Dhimma Heera Mootummaa Itoophiyaa fooyyeessuu falmisiisaa ta'e

Kufaatii sirna Dargii hordofee aangoo kan qabatee ADWUI'n heera federaalawaa kan Itoophiyaan waggootaa kurnan lamaa oliif ittiin bulte kana raggaasise.
Heerri kun 'sabidaneessuummaan kan ittiin calqisiifameedha jedhame himamaaf kan ture yoo ta'u, ilaalcha siyaasa muraasa kan moggaatti dhiibuufi kan gargaagarummaa irratti xiyyeeffatedha jedhamee qeeqama.
Heerri federaalawaa kunis bara ALI bara 1987 fi 1997tti yeroo lama fooyya'insi akka taasifameef ragaaleen ni agarsiisu.
Fooyya'iinsi jalqabaa kan sirna kaffaltii gibiraa ilaallatu keewwata 98 yoo ta'u, fooyya'iinsi lammataa ammoo lakkoofsa ummataa kan ilaalatu keewwata 103 ture.
Heerri amma hojiirra jiru kun ragga'uun dura gandaa hanga aanaatti waggoota lamaaf mariin hawaasaafi yaa'iin irratti gaggeeffamutu himama.
Kana malees hayyoonni akka qoratanii fi balaa diigamuu biyyattii mudachuuf ture irraa kan oolche ta'uutu himaamaaf.
Keessattuu, kanneen warra siyaasaa Itoophiyaanummaa leellisan kan moggaatti dhiisseedha jechuu adeemsicha kan qeeqanis hin dhiban.
Heera waggoota 20 oliif ture kanarratti komiif qeeqa dhiyaatu bu'uura taasifachuun fooyyee'iinsi akka taasifamuuf qaamoleen gaafatan turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keewwata heera amma hojiirra jiru kana keessaa hammataman keesssaa Itoophiyaa amma jirtun haalliiwwan jijjiraman akka jiran kaasu.
Kanaafis akka fakkeenyaatti kan kaasan heerichi naannoolee sagaliif beekamtii kan kennulleen, waggoota lamaan darban ammoo naannooleen lama haaraan hundeeffamaniiru.
Kana malees, naannoo biraa sadaffaan hundeeffamuuf referandamiin gaggeeffamu kaasu.
Akkasumas, afaanooti shan afaan hojii federaalaa akka ta'an mootummaan akka barbaadutu himameera.
Gaaffiilee Heerri mootummaa akka fooyya'uf hayyootaafi qondaalonni siyaasaa kaasaniif deebii kennuuf jecha Inistitiyuutiin Qorannoo Imaammaataa Itoophiyaa, Pirofeesar Bayyanaa Pheexiroosiin hogganamu qorannoo gaggeeessera.
Erga bu'aan qorannicha ibsameen booda, kanneen qeeqan akkuma jiran hunda kanneen deeggaranii yaada kennanis jiru.
Ofii qorannichi akkamitti gaggeeffame? Hangam hirmaachisaa ture? Fedhii enyuutu keessaa calaqisa? Maaliif falmisiisa ta'e? gaaffilee jedhan hayyoota fi qondaaltota siyaasaa lama gaafanne.
Qorannoo fooyya'iinsa Heeraa irratti eenyu hirmaate?
Qorannoo fooyyeessuu Heera mootummaa Insititiyuutiin Qorannoo Imaammaata Itoophiyaatiin gaggeeffame, keessattuu dhimmoota mirga garee ilaallatan irratti kan keewwatawwan Heeraa filataman irratti xiyyeeffate ture.
Seensa Heera kanarratti ''nuti Sabaafi Sablamoonni' kan jedhu, keewwata 8 irratti, ''Sabaafi sablamileen fi ummanni abbaa aangoo birmadummaati'' kan jedhu, alaabaa biyyaaleessaa, afaan manneen hojii federaalaa, caasseeffama naannoleefi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaa hanga 'fottxxoquutti' kan jedhu keewwanni 39 akka fooyyeeffamu yaadni dhiyaateera
Dhimmi falmsiisaan Finfinnee akkasumas kan dhimma Heeraa hin taane mata duree paartilee siyaasaa sabaan ijaaramnaii qorannicha keessatti hammatamaniiru.
Qorannichi waggoota lamaaf gaggeeffamuufi, Itoophiyaan wal-waraansa keessa yeroo turtetti qoratamee ALI Onkoloolessa 2015 xumuramutu ibsame.
Naannoon Tigiraay qorannoo kana keessatti akka hin hammatamne eeramera, garuu yaada fooyya'insaa miseensa federeeshinii hin hammanne attamiin akka waliitti araarsan kan jedhame hin jiru.
Naannoolee hafan irraa garuu saboota naannawa 41tti argaman irratti mala qorannoo lamatti fayyadamauun waliigalatti namoota 1,123f gaaffiilee (questionnaire) raabsamuu, akkasumas namoota filataman irratti af-gaaffiin dhunfaafi gareen dhiyaachu ibsan.
Irra caalan namoota kanaa [80%] Heera mootummaa irratti hubannoo qabna jechuusaanii qorannichi ibsa.
Heera foyyeessuun maalif amma barbaachise?
Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaa Saayinsii Siyaasaafi Dura-taa'aan Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) kan ta'an Pirofesar Mararaa Guddinaa fi achuma Yunvarsiitiichatti barsiisaa Dhimma Federaalizimii miseensi mana maree magaala Finfinnee kan ta'an Dr Sisaay Mangistee heera haaromsuurratti mormii guddaa hin qaban.
Hayyoonni lamaanu kunneenis adeemsa, qabiyyeefi yeroo haaromfamurratti walii hin galan.
Dr Sisaay ''yeroon heera haaromfamuu qabu ammi siriidha,'' jedhanii amanu. ''Sababnii isaas maddii rakkoo hedduun heera kanadha,'' jedhu.
''Heera keessa labsiiwwan falmisiisaa heddutu jira. Garaagarummaaf karra bananii tokkummaa labsiiwwan laaffisanitu jiru. Waggoota 30'n darban qabatamaan kana argine.
Heerri sirriitti fooyyeffamnaan rakkoowwan hedduun ni furamu. Sana booda aadaan dimokiraasi, waliigalteef waliin haasa'uun cimuu qaba,'' jedhu.
Pirofesar Mararaan ammoo heera haaromsu yaada jedhu hin mormine garuu jalqaba waliigalteen waloo fi sirni dimokiraasii ijaaramuu qaba jedhu.
Pirofesar Mararaan akka jedhanitti, waliigalteen biyyaalessaa jiraannaan heera geeddaruun ni danda'ama jedhu.
Isaan akka jedhanitti, heera fooyyeessuun ofisaatiif bu'aa waliigateeti jedhu.
Pirofesar Mararaan dhimma biyyaaleessarratti waliigaltee walootu barbaachisa ejjannoo jedhu qabu.
''Heerri Macaafa Qulqulluu ykn Qura’ana miti, geeddaramuu danda’a. Kan ilaalamu qabu rakkoo biyyattii keessa jiru hiiku danda’amoo, rakkoo dabala dhimma jedhutu ta'u qaba,'' jedhan.
Heera geeddaruurratti qooda guddaa qabaacha kan jiru paartii biyya bulchaa jiru ta'uu kan amanan Pirofesar Mararaan, paartiin tokkichi qofti siyaasa biyyattii keesssatti olaantummaan bakka qabutti heera geddaruun biyyattii gatii baasisa,'' yaaddoo jedhu qabu.
Yaanni heera haaromsuu maaliif falmisiisaa ta'e?
Itoophiyaan wal-waraansa kaaba biyyattii keessatti mudatee keessaa bahuun tasgabbii siyaasaafi dinagdee uumuuf yaalaa jirti. Naannoolee Oromiyaafi Amaaraatti garuu walitti bu'iinsi itti fufeera.
Naannoo Tigiraayittillee dhimmoonni ammas hin furamne ni jiru.
''Haala amma keessa jirruun Itoophiyaa keessa tasgabbiin hin jiru,'' jedhan Pirofesar Mararaan.
Pirofesar Mararaan, heera mootummaa kan haaromsamu yoo ta'e, mirga sabootaafi daangaa naannolee diiguuf yaaluun garuu biyyatti ibidda itti qabsiisu ta'a,'' jechuun akeekkachiisan.
Dr Sisaay ammoo gama isaanitiin ''sababni falmisiisa ta'eef inni ijoon heerichi waan kan warra mo'atanii ta'eefiidha. Qabsoo hidhannoo yeroo sana gaggeeffameen injifattoota taasifamaniin warra fudhatamaniin qaamooleen hawaasaa akka irratti hin hirmaannee dhorkamanii turan.
''Lammaffaa kan injifatan dhaabbilee siyaasaa sabarratti xiyyeeffataniidha. Sababii kanaatiin wanti hunduu kan afaan ykn saba irratti buu'urreeffate ture. kanaafuu paartileen sadarkaa biyyaalessaa ykn ilaalcha biyyaleessa qaban moggaatti dhiibamanii turan,'' jedhan.
Pirofesar Mararaan paartiin biyya bulchu addatti heera geeddaruuf yaaluun rakkoo duraan jiru ittuu hammeessuu akka danda'u akeekkachisan.
''Siyaasa biyyattii gara tokkootti osoo hin fidiin heera biyyattii waliigalte barbaachisu geeddaruun rakkoo qaba,'' jedhu Pirofesar Mararaan.
''Rakkoo biyyattii keessatti dhufuuf ittigaafatamummaa guddaa kan qabu paartii biyya bulchu,'' jedhan.

Heera mootummaa fooyyeessuun fedhii eenyuuti?
Heerri mootummaa hojiirra erga oolfamee waggoottan 30'n darbanii qabe, qaamooleen tokko tokkoo heerichi tokkummaa biyyaa laaffiisa ejjannoo jedhu calaqqisiisaa turan.
Dr Sisaayi Mangistee, namoota heerri mootummaa fooyyeeffamuu qabaata jedhan keessaa tokko.
‘‘Keessattuu ummanni Amaaraafi lammiileen Itoophiyaa wal makaan jedhaman, kan hawaasa garaagaraa irraa dhalatan, kanneen saba garaa garaa irra ta’aniifi lammii Itoophiyaa ta’an heera mootummaatiin beekamtii hin arganne.
Akka haala hawaasummaafi siyaasaa kamu keessatti hirmaataniif mirgisaanii akka kabajamu hin taasifamne,’’ jedhu.
Pirofesar Mararaan garuu, ‘‘hayyoon Amaaraa waggoota 30'n darbaniif heerri mootummaa akka geedaramuuf gaafataa turan. Paartileen hayyoota Amaaraatiin hundeeffamanis heera mootummaa amma jiru ni jibbu,’’ jechuun yaada wal fakkaataa kaasan illeen haala kanaan fooyyeefamu hin deeggaran.
Dr Sisaay garuu, ‘‘hunda caalaa heera mootummaa garaagarummaaf malee tokkoommaaf xiyyeeffannaa hin kenniineedha. Aangoo olaanaan sabaafi sab-lammileef kenname. ‘Nuti sabaafi sablammileen’ jechuun malee ‘nuti ummattoonni Itoophiyaa’ jechuun gara tokkummaatti haala nama fidu hin qabu,’’ jechuun mormu.
Akkaataa odeeffannoon qorannichaa sassaabame maal jedhu?
Haala odeeffannoo walitti qabusaarratti rakkoon jiraachu kan dubbatan Pirofesar Mararaan, ‘‘amantummaasaarratti gaaffii kaasa’’ jechuun qoranniichi haalaan akka hin gaggeeffamne dubbatu.
Dr Mararaan, ‘‘dhimmi baayyee na dinqisiise biyya ummanni miliyoona 120 keessa jiraatuutti, nama gara kuma tokkoo dubbifneera jedhu. Irra caala parsantaa 80 ta’u magaalota irraa dubbisan.
Garuu ummannii parsanataa 85 ta’u kan jiraatu baaddiyaa ta’u ni beeku. Dogongora cimaa kana fakkaatu hojjataniiru,’’ jechuun rakkoo adeemsaa qabaachu kaasu.
‘‘Akkasis ta’e eessa deemanii akka gaafatan hin beekamu. Fakkeenyaaf naannoo Oromiyaa essa deemanii gaafatan? Tapha siyaasaa fakkaata’’ jechuun qorannicha qeequu.
Di Sisaay garuu, ‘‘caasaa naannoolee yoo ilaallee kan afaaniifi saba buu’urreeffate malee teessumma lafaa ykn haqa bulchiinsaa miti. Dandeettii ofiin of bulchuu, qabeenya umamaa, qabeenya ilama namaa, baayyina namootaa, bal’ina lafaa akka ulaagaatti hin fudhanne,’’ jechuun boca sirna federaalaa qeeqau.
‘‘Kanaafuu naannoo guddaan ummata afaan tokkoo dubbatuu akka naannoo guddaa tokkoo keessatti hammatamu ta’eera. Naannoon xiqqoon biraa ammo umameera.
Kun rakkoo tokko ta’e fudhatamu danda’a,’’ jechuun naannoon akka teessuma lafaa bu’ura taasifatu jechuun yaada rime qorannichaa deegaran.
‘‘Qorannichi naannoolee afaaniin caasseeffaman akka diigaman gaafata’’ jedhu Dr Mararaan. ‘‘Tokko tokkoo keessummatti naannooleen Oromiyaafi Tigraay akka diigamaniif watiwaataa turan,’’ jedhan.
Pirofessar Mararaan qorattoonni ummata baadiyyaarra kan magaalaarratti xiyyeeffachusaanii kaasuun, ‘‘xumurasaa ta’e jedhamee akka bu’aa barbaadamuutti jallatuu taasiseera’’ jechuun qeequ.
‘‘Sidaamaan erga lubbuun namoota hedduu itti badeen booda rakkoo meeqaan dhiheenya naannoo ta’e.Amma dhalataan Sidaamaa tokko ‘naannoon koo haa diigamu’ jedhee yaada kenna jechuun kan hin fakkaanneedha. Naannoo Affaariitti haa diigamu jedhee deebii kennee jedha. Kun dhimma amanuudhaaf ulfaatudha,’’ jechuun bu’aa qorannichaarratti gaaffii kaasu Pirofesar Mararaan.
Haala odeeffannoo qorannichaa itti waliitti qabameefi dhimmoota qorannichaan walqabata irratti qaamoolee qorannicha olaantummaan hogganan irraa ibsa argachuuf irra deddebiin yaalii taasisan illeen deebii hin arganne.
Fooyya’insichi bu’uura heerichaa ni geeddaraa?
Keewwatawwan heera mootummaa itoophiyaa irratti walii higalamne keessa tokko keewwata 39. Qorannoon fooyya’insa heera mootummaa kunis keewwata kanaafi haala caasseeffamanaannoolee ilaaleera.
Qorannichi akka agrsiiseetti, namoonni naannoo Amaaraafi Affaar irraa deebii kennan irra caalaan keewwata kana (keessattuu kan mirga ofiin of bulchu hanga foxxoquutti) jedhu akka geedaramu kan barbaadan ta’u kan agrsiisee yoo ta’u, faallaa knaatiin ammo deebiiwwan naannoolee Oromiyaa fi Somaaleerraa argaman ‘‘keewwanni kun akka hin xuqamneef’’ fedhii qabu.
Dr Sisaay ‘‘Keewwata 39 muraa lakkoofsa 1 yoo ilaalame, biyya hundeessuuf salphaadhumatti haalduree tokko malee sabaafi sablamilleen foxxoquu akka danda’an, sabaafi sablamilee jedhamun qofti gahaa akka ta’e taasifamuun kan kaa’ameedha. Dhimmoota gara biraa walfakkaatan kaasuun ni danda’ama. Sababii kanatiin natti fakkaata kan wal falmisiisaa ta’eef,’’ jechuun keewwanni kun akka ka’uuf deeggaru.
Pirofesar Mararaan garuu kanaan walii hin galan.
‘‘Namoonni baayyeen keewwata kana akka mirga foxxooquu qofaatti ilaala. Garuu ammoo mirga sabootaafi federaalizimiin attamii jiraachu akka qabaatu agarsiisa.
Qabsoon Oromoo, Somaalee, Affaar fi sabaafi sablamilee kaanii waggoota 50 daangaa amma jiruuf bu’uura ta’eera. Daangaa bal’isuun biyyattii irratti ibidda qabsiisuu ta’u danda’a‘‘ jechuun cimsanii dubbatu.
Pirofesar Mararaan yoo qorannoon kun hojiirra oolfame, heerri mootummaa bu’urra irraa diigamaa jira amantaa jedhu qabu.
‘‘Dhimmoota kanarratti ummanni Itoophiyaa akka heerri mootummaa geeddaru yoo barbaade, yaada ummada ummataa gaggeessuu danda’a. Federaaliziimiin eenyuummaa irratti bu’urreeffate kann ammaas kann akkasumaan jijjiramu miti. Sababiin isaas federaalizimii diiguun biyya diiguu danda’a waan ta’efiidha.‘‘
Biyyattiin, “jalqabumarraa walqixxummaarratti hin hundoofne‘‘ ejjannoo jedhu qabu Pirofesar Mararaan. Heera mootummaa jijjiruun dura waliigalteen biyyaaleessaa dursu akka qabaatu cimsanii gorsu.
Dr Sisaay Mangiste garuu Keewwata 47 muraa lakkoofsi 2 fi keewwata 39 eeruudhaan, naannoolee baayyeen akkasumas biyyoonni akka umaman gochu danda’a jedhanii amanu.
‘‘Haala qabatamaa Itoophiyaa mma jiruun sablamilleen 76 ykn 77 mana maree federeshiniitiin beekkamtii argataniiru. Kanaafuu isaan kunneen hundi mirga naannoo hundeeffachu qabu. Kana jechuun maal jechuu akka ta’e yaaduu dandeenya,‘‘ jechuun mormu.
Heera mootummaa fooyyeessuuf filmaata maaltu jira?
Heerri mootummaa fedeeralaa Itoophiyaa, heericha fooyyeessuu ilaalchisee keewwata 105 irratti akkasi jedha.
Heera mootummaa kana keessaatti mirgoonniifi bilisummaawwan boqonnaa sadi jalatti tarreeffaman hundi, keewwanni kun akkasumas keessanni 104 fooyyeeffamu kan danda’an haala ittaanu qofaan ta’a.
Manni maree naannoo hundi fooyya’iinsa dhiyaateef yoo sagalee caalmaan raggaasisan,
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa mootummaa federaalaa fooyya’insa dhiyaateef sagalee harka lama sadaffaan yoo raggaasisee, fi
Manni Maree federeshinii yoo fooyya’insicha sagalee harka lama sadaffaan raggaasisedha.
Keewwata 39 dabalatee dhimmoonni amma yaadni fooyyeessuu irratti dhiyaate irra jiraan kan boqonnaa sadi keessatti argamaniidha.
Oggeessoonni qorannicha gaggeessan haaluma heerri mootummaa eyyamuun yoo fooyya’ee gaariidha jedhanii kaasanilleen, yoo xinnaate ammoo haala al-idlee ta’een akka fooyya’uuf dhumarratti yaada kaa’aniiru.
Dr Sisaayis yaada kanaan waliigalu.
''Keewwanni fooyyeessuu 105 irratti kaa’ame mataansaa hidhaadha. Heerri mootummaa gonkumaa akka hin fooyyeeffamne, akka hin guddanneefi akka hin geedaramne kan dhorkudhaa,‘‘ jechuun heerri mootummaa galmee lubbuu qabu waan jedhamuuf dhimmota haaraa akka hammatuuf gaafatu.
Pirofesar Mararaan gamasaanitiin, “Mootummaa isa heera mootummaarra jiru qofaan osoo hin taanee, isarra darbuun karaa al-idile heera mootummaa ta’een jijjiruu barbaadaa jira. Naannooleen amma jiran 12, Dhimmoota kanneen irratti hundumtu waliigalu qabaatu. Kanarratti heera mootummaa jijjiruuf waliigalteen waloo jiraachu qabaata kanan jedhuuf sababii kanaafiidha,‘‘ jedhu.












