Walqixxeetti jiraattota hiriira bahan irratti dhukaasa banameen lubbuun namootaa darbe

Madda suuraa, WELKITE FM
Naannoo Kibbaa, godina Guraagee magaalaa Walqixxeetti rakkooo dhiyeessii bishaanii ji’ootaaf mudateeen furmaatni akka isaanii kennamuuf namoota hiriira bahan irratti humnoota nageenyaan dhukaasa banameen lubbuun namootaa darbuufi miidhaan qaamaa gahuu jiraattonni BBC'tti himan.
Jiraattonni bishaan yeroo dheeraaf badee ture jennaan rakkoo isaanii ibsachuuf ALI Amajji 08/2015 gara Waajira Misooma Bishaanii magaalattii yeroo deemaa turanitti dha humnoonni nageenyaa dhukaasa kan itti banan.
Sababa kanaanis namoonni sadii lubbuun darbuu jiraattonni magaalattii BBCtti himaniiru, namoonni shan kaanis miidhaan irra gahee haala yaaddessaarra jiru jedhan.
Namni hiriira kana irratti argamaniifi maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, hiriirri nagaa qabeessa akka ture himuun sababii hin beekamneen, ''humnoota nageenyaan dhukaasni nutti banamee,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Dhukaasni maaliif akka jalqabe sababa akkas jedhee himu hin qabu,’’ namoonni baayyee jeriikaana qullaa qabatanii bishaan akka isaaniif dhiyaatu gaafachaa turan jedhan.
Yeroo dhukaasni jalqabu namni baqachuufi sababii kanaan namoonni miidhaman jiraachuu jiraattuun magaalittii BBC'tti himaniiru.
Dhukaasa kanaan warreen akkaan miidhaman gara Hospitaal Yunivarsiitii Walqixxee kan geeffaman yoo tahu, kanneen miidhaan salphaa irra gahe immoo kiliinikoota keessatti yaalamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hospitaal Walqixxeetti hakiima baqaqsanii wal-aanuu kana tahan Dr Behaayiluu Dagguu namooti lama lapheefi mataa isaaniirra rasaasaan dhahamanii reeffi isaanii hopsitaala dhufuu himan.
Akkasumas namoonni shan akkaan madaa’anii haala yaaddessaa taheen gara hospitaalichaa dhufuu, kana malees namoonni miidhaa jabaa garuu kan luubbuu isaaniif hin yaaddessineen miidhamanii hospitaala galuu Dr Bahaayiluun dubbataniiru.
Akka jiraataan biraa magaalattii jedhanitti, ''namatti dhukaafamaa ture, namoonni rasaasaan dhahaman kan argine jiru,’’ namoonni sadii akka du’an himuun, kan madaa’an meeqa akka tahan akka hin beekane dubbatan.
Tahus akka isaan jedhanitti rasaasa dhukaasuun dabalataan humnooti nageenya namoota hiriira bahan irratti, ''reebicha sukaneessaa tahe irraan gahaniiru,’’ jechuun dubbatan.
Yeroo hojii deemaa turanitti hiriira kanatti makamuu kan himan jiraataan kuni, uummati erga bishaan argatee ji’ooti darbuufi inumaayyuu waggaa tokkotti siqeera jedhan
Bishaan bitanii akka fayyadaman, jerikaanii tokkoof hanga qarshii digdamaa akka gaafataman jiraattuun magaalaa Walqixxee rakkoo kanaaf mootummaan deebii kennuufi akka hin dandeenyes komii isaanii dhiyeeffataniiru.
''Hiriira nagaa gochuuf hamma har’aa yeroo dheeraa turreerra. Ammas hiriiricha kan baane deebii karaa nagaan arganne jennee ture. Haalli kuni garuu gara rasaasaafi dhiiga dhangalaasuutti geeddarame,’’ jedhan.
Bishaan guutummaan guutuutti erga badee ji’ii baayyee darbuu kan himan jiraataan inni biraa, kana duras torbee lamatti ala tokko ykn ji’atti takkaa qofa dhufa ture, bishaanni kunis qulqulluu akka hin taaneefi rakkoonis kan hundee jabeeffate tahuu dubbatu.
Hiriira irratti gaasiin imimmaanessituu erga biifameen booda dargaggoonni naasuudhaan yeroo fiigan dhukaasni banamuu, kanaanis lubbuun namoota lamaa darbuu hubachiisaniiru.
Haala suukaneessa taheen namoonni miidhaman shan jiraachuus hiamniiru.
''Hiriirichi ajandaa adda biraa hin qabu ture,’ kan jedhan namni kuni gaaffiima rakkoon bishaanii haa furamu jedhu qofa turee jedhan.
Guraageen naannoo akka tahuuf hiriiraafi duulli hojii lagachuu kana dura irra deddeebiin kan adeemsifame tahus, kan amma tahe garuu haala kana dura ture wajjiin tasumaa wal-hin argu jedhu jiraattoonni lameen kunneen.
''Haadholiitu dhimmi bishaanii isaanii gamnaan daandiitti bahan malee, hiriirri waamame biraa hin turre,’’ jedhan.
Bulchinsa Naannoo Kibbaafi godina Guraageerraa dhimma mudate irratti ibsa aragchuuf yaaliin BBC’n taasise hin milkaa’in hafeera.
Manni maree bulchiinsa magaalaa Walqixxee yaa’ii kaleessa ALI Amajjii 07/2015 taa’een rakkoon bishaanii furamaati akka kennamuuf marii’achuu fuula miidiyaa hawaasaa irratti beeksiseera.
Bulchiinsi magaalattii rakkoo hanqina bishaanii furuuf dursa kennee hojjechaa jiraatus haala barbaadameen bu’aan hin argamnee jedheera.
Tahus filannoo jiru hunda fayyadamuun rakkoo kana salphisuuf akka hojjetu, kantiibaan magaalattii Obbo Abbabaa Asaffaan dubbachuu miidiyaa hawaasa kanarratti taa’eera.












