Bakka buutonni uummata Walaayittaa MM Abiy Ahimad waliin mari'atan

Magaalaa Walaayittaa fageenyarraa

Madda suuraa, Wolaita Zone City administration Facebook page

Gaaffii Godinni Walaayitaa naannoo ta'uudhaaf dhiyeessaniin walqabatee Ministir Mummee Dr Abiy Ahimad har'a(Dilbata) bakka bu'oota ummata Walaayittaa waliin marii waajira isaaniitti mariyatan.

MM Abiy bakka bu'oota uummataa naannichaa karaa bulchiinsa godinichaatiin walgahiidhaaf affeeruun alatti garuu mata duree maal irrratti akka mari'atame kan ibsame hinjiru.

Obbo Ashannaaffi Kabaddaa Adda Dimokiraasummaa Ummanni Walaayitaatti hoogganaa damee dargaggoo yoo ta'an, miseensoota uummataa walgahicharratti argamuuf gara Finfinneetti imalan keessatti argamu.

Obbo Ashnnaafiin akka jedhaniitti, godinni Walaayitaa gaaffii naannoo ta'u erga dhiyyeessee Muddee 10 waggaa kan guutuu yoo ta'u, isaan dura dhimmicharratti mari'achuu MM akka waaman akka shakkan himu.

Affeerraan marii kunis MM Abiyiin kan dhiyaateef Jimaata darbe yoo ta'u, kana duras MM gara godinichaa imaluun bakka bu'oota ummataafi aanga'oota godinichaa waliin dhimmicharratti mariyatan.

Tibba marii sanattis jaarsooliin biyyaa dhimmicha hordofaa turan, uummata keessaan waliin mari'adhaa jedhamusaaniifi jaarsooliinis ummaticha mariisiisuun xumuruu dubbata Obbo Ashannaafiin.

Kana malees, haalumma guyyaa gaaffiin naanno ta'u ummata Walaayittaa nu beeksiisaa jedhamaniin, ALI Mudde 10, 2011 gaaffii isaanii dhiyyeefachu himu, Obbo Ashannaaffiin.

Obbo Naggaa Angooree bakka bu'aan jaarsoolii naannichaa gama isaanitiin, naannichi komaandi poostii jala jiraachu isaa yaadachuun, osoo wareegmni lubbuu dargaaggootaa hintaanefi miidhaa hinqaqabiin mariidhaa waan ta'u qabaatu murteessuuf qophii ta'u ibsaniiru.

Namoonni affeerraa MM Abiyiin mariicharratti argamuuf gara Finfinnee imalaa jiran eenyu akka ta'an yoo tarreessaniis, abbootii amantaa, hayyoota, jaarsoolii biyyaa, bakka butoota oggansa mormitootaa, qaamoolee caasaalee dargaggoota naannichaa oggananiifi aanga'oota godinichaa kan hammate ta'u Obbo Naggaa fi Obbo Ashannaafiin BBC'tti himaniiru.

Obbo Ashannaafiin Muddee 10 guyyaa ummanni Walaayitaa itti gaaffii naannoo ta'usaa kan itti labsu ta'uu yaadachuun, ''Motummaan guyyaa rifarandamiin itti gaggeeffamu kan hinbeeksiifne yoo ta'e, ''guyyichi haala kamiinu kan irra hindarbamneedha'' jechuun haala kanaafis qophii taasisuu isaanii ibsaniiru.