Rifarandamiin Sidaamaa torbee tokkoon achi siiqe

Birtukaan Miidhaksaa

Rifardamii Ummata Sidaamaa gaggeesuuf hojiileen hedduun raawwatamaa kan jiran ta'us, hojiileen hin xumuramiin hafan waan jiraniif guyyaa filannoo itti gaggeefamu Sadaasa 3 irraa 10'tti achi siquu Boordiin Filanno beeksissera.

Gandoota filannoon itti gaggeefamu mootummaan naannichaa adda baasee waan boordii filannoof hin ergineef, hanqina raawwachiiftota filannoofi dhimmoota kaannii yeroo qabame keesatti Riifarandamii kana gaggeessuun rakkisaa ta'uu isaa Boordichi akka sababaatti eereera.

Guyyaan filannoon itti gaggeefamu isa kan dura murtaa'e Sadaasa 3 irraa torban tokko dabaluun ALI Sadaasa 10 akka gaggeefamus murtaa'eera.

Raawwachiiftotni rifarandamii Sidaamaa Finfinnee fi naannoo isheerraa akka filataman ta'ee hojjetamaa jiraatus, lakkoofsi raawwachiiftotaa hojii kanaaf galmaahanii haga barbaadamuun gad waan ta'eef, Boordiin Filannoo foyya'iinsa tokko tokko taasisuu beeksiseera.

Buufata tokkorratti lakkoofsa raawwachiiftotaa argamu qaban gara sadiitti gadi siqsiisuun, walumaagalatti lakkoofsi raawwachiiftota filannoo kanaa 5,500 ta'eera.

Hojiilee hin xumuramiin kanaan alatti Mootummaan Naannoo Uummatoota Kibbaa baasii filannoo kanaaf barbachisu lakkoofsa baankii Boordichaatiif galii gochuunis ibsameera.

Guyyoota hafan keessattis qophiin filannoo gaggeessuuf dandeessisu akka xumuramu abdii qabu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibseera.