Mirgi himatamuu dhabuu miseensa mana maree 'fincila kaasuun' shakkaman kaafame

Madda suuraa, TAREKEGN DEGIFE/FB
Miseensi mana maree 'miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun fincila kaasuun yakka jabaan shakkamaniiru' jedhaman mirgi himatamuu dhabuu isaanii kaafame.
Yaa’ii atattamaa Manni Maree Naannoo Giddugala Itoophiyaa ALI har’a Mudde bultii 09, 2016 marii gaggeesseeni mirga addaa qaban kan mulqe.
Obbo Taarraqany Yaala ummanni Guraagee sadarkaa naannoon akka hundaa’u irra deddeebiin gaafatuun beekamu.
Manni maree mirgi himatamuu dhabuu isaanii kan kaase ‘’yakka jabaa heeraafi sirna heera [biyyattii] fincilaan diiguuf socho’aniiru,’’ himata jedhuuni.
Akka mirgi himatamuu dhabuu isaanii ka’u kan gaafate koree dhaabbii seeraafi bulchiinsa gaarii mana marichaati.
Miseensonni mana maree naannichaa lama garuu mirgi himatamuu dhabuu isaanii ka’u isaatti mormanii yaada kennaniiru.
Kanneen keessaa tokko Obbo Antanah Tasfaayeedha.
Obbo Antanah ‘’osoo mirgi himatamuu dhabuu isaanii hin ka’iiniyyuu seeraan ala hidhamaniiru, reebamaniirus.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
‘’Koreen dhaabbii kuni kana akka hin arginetti bira darbee akkitti mirga himatamuu dhabuu isaanii kaasuuf socho’e gaaffii kan kaasu ta’u dubbanneerra,’’ jechuun BBC’tti himan.
Obbo Taarraqany waggaa darbe si’a lama to’annoo jala oolanii turan.
ALI Sadaasa 2015 ji’a tokkoof erga to’annoo seeraa jala turan booda wabii birria 100,000 qabsiisuun hiikamani.
Isa lammataa jechuunis Waxabajjii keessa guyyoota lamaaf erga turan booda hiikaman.
Obbo Taarraqany irra deddeebiin akka hidhaman kan sababa ta’emmoo yeroo naannoo duraanii, Naannoon Saba, Sablammootaafi Ummatoota Kibbaa jalatti, dhimma gaaffii naannoo ta’uu ummata Guraageeti.
Obbo Taarraqany namoota godinni Guraagee sadarkaa naannootti akka ijaaramu kanneen cimsanii gaafatan keessaati.
Manneen maree Godina Guraagee fi Naannoo Ummatoota Kibbaa duraanii isaan miseensa keessa turanitti yaada kana dhiheessaa turan.
Obbo Taaddasan filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaan Godina Guraageetti IZEMA bakka bu’uun dorgomaniiti kan mo’atan.
Yaa’ii har’aarratti ‘’walitti bu’iinsa naannawa Walqixxee tureen kanneen qooda guddaa qabu jedhamanii yaadaman dhiisuun nama tokkoorratti xiyyeeffachuun sirrii miti,’’ yaadi jedhu ka’u Obbo Antanah BBC’tti himaniiru.
Obbo Taarraqany ‘’miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun sirna heera biyyattii humnaan diiguuf socho’aniiru,’’ jedhamaniiti himataman.
Isaaniin alatti ‘’kaan kana keessatti qooda qabu jedhamanii kan yaadaman hojiin hidhuufi seeratti dhiheessuu ni taasifama,’’ jechuun mootummaan naannichaa ibsuu Obbo Antanah dubbataniiru.
Obbo Anatanah akkuma Obbo Taarraqany Godina Guraageetti IZEMA bakka bu’anii dorgomaniiti miseensa mana maree naannichaa kan ta’ani.
Naannoon Giddugala Itoophiyaa naannolee Naannoo Saba, Sablammootaafi Ummatoota Kibbaa keessaa bahuun dhihoo haaraa hundaa’an keessaa tokkodha.
ALI Waxabajjii 2015 hundaa’uu isaa kan labsate naannichi yeroo jalqabaafi mirga himatamuu dhabuu miseensa mana maree naannichaa kan kaase.












