Rifarandamii Sidaamaa: Abdii fi Yaaddoo

Maarta Waarisaa

"Yeroon itti ukkaamfamnee jiraannu gaha jedhamee rifarandamicha hawwiidhaan eegaa jirra. Akka ciniinsuu haadhaatti dahamuu gaheera jennee eegaa jirra," jetti jiraattuun magaala Hawaasaa Aadde Maartaa Waarisaa.

"Namni magaalattii keessa jiru dhiibbaa garaagaraa jala jira. Humnaan sagaleesaa akka kennu gochuf dhiibbaan taasifamus ni jira" kan jedhu immoo jiraataa magaala Hawaasaa maqaansaa akka hin eeramne nu gaafate dha.

Yaadawwan faallaa lamaan qabattee kan jirtu magaalli Hawaasaa fi aanaaleen godina Sidaamaa biroo rifarandamii yeroo dheeraaf eeggamaa tureef qophii xummuraniiru.

Sagaleen har'aa uummata godinichaa miiliyoona lamaa oliin kennamu godinni Sidaamaa Itoophiyaaf naannoo isa kurnaffaa ta'ee akka ijaarramu yookin immoo naannuma saba, sablammoota fi uummattoota Kibbaa keessatti akka itti fufu kan itti murtaa'udha.

Rifarandamiin har'a naannoo ta'uu fi dhiisuu godina Sidaamaa murteessuu qofa osoo hin taane kan dandeettiin raawwachiisummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa itti madaalamu akka ta'es himama.

"Muuxxannoon Sidaamaa lammiilee Itoophiyaa biroof aadaan dimokiraasii dagaagaa jiraachuusaa kan agarsiisudha.

Mootummaan amma jirus isaan duriirra dimokiraatawaa ta'uusaa agarsiisa" jedhu yunivarsiitii Hawaasaatti hoggannaan mummee barnootaa Seeraa Flaataa Gigisoo.

Madaa Bule fi Sodaa…

Gaaffiin naannnoo ta'uu uummata Sidaamaa waggoota lakkoofsise hanga yeroo dhiyootti qabsoo fi diddaan kan guuttame ture.

Uummatni Sidaamaas ajjeechaa Looqqee dabalatee miidhamawwan gaafi naannoo ta'un walqabatanii gahan heddu keessummeessera.

"Qabsoodhaan as geenye. Osoon ani hin dhalatin dura eegalee abbootin keenya naannoo kanaaf aarsaa ta'aa turaniiru. Daandii Looqqeerratti namootni baala harkatti qabatanii bahan ajjeefamaniiru.

Gaddi isaanii hanga ammaatti nu keessaa hin bane. Kun hundi naannoo ta'uuf of bulchuuf qofa" jechuun nutti himan aadde Maartaa Waarisaa.

Jiraattotni magaala Hawaasaa biroon BBC'n haasofsiises guyyaa rifarandamiif gahuu isaaniitin gammachuu itti dhagahame dubbatu.

Daandiiwwan magaalatti, hoteellonni, dhaabbileen daldalaa, konkolaataawwan fi doqdoqqeewwan suuraa fakkii Shaafeetaa (nyaata aadaa uummata Sidaamaa) qabu maxxansan heddu.

Gama biraatin jiraattotni magaala Hawaasaa adeemsa rifarandamii komatan fi fulduree rifarandamichaarraa sodaa qabanis ni jiru.

"Maqumatu rifarandamiidha malee wantootni namni mirgasaa fayyadamee akka filatu taasisan baay'ee muraasa" jedha jiraataan magaalichaa BBCf yaadasaa kenne.

Jiraataan kun duulli kakkaasii rifarandamii qabeenya mootummaan garee Sidaamaan naannoo yaa ta'u jedhu qofaan adeemsifamaa akka ture gareen Sidaamaan haaluma amma jirun naannoo Kibbaa keessa yaa turu jedhu carraa kana akka hin arganne hima.

Kana malees suuraa mana citaa agarsiisun ulfaataa ta'uusaa fi afaanin sodaachifamuf akka nama saaxilaa ture dubbata.

"Dhiibbaawwan gaafi ofin of bulchuu sababeefachuun taasifaman wabii jiraachuu keenya nu dhabsiisaniiru" jechuunis sodaa qabu hima.

Haa ta'u malee Yunivarsiitii Hawaasaatti hoggannaan mummee barnootaa Seeraa Flaataa Gigisoo yaada kanaan walii hin galan.

"Gareen lachuu kan naannoo ta'uu Sidaamaa deeggaru fi kan mormu (Naannoo Kibbaa) carraa guutuu argataniiru.

Carraa kana fayyadamuun duula kakkaasii adeemsisuun gahee isaaniti. Godinni Sidaamaa carrichatti haalaan fayyadameera. Naannoon Kibbaa garuu carraa kennamef hin fayyadamne" jedhu.

Rakkoo garee naannoo ta'uu Sidaamaa mormu irra gahe tokkollee akka hin agarres himu barsiisaan kun.

Rifarandamii Booda…

Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Burtukaan Miidhagsaa bu'aa rifarandamichaa guyyaa Kamisaa akka beeksisan himaniiru.

Akka tasaa yoo Kamisa hin milkoofnelle guyyaa lama caalaa akka hin turre dubbataniiru.

Kanaafis dhimmi naannoo ta'uu fi dhiisuu godina Sidaamaa guyyoota sadeen itti aananitti kan beekkamu ta'a jechuudha.

Heerri Itoophiyaa keewwatni 47 naannoon murtee uummataa/rifarandamiin uummamu gaaffii dhiyeessuun osoo isa hin barbaachisin kallattiin miseensa federeshinichaa ta'uu akka danda'u hima.

Kanaafis yoo irra jireessi uummataa naannoo ta'uu Sidaamaa filate manni maree naannichaa bu'aa rifarandamichaa boordii filannoorraa erga argatee booda naannoo haaraa hundaa'uf aango akka dabarsuu fi naannoon Sidaamaa akka hundaa'u barsiisaa Filaataa Gigisoo dubbatu.

Gama biraatin immoo yoo gareen Sidaamaan naannoo Saba, Sablammoota fi Uummattoota Kibbaa keessa yaa turu jedhu mo'ate qophiin godinni Sidaamaas ta'e naannoon Kibbaa taasisan akka hin jirre fi haaluma kana dura tureen kan itti fufan ta'uu barsiisaan seeraa kun himu.

Qophii rifarandamiif taasisaa turan irratti ibsa kan laatan bulchaan godina Sidaamaa Obbo Dastaa Ledaamo bu'aan rifarandamichaa kan fedhe yoo ta'e jiruuf jireenyi uummattootaa nagahaan akka itti fufu dubbatan.

Sidaamaan naannoo yoo ta'es uummatni biraan godinicha keessa jiru nagahaan akka jiraatu gochuun dirqama ta'uus himaniiru.