Waa'ee naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa hagam beekna?

Kabaja guyyaa sabaafi sbalammootaarratti

Godinaaleen Oomoo lixaa, Beenchi Shakkoo, Kafaa, Daawuroo fi Shakkaa akkasumas aanaan addaa Kontaa ALI Fulbaana 20, 2014 filannoo riifarandamii gaggeessuun, sagalee naannoo ta'uuf isaan dandeessisu kennaniiru.

Filannicha booda Boordiin Filannoo Itoophiyaa akka ibsetti, godinaaleen shanan kunneenii fi aanaan addaa Kontaa Naannoo Saboota, Sab-lammootaa fi Uummattoota Kibbaarraa ba'uun naannoo waloo addatti hundeeffachuuf sagalee isaan dandeessisu argataniiru.

Bu'uura kanaan godinaaleen shanii fi aanaan addaa kunneen naannoo 11ffaa mootummaa Federaalawaa Dimokraatawaa Rippaablika Itoophiyaa ta'uun ni hundaa'a.

Godinaalee fi aanaan addaa kun manneen maree isaanii keessatti marii gaggeessuun erga walii galanii booda naannoo waloo ijaarrachuu akka barbaadan ALI bara 2012 gaafa Fulbaana 9 Mana Maree Federeeshiniif gaaffii dhiyeessanii turan.

Gaaffiin naannoo ta'uu Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa akka fudhatamu kanneen taasisan keessaa jiruu fi jireenyi, xiinsammuu, duudhaaleen aadaa fi afaanni dubbatan walitti dhiyaachuu akkasumas haalli teessuma lafaa kan walitti isaan hidhu ta'uu isaati.

ALI bara 1983 irraa kaasee mootummaa ADWUI jalatti naannolee sagalii fi bulchiinsa magaalotaa lamatu turan, bara 2012 naannoo Sidaamaa naannoo 10ffaa ta'uun dabalame.

Akkaataa sagalee uummataa Sambata ibsameen ammoo naannoo haaraan (11ffaan) miseensa Mana maree Federeeshinii taatee hundeeffamuuf jirti.

Qabeenya uumamaa naannoo 11

Hoogganaan Waajjira Pirojektii Filannoo Riifarandamii Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Obbo Mitikkuu Badiruu, naannichi bal'ina kiilomeetira kuma 39 fi 64 qaba jedhan.

Uummanni naannoo kanaa irra jireessaan qonnaan bultoota, horsiisanii bultoonnis jiru jedhan Obbo Mitikkuun.

Naannoon haaraan kun kaabaan Naannoo Oromiyaa, lixaan Naannoo Gambeelaa, kibbaan ammoo Sudaan Kibbaatiin daangeffama.

Naannochatti iddoowwan hawwata tuuristii ta'an kanneen akka Paarkii Cabaraa Curcuraa fi paarkii biyyaalessaa Oomoo ni argamu.

Godina Daawuroo fi aanaa addaa Kontaa gidduutti kan argamuu fi gosoota bineensota bosonaa hoosiftoota ta'an 29'f da'oo kan ta'e paarkiin biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa hawwata tuurizimii ta'uun tajaajilaa jira.

Qabeenya addaa naannoo kanatti argamu inni kaan Soodduu dhagaa guddicha Mootii Halaalaa yoo ta'u innis Godina Daawuroo keessatti argama.

Soodduun dhagaa Halaalaa kiilomeetira 175 kan dheeratu ta'ee tuuristoota hedduu kan hawwatuudha.

Pirojektoota Ministirri Muummee Abiy Ahmad maqaa 'Gabataa La Hager' jedhuun karoorsan keessaa tokko kan ta'e pirojektiin Koyisaa, qaama naannoo kanaa kan ta'e aanaa addaa Kontaa keessatti argama.

Bunni addaa Caakkaa kan Kafaa keessatti argamu, bosonni eegumsa addaa qabu kan Shakkaa keessatti argamuu fi bosonni dirree godina Kafaa uwwisee argamu qabeenya uummaa naannoo haaraa kanaati.

Naannoo kanatti kan argamu Paarkii biyyaalessaa Oom7oo keessatti bineensota hoosiftoota ta'an 75 fi gosa simbirrootaa 325tu argamu.

Naannochatti albuudi dhagaa cilee fi sibiilaa baay'inaan kan argamu waan ta'eef Daawuroo fi Kontaa keessatti warshaan albuuda kunneen soneessu ijaaramaa jiraachuu himan Obbo Mitikkuu Badiruu.

Dargaggoo Kontaa

Madda suuraa, Aron Simeneh

Ibsa waa'ee suuraa, Aanaa walitti dabalamuun naannoo tahuuf gaaffii dhiyeessan keessaa tokko saboota Koontaadha

Wiixinee seera mootummaa

Naannoon kun yeroo ammaa uummata miiliyoona 3.6 qaba jedhamee tilmaamama jedhan Obbo Mitikkuun.

Naannichatti saboonni 13 kan jiraatan yoo ta'u, kutaalee biyyattii garagaraa keessaa deemanii kan achi jiraatanis hedduudha.

Heera mootummaa naannochaa wiixineessuuf ogeeyyiin seeraa, jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falmaniifi barsiisonni yuuniversitii walumaagalatti 12 ta'an waliin hojjechaa turan jedhan Obbo Mitikkuun.

Akkaataa wiixinee seeraa kanaan afaan hojii naannochaa Afaan Amaaraa yoo ta'u, qaamoleen sadarkaan jiran ammoo afaan kansaanii murteessuu danda'u.

Uummata miiliyoona 1.3 qabachuun naannocha keessaa jalqabarra kan jiru Kafaa yoo ta'u, Afaan Kafichoos bal'inaan dubbatama.

Naaannichatti baay'ina uummataan lammaffaa kan tahe godina Daawuroo yoo tahu Afaan Daawuroos fayyadama.

Beenchi Shakkootti sab-lammooti afur jiru, isaanis afaan ofii isaanii qabu.

Shakkaa keessatti immoo akkasuma sadii, lixa Oomoo keessattis sab-lammiiwwan afur jiru.

Dabalataan aanaan addaa Koontaa afaan mataasaa danda'e qaba.

Heera naannichaa irratti maqaa naannichaa taha jedhamuun kan kaa'ame ''Uummattoota Kibba-Lixa Itoophiyaa'' tahuu Obbo Mitikkuun BBCtti himaniiru.

Alaabaa naannichaa dhimma ilaallatuun immoo qabeenya uumamaa naannichaa, aadaa fi seenaa naannicha haala agarsiisuu danda'uun wiixineen yaada alaabaa qophaa'ee mariif dhiyaachuus dubbataniiru.

Heerri naannichaa gaafa hundeeffama mootummaa naannichaa ni ragga'a jedhamee akka eegamu Obbo Mitikkuun kan dubbatan yoo tahu kanas yeroo baatii tokko hin caalle keessatti raawwachuuf akka yaadan dubbatu.

Haa tahu malee bu'aa filannoon booda manni maree federeeshinii murtoo kana raggaasisuun akka irra jiraatuufi naannichatti wal-harkaa fuudhiinsi aangoo ni taasifama jedhan.

Hundeeffamni mootummaa naannichaa Onkololeessa 29,2014 A.L.I akka taasifamuuf karoorri qabamus karoora yeroo jaarmiyaalee kunneeniin kan murteeffamu tahuu ibsu.

Teessoo mootummaa naannichaa

Naannoo 11ffaa hundeessuuf dhimmoota sababa tahan keessaa tokko, Naannoo Uummattoota Kibbaa jalatti yeroo turanitti tajaajiloota adda addaa argachuuf namoonni hanga km 1,000 imaluun irra jiraata, akka Obbo Mitikkuun jedhanitti.

Kunis haqummaa misoomaa akka hanqisu ni dubbatu qondaalli kuni.

Kanarratti hundaa'uunis Naannoon Uummattoota Kibba-Lixa Itoophiyaa teessoo mootummaa akka tahaniif magaaloota tokkoo ol akka yaade Obbo Mitikkuun ni ibsu.

Dhimmi kun qorannoorra jira jedhanille Obbo Mitikkuun, mootummaan naannichaa teessoosaa magaalaa tokko ol keessa gochuun akka bulchu heera wiixinee irra akka taa'e dubbataniiru.

Bu'uuraalee misoomaa fi tajaajiloota uummataaf qaqqabsiisuuf dhimma qoratamaa jiru akka tahe himan.

''Naannoon haaraa kuni hojimaata jaarmiyaalee Itoophiyaa keessatti hin baramne hordofaa jira,'' jechuun muuxannoo kana Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Beeniin fi Ayivorii Koost irraa fudhachuu isaanis ibsu.