Dargaggoota Eritiraafi hawwii isaanii

Akkuma miilli keessan Asmaraa ejjeteen waan hubattan tokko magaalattiin manguddoota baayyee kan qabduufi dargaggooti hedduminaan kan keessatti hin mul'anne tahuu dha.
Torban muraasa dura gaazexeessitoonni BBC wal-dorgommii kubbaa miilaa CECAFA'n dargaggoota umrii 15 gadii Eeritraan keessummeessite gabaasuuf wayita garas imalanitti waan taajjaban, kutaa sadiin qindeessaniiru. Guyyoota lamaan darban kutaan lameen isin bira gahaniiru. Kutaan sadeessoo kunooti.

Gabaasni Mootummoota Gamtoomanii, uummata Sahaaraan gaditti jiraatan keessaa dargaggooti umuriin isaaniin 35 tahan harka 65 tahu jedha.
Kuni garuu Ertiraaf waan hojjetu hin fakkaatu. Bitaafi mirga ilaaltanii namoota umuriin raagan qofa yoo argitan, ''dargaggeessi eessa dhaqee isin jechisiisa''
Akka gabaasni bara 2016tti bahe agarsiisutti lammiilee Afrikaa biyya isaanii gadhiisanii deeman keessaa baayyeen lammilee Ertiraati.
Jireenya fooyya'aa barbaacha dargaggoonni Gaanfa Afrikaa biyya dhiisanii godaanuun dhugaa jiru.
Erga Itoophiyaafi Ertiraan araara buusaniin booda lakkoofsi dargaggoota daangaa qaxxaamuranii deeman dabaluun jiraattonni ni dubbatu.
Haa tahu malee magaalattiin hanga kana daragaggoota dhabuunshii nama dinqa.

Kanaafi sababooti biroo walitti dabaalamanii magaalattii wwan 'lagannaa'' irra jirtu fakkeessera. Magaalli tokko lagannaa irra yoo taatu dhaaboti tajaajila daldalaafi hawaasummaa kennan ni cufamu, karaa irrattis konkolaataa lakkoofsa xiqqoo qabantu mula'ata. Waan Asmaraatti argines kanuma.
Paasportiin hin jiru
Lammiin Ertiraa tokko paasportii kan argachuu danda'u tajaajila biyyalessaa xumuruun qaama mootummaarraa hayyamni yoo kennameef qofa.
Sababii kanaan dargaggoonni paaspoortii argachuuf carraa xiqqoo qabu.
''Paasportii argachuun waan hin yaadamne'' jedha darggaoon halkan tokko nu waliin irbaata nyaate.
''Tajaajila biyyaalessaa xumurtee paasportii yoo argattu umuriin kee 40 ykn 45 ta'aa yeroos ijoollee lama horatta.
Maddeen qabatamoo garaagaraa akka jedhanitti dargaggoonni baayyee daangaa qaxxaamuranii Itoophiyaa erga galaniin booda lammii Itoophiyaati jechuun paasportii biyyatti baafatu.
]Afaan
Tigiriffaafi afaan Arabaa afaan hojii biyyattiiti. Asmaraatti afaan Ingiliizii bal'inaan dubbatama. Namoota umuriidhaan raagan yoo tahe malee dargaggoonni afaan Amaaraa dubbachuun isaan rakkisa. Asmaraa keessa manneen barnootaa afaan Ingiliiziin barsiisan baayyeetu jiru. Dargaggoonni magaalattis afaanicha bareechanii dubbatu.
Akka biyya kolonii Xaaliyaanii jalatti bulaa turtetti garuu afaan Xaaliyaanii badaa hin haasa'amu.
Warri Eritiraa aadaa isaanii ni jaalatu. Sabboontota dha. Tiishartii 'Proud Eritrean' barreefama jedhu qabu dargaggoota uffatan iddoo sirbaafi feestivaala garaagaraatti ni mul'atu.
Mimmiidhagduu ijoollee Asmaraa
Shamarreen Asmaraa uffataa kophee isaanii waliin simsiisanii keewwatu. Buutikiin wayyaan itti gurguramu magaala keessa badaa hin mul'atu. Buutikiin magaalattii keessa jiran kan harkaan lakkaa'amanii dhumani dha.
Dargaggoonni kunneen uffannaa miidhagan kana eessaa fidani ree jechuun konkolaachisaa taaksii gaafanne, ''namni fira alaa hin qabne hin jiru, wayyaan ni ergama'' nuun jedhe.
Manneen sirbaa halkaniifi dhugaatii Wiixataa hanga Kamisaa halkan sa'atii 6 qofatti hojjetu. Gaafa Jimaataa hanga Dilbataa daangaa hin qabu. Daldallii saal-quunnamtii dhorkaa dha. Hanga ji'a jahatti nama adabsiisa.

Ispoortii
Bishkiliitii kaachisuun kan beekaman lammiileen Eritiraa kubbaadhaafis jaalala guddaa qabu. Kubbaan miilaa magaalattii keessa jaalalaan daawwatama.
Piriimerliigiin Ingiliiz immoo hundarraa jaalatama.
Dur fiilmii fi tiyaatiratu manneen siinimaa keessatti daawwatama ture. Amma deeggartotaafi jaalattoota kubbaatu keessatti tapha ilaala.
Deeggartoonni Maanchistariifi Arsenaal baay'inaan jiru, Asmaraa keessa.
Deeggaraan Arsenaal tokko ''warri Cheelsii deeggaran gammoojjiirraa warra dhufanii dha,'' ''pireezidantichiyyuu deeggaraa Arsenaalii dha'' jedha.
Tajaajila biyyaalessaa
Tajaajilli biyyaalessaa loltummaa bara 1994tti eegale, mootummaan Eritiraa ''biyyatttiin yaaddoo weeraramuu qabdi'' sababii jedhuun waggaa waggaan dargaggoota gara dhaabbata leenjii loltummaa Saawwaa jedhamuu geessa.
''Dargaggoonni gabrummaa dhuma hin qabneef saaxilamaa jiraatu.'' himannaan jedhu irra deddeebiin irratti haa dhiyaatuyyuu malee, Itoophiyaa waliin araarri erga bu'ee boodallee tajaajilli biyyaalessaa kuni hin dhaabannee.
Dargaggoon ganna 25 dhaabbata leenjii loltummaa biyyaalessaa dhiisee bahe tokko, ''Fiiziksii barsiisuuf yoo ramadamte umurii kee guutuu isuma barsiisaa hafta'' jechuun Human Rigths Watch itti himeera.












