Alaabaafi Irreecha: 'Alaabaan paartii siyaasaa kamuu Irreecha akka seenu hin barbaannu'

Hirmaattota Irreechaa alaabaa abbaa gadaa waliin

Madda suuraa, Getty Images

Ayyaanota Irreecha Hora Finfinnees ta'ee, kan Bishooftuu irratti alaabaa abbaa Gadaatiin alatti alaabaan partii siyaasaa kamuu akka qabatamee dhufamu hin barbaannu, jedhan abbaan Gadaa Tuulamaa.

Irreechi uumaa waaqaatiin kan walqbatu waan ta'eef, alaabaan paaartii siyaasaa kamuu Irreecha akka seenu hin barbaannu, jedhu abbaan Gadaa kun.

Waa'ee alaabaa paartii siyaasaa qabatanii Irreecha irratti argamuu ilaalchise BBC Afaan Orommo kan dubbise Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Irreechi siyaasa osoo hintaane uumaa waaqayyootiin walqabata jedhaniiru.

"Irressi galata, birraan yeroo bari'uttii ifatti bahuudhaaf, kan facaafannee nuuf daraaree rakkoo gannaa keessaa waan baaneef galata waaqaa galchuu deemna. Hiikaan Irreessaas kanuma" jedhan.

Durii kaasee yeroo Irreechaaf bahamuttis margaa fi abaabootu qabatamee deemama. Kana birattimmoo alaabaa abbaa Gadaa qabanna jedhaniiru.

Hirmaattoota Irreechaa

Madda suuraa, Getty Images

"Alaabaa Abbaa Gadaa kan qabannus jalqaba hiika halluuwwan isaa beekuu qabna. Alaabaa kana kan qabannuufis Oromoonni hedduun osoo alaabaa kanaafi sirna Gadaa kana yaadu lubbuun darbeera. Har'ammoo carraa arganne kanaan alaabaa keenya mirmirsinee mul'ifana."

Kanaafuun sirna kabaja Irreechaa kan Hora Finfinneefi, kan Bishooftuu irratti alaabaa abbaa Gadaatiin alatti alaabaan partii siyaasaa kamuu akka qabatamee dhufamu hin barbaannus, jedhan abbaan Gadaa Tuulamaa.

"Alaabaa ODP ta'e kan ABO, kan federaalaas haa ta'u, alaabaa abbaa Gadaatiin ala kan paartii kamiituu akka seenu hin barbaannu" jedhan.

Sababni alaabaan paartilee siyaasaa akka hin qabatamne itti dhorkamees, maqaa Gaarii sirna Gadaa UNESCO'tti galmaa'ee nu jalaa waan gadi buusufiidha jedhu.

"Gaafa Sirni Gadaa UNESCO'tti galmaa'e Irreechis sirnoota xixiqqaa ta'ee jalatti galmaa'ee jira. Har'a yoo nu'i alaabaa paartilee siyaasaatiin masakne, hambaa addunyaa ta'ee kan galmaa'e kana gadi nujalaa buusa. Ittis gaafatamna. Sadarkaa haqamuuttiyyuu geessisuu danda'a"jedhan.

Aadaan hambaa addunyaa ta'ee galmaa'e kun har'a keenya qofa miti kan addunyaa guutuu ta'ee jira, kanaafuu siyaasni itti makuu akka hin qabne dhaamaniiru.

Oromoonni guyyaa Irreechaa kana alaabaa Abbaa Gadaa qofa qabachuun guyyaa biraa garuu 'alaabaa paartii tumsuu barbaadnuuf yoo barbaadne uffannees, ykns qabannees deemuun mirga keenya' jedhan.

Irreecha Hora Finfinnees ta'ee kan Bishooftuu irratti Oromoonni hundinuu, ormas ilaallee irraa barannee waan keenya bareechinee qabachuu qabna jedhu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

"Masqala irratti alaabaan akkamii akka ture argineerra. Dhihoo kana ayyaana warra walaayittaa irrattis argameen ture. Jarri waan bara jijjiirraa isaanii ibsuun alatti alaabaa biraa sagantaa sanarratti hin mul'isne. Kanaafuu qeerroofi qarreenis waan kana qalbiin ilaaluu haaluma kaayyoo ayyaana Irreechaa waliin adeemuun kabajachu qabna" jechuun dhaamaniiru.

Irreechi bakka Oromummaan itti calaqqisu malee kan paartiin siyaasaa deeggarru itti mul'isnu waan hin taaneef, irreecha wagga 150 booda arganne kana alaabaa Abbaa Gadaa qofaan bereechinee haa kabajannu jechuun Oromootaaf dhaamaniiru, abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa.