Abbaan Malkaa Hora Finfinnee filataman

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa

Guddisaa Hoorsaa Fayyisaa Abbaa Malkaa Hora Finfinnee ta'uun filataman.

Abbaa Gadaa Tuulamaafi walitti qabaan koree Irreecha Hora Finfinnee fi Bishooftuu Goobana Hoolaa, qophii Ireecha Hora Finfinnee irratti turtii BBC waliin taasisaniin, irreecha Hora Finfinnee wareegama ilmaan Oromootiin jaarraa tokkoofii walakkaa booda milkaa'inaan ayyaanefachuf Qophii xumurreerra jedhan.

Horri ja'anuu kan Galaan keessaa Horri Finfinnee tokko ta'uu kan eeran abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, qophii xumuramaa jiru agarsiisuuf jecha Hora Finfinneetiifis abbaan malkaa adda baafamuu himu.

"Abbaan Malkaa Hora Finfinnee Galaan ta'uun beekamaadha. Galaan keessaammoo Jidda, Jidda keessaammoo Kura ta'uun beekamee abbaan malkaa adda baafameera.

''Kanafis Kura keessaa Guddisaa Hoorsaa Fayyisaa Abbaa Malkaa Hora Finfinnee ta'uun adda baafamniiru," jedhan.

Hirmaattota marii filannoo Abbaa Malkaa Hora Finfinnee

Malkaan Finfinnee irreechi waggaa dheeraaf irraa ddaan cite waan tureef xurooftee waan jirtuuf falamuu, qulqulleefamuu qabdis jedhan.

"Har'a eega abbaan malkaa addaan baafamee, malkaan kuni gaafa Guyyaa 22 bara 2012 ni axaarama. Dullachaan axaarama, jaartii cifiree, jaarsa cifiree, hayyuutu bahee axaara. Kanaafis haalli hunduu mijaa'ee jira" jedhan.

Irreechi Finfinnee kuni dur malkaa mataasshii qabaachuu fi har'a bakkeewwan sunneen waan fudhatamaniif iddoo bishaan yaa'uttis bishaan qulqulluun waan hin jirreef bakki irreefannaa namtolchee iddoo lamatti qophaa'uus eeran.

Irreecha Hora Finfinnee kanarrattis abbaan malkaa Guddisaa Hoorsaa Fayyisaa argamanii, Korma lubni qalee, dullachammoo abbaan malkaa qalee axaarameen booda irreefatama jedhan.