegallu Itoophiyaan biyya saba tokko, aadaa tokko afaan tokkooti jedhamee lallabamaa ture. Nuti yeroo sana lakkii Itoophiyaan Impaayera, kana keessaa baanee mirga keenya kabachiisuu qabna jechuun qabsoo eegalle,” jedhu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1991 booddee biyya sabni baayyeen keessa jiru, ummatichis walii wajjin turuu qaba jedhamee murtaa’e. Federeeshinii saboota hedduu aangomsu jechuudha. Kun tarkaanfii tokko ture jedhu Obbo Leencoon.
Federeeshiniin sabdanneessaa hundaa’uun tarkaanfii tokko ta’ulleen federeeshiniin kun akka barbaadame dimokiraatawa ta'uu dhabuutu rakkoo biyyattii mudate kanaaf ka’umsa jedhanii amanu.
Obbo Leencoon Komishinii marii biyyaalessaatiif hundaa’e kana keessatti yeroo ammaa koree gorsitootaa keessaa nama tokkodha.
“Itoophiyaan amma filannoo tokkittii qofa kan qabdi. Innis federeeshinii sabdaneessaa kana dimokiraatessuudha. Yoo kun ta’uu baate, sirnuma biyyaatu jiga sodaa jedhun qaba. Sirni yeroo jigu ammoo ollaa keenya somaaliyaa argine. Ummanni afaan tokko, aadaa tokko, amantii tokko qabu waggaa 30 oliif deebisanii ijaaruun dadhabameera,” jechuun yaaddoo qaban ibsu.
Balaan diigamiinsaa Itoophiyaa mudatee jennaan garuu biyya kana deebisanii ijaaruun waan salphaatti yaadamu mitis jedhu.
Maddoota dhibdee biyyattii keessa jiran karaa dimokiraatawa ta’een maqsuudhaaf mariin biyyaalessaa filannoo isa murteessaa akka ta’eefi kanas kan deeggaran ta’uu dubbatu Obbo Leencoon.
Mariin kun akka milkaa’uuf ammoo ummanni Oromoo itti gaafatama hunda caalu bahu akka qabus dhaamu.
“Mariin biyyaalessaa kun milkaa’ee biyyi akka dimokiraatoftuuf Oromoon itti gaafatama guddaa qaba. Miirri itti gaafatamummaa itti dhagahamuu qaba. Akka kanaan duraa nama biraarraa eeguu hin qabnu,” jedhan.
“Marii biyyaalessaa amma itti adeemamaa jiru kana Oromoon qophaa’ee, afaan tokkicha dhaqee haasa’uu qaba. Oromoon yoo wal hubatee adeeme malee mariin kun hin milkaa’u gaafa mariin kun kufe ammoo Oromiyaanis, biyyi kunis hin jiraatu. Dhibdee gurguddaatu dhalata,” jedhan yaaddoo qaban yoo ibsan.
Dura taa’aan Kongaransii Federaalawaa Oromoo Piroofeesar Mararaa Guddinaa ammoo, mariin biyyaalessaa gaaffii dhaabni isaanii yeroo dheeraaf gaafachaa turan ta’ulleen akkaataa hundeeffama Komishinii amma ijaaramee kanaatin garuu furmaati fidu hin qabaatu jedhu.
“Wanti amma Komishinii marii biyyaalessaa jedhamu kun kan osoo waa lafaa hin kaane du’edha. Kun waan waggaa tokko lama tiyaatira taphatee waan darbu malee waan waan guddaa fidu miti,” jedhu.
Komishiin marii biyyaalessaa hundaa’e kun garee mootummaaa irraa qofa kan hundaa’e ta’uun amantaa rakkoo ni fura jedhu irraa akka hin qabaanne akka isaan taasises himu.
“Waan akkanaa kana hundatu irraa qooda fudhachuu qaba ture, warri mootummaas warri mormituus. Jaarsummaan garee lamaanuu irraayi malee garee tokko qofarraa miti. Mootummaan yeruma kana darbuuf waan hundeeffatedha. Taphataa tokkotu fedhii ofii galmaan ga’uuf waan hundeeffatedha,” jedhan.
Komishiniin kun erga hundaa’ee waggaa tokko keessatti hojii qabatamaa tokko kan hin mul’isneef ‘Mootummaan yeroo ittiin bitachuufi mukuu ittiin ba’uuf’ qofa waan hundeeffate jechuunis qeequ Piroofeesar Mararaan.
Obbo Leencoon garuu mariin biyyaalessaa amma yaadame kun furmaata biyya kanaaf fiduu akka danda’u abdii irraa qabu. Garuu hirmaannaafi tokkummaa saba Oromootu hedduu barbaachisa jedhaniis amanu.
Komishiniin marii biyyaaleessaa eenyu?
Komishiniin marii biyyaaleessaa dhimmoota biyyaaleessaa irratti waliigalteerra hin gahamne irra waliigaltee buusa jedhamuun waggaan dura hundeeffamunsaa ni yaadatama.
Garaa garummaan siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru filannoo qofaan kan furamu waan hin taaneef mootummaa labsii Komishinii Marii Biyyaaleessaa mana maree bakka bu'oota ummataatiin ragaasise.
Komishiniin biyyaaleessa Itoophiyaa labsiin hundeeffame kunis kan dhiibbaa qamaa kamu irraa bilisa ta'eefi qaama of danda'e ta'e itti waamamni isaa mana maree ummataatiif akka ta'e labsicha irratti kaa'ameera.
Biyyattii keessa sirni siyaasaa dimookiraatawa ta'e akka ijaaramuuf hojjata jedhamee eegama komishiin kun.
Komishiniin kunis komishinaroota 11 kan qabu yoo ta'u, isaaniin Guraandhala ALI bara 2014 mudamuun gara hojiitti seenun himameera.
Komishinii marii kunis dhimmoota waliigalteen akka hin jiraannee taasisaniiru jedhaman adda baasuun furmaata barbaachu galamsaa akka ta'e himameera.
Kanaafu karaa namoota mudaman 11 mudaman kanneenitiin dhimmoota adda baafaman irratti mariin akka gaggeeffamu taasisu.
'Maqaa heera foyyeessuun biyya gara diigumsaatti..'
Dhihoo kana dhaabbanni qo’annoo Immaammataa Itoophiyaaa Heera Mootummaa Federaalawa Dimokiraataawa Itoophiyaa keessaa keeyyatoota fooyya’uu qaban qorannoo adeemsiseen adda baafadheera jedhe ibsee ture.
Keeyyattoota Heerichaa falmisiisoofi murteessoo tahan irratti fooyya’uu akka qaban kan akeeke ibsi dhaabbatichaa, dhaabbilee siyaasaafi namoota siyaasaatiin miira gaariin hin simatamne.
Ibsa dhaabbata kanaa hordofuun ibsa ejjennoo kan baase Kongaransiin Federaalawaa Oromoo (KFO) ‘Maqaa Fooyya’iinsa Heera Mootummaatiin bu’uurri sirna federaalizimii sabdaneessaafi biyyattiin gara diigamuutti deemaa jirti’ jechuun qeeqe.
KFO’n ibsa baase Kanaan keyyatoonni heera mootummaa dhaabbatichi akka fooyya’aniif qorannoon adda baaseera jedhee akeeke fudhatama kan hin qabnedha jedheera.
Keeyyatawwan fooyya’uu qabu jedhaman keessaa Aasxaa fi Afaan hojii mootummaa federaalaa, aangoo birmadummaafi ijaarama sabaafi sablammoota Itoophiyaa, mirga ofiin of bulchuu, dhimma Magaala Finfinnee, dhimma paartilee siyaasaa sabummaan hundeeffamuu keesatti eeramu.
Ibsa ejjennoo abbaa qabxii torbaa tibbana kaaseen KFO’n, ejjennoo heerri mootummaa gonkuma fooyya’uu hin qabu jedhu akka hin qabne eeruun heera fooyyessuun dura ulaagaawwan barbaachisoodha jedhus tarreesseera.
Dura taa’aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa gaaffiifi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasisaniin yaadrimeen heera mootummaa fooyyessuuf dhihaate rakkoon ijoo biyyattii osoo hin furamne garas deemuun rakkoo hammeessuudha jedhan.
“Nuti qorannoon suni dhugaa ta’uusaayyuu shakkina. Wanti kuni waan dhokatanii hojjetan waan ta’eef rakkoo qaba jechuu kiyya. Waan hin fakkaanne hedduutu qorannoo isaan jedhan kanarraa jira. Kanaaf akkan ani yaadutti furmata biyyaaf fida waan jedhu hin qabu, yoo hammeesse malee,” jedhan.
Obbo Leencoo Lataas yaada qorannoo fooyya’iinsa heera mootummaa jedhamuun dhihaate kana akka itti hin amannee kaasuun sirrii miti jedhu.
“Akka kanatti heerris hin ijaaramu heerris hin jijjiiramu. Akka amma labsiidhaan godhame kanatti. Akkaatumti itti hojjetame iyyuu dabaa waan ta’eef kanarraa waan faayidaa qabu dhufa jedhee hin eegu. Fedhii gama tokkoo qofa waan calaqqisiisu kun,” jedhan.
Heerri mootummaa amma jiru hir’ina mataasaa qaba kan jedhan Obbo Leencoon, akkaataan itti fooyya’uu qabu garuu tartiibasaa karaa eeggaten ta’uu akka qabu himu.
“Adeemsa isaa eegee heerri kun fooyya’aa deema malee akkasumatti murni tokko gadi ba’ee qoradheen jedhee wanti labsu kun dimokiraasii waan sodaataniifidha,” jedhan.












