Rifarandamii Sidaamaa: Sidaamaa naannoo 10ffaa Itoophiyaa haaraa

Sabni Sidaamaa filannoo rifarandamii gaggeessuun naannoo tahuuf sagale murteessu kennuun 98% oliin milkaa'aniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bu'aa sagalee rifarandamichaa kaleessa ifoomseen namootni mil 2 fi kuma 225 fi 246 Shaafetaa, mallattoo naannoo tahuu Sidaamaa deeggaru, namootni kuma 33 fi 446 ammoo mana citaa haaluma dura tureen naannoo uummattota Kibbaa jalatti bu'uu qabna jechuun sagalee kennuu ibse.
Sabni Sidaamaa naannoo tahuuf gaaffiin waggoota dheeraa lakkoofsise deebii argateera jechuun gammachuu isaanii ibsataa akka jiran namootni dubbisne BBCtti himaniiru.
Kantiibaan magaalaa Hawwasaa Obbo Xiratuu Bayyanaa guyyaa filannichaa irra anis akkuma dhalataa Sidaamaa tokkootti deemee filadheera jedhanii gaaffii uummataa deebisuu caalaa waanti nama gammachiisu hin jiru jedhan.
Guyyaa filannichaa Roobii darbes namootni kaan halkan walakkaa deemanii achi buluun kaan ammoo barii dhaquun hiriira qabachuun sagalee kennaa turan.
Filannichaaf namootni mil. sadii ol galmaa'uus himameera. Buufataalee Filannoo 1800 ol irrattis uummatni bahee sagalee isaa akka kenneera.
Boordiin Filannoo akka beeksisetti ammoo namoota galmaa'an keessaa 99% ol filannicha irratti hirmaataniiru. Kana keessaa 98% ol Shaafetaa filachuun Sidaamaan akka naannoo tahu murteessaniiru.
Sidaamaan naannoo 10ffaa tahuun kan hundooftu yoo tahu caaseffama isaafis qophiin barbaachisaa tahe dursee xumuramee akka jiruufi haaluma waliigalameen hojiitti akka galamu bulchaan godina Sidaamaa Obbo Dastaa Ledamoo BBCtti himaniiru.
Teessoo isaa magaalaa Hawwaasaa kan godhate mootummaan Naannoo Uummattota Kibbaa yeroo filannoo marsaa lamaaf achuma keessa akka turus durfamee waliigalameera.
Akka heera biyyichaa keewwata 47tti Naannoon tokko akka naannootti hundeeffamuuf yaadichi Mana mareef dhiyaatee erga fudhatama argatee rifarandamiin murtaa'eeti.
Kunis ega gaggeeffameeti uummatni Sidaamaa gara filannichaatti kan gale. Kantiibaan magaalaa Hawwaasaa Obbo Dastaa sabaa fi sablammootni duraan godinicha keessa jiraachaa turanis haaluma kanaan duraan nagaan jireenya isaanii gaggeeffatu jedhanii Sidaamaan saba kaan irraa citti jechuu miti jedhan.
Kun gaaffii ofiin of bulchuuti malee hojiileen misoomaas tahe nageenyaa haluuma duraaniin gaggeeffama jedhan.
Kantiibaan Magaalaa Hawwaasaas magaalittii ka guddisuu fi keessa jiraatu saba Sidaamaa qofa miti jedhanii investerootnis tahe jiraattotni magaalichaa waliin tahuun gama hundumaan waliin hojjechuu qabna jechuun guyyaa filannoon gaggeeffame bulee BBCtti dubbataniiru.
Akkuma filannichi xumurameen godina Sidaamaa bakka hedduutti akkasumas magaalaa Hawwaasaa keessatti dhalatootni Sidaamaa gammachuu isaanii ibsataa akka turan namootni BBC'n dubbise himaniiru.
Pirezidaantii UUmmattota Naannoo Kibbaa kan tahan Obbo Riftuu Yirdaw dabalatee qaamotni hedduun uummata Sidaamaaf baga gammaddan ergaa jedhu dabarsaniiru.














