Itoophiyaatti naannoo 11ffaa hundeessuuf rifarandamiin gaggeeffamuuf

Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa yaa'ii guyyaa hardhaa taasiseen, godinaalee shaniifi aanaan tokko Kibba Lixaa biyyattiitti argaman, gaaffii naannoo hundeessuu dhiyeessan sagalee guutuun raggaasise.
ALI bara 2012 dabre keessatti naannoo 10ffaa tahuun naannoon Sidaamaa rifarandamii gaggeessuun, sagalee guddaan mirga naannoo tahuu argateera.
Rifarandamiin godinaaleefi aanaan kun gaafatan kan ragga'u taanaan, Itoophiyaatti lakkoofsi naannolee 10 amma jirurraa, 11tti kan ol guddatu taha.
Naannoon amma hundaa'uuf deemu kunis 'Naannoo Uummatoota Kibba Lixaa' jedhamuun yaamama jedhameera.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, godinaaleen kunniin: Oomoo Lixaa, Shakkaa, Kafaa, Daawuroofi Beenchi Shakkoo yogguu tahan, akkasumas Aanaan addaa Koontaa keessatti argama.
Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti Naannoo Saboota Sablammootaa fi Uummatoota Kibbaatti, godinaaleen 13 tahan gaaffii naannoo tahuu Mana Maree Federeeshinii Itoophiyaatti galfataniiru.
Godinaaleen shan kunneeniifi aanaan kun torbee dabre keessa walgahii manneen maree isaaniitti gaggeessaniin, naannoo hundeessuuf fedhii qaban raggaasisuun dabarsaniiru.
Manni maree Federeeshiniis walgahiisaa guyyaa Kibxataan gaaffii kana sagalee guutuun ragaasisuun, Boordiin Filannoof rifarandamii akka qopheessuu ergeera.

Madda suuraa, Aron Simeneh
Naannoo haaraa Uummatoota Kibba Lixaa jedhamu hundeessuuf rifarandamiin akka gaggeeffamu murtaa'uus, yoom akka tahu guyyaan lafa kaa'ame akka hinjirres miidiyaaleen kunniin gabaasan.
Naannoo Saba, Sabalammootaafi Uummatoota Kibbaatti sabaa fi sablammileen 50 ol ta'an keessa kan jiraatan yoo ta'u, godinaalee fi aanaa kana dabalatee kanneen gaaffii naannoo ta'uu kaasan hedduudha.

















