Irreecha 2012: Duudhaa Irreechaa jiruu fi jireenya Oromoo keessatti

Madda suuraa, Anadolu Agency
Irreessi/irreechi duudhaa dhugeeffannaa Oromoo kan sirna gadaa waliin walqabatee waggoota 3000 oliif uummanni Oromoo ayyaaneffachaa tureedha. Dhugeeffannaa Oromoo ganamaa kan uumamaan uumaa itti galateeffataniidha jedhu hayyoonni Oromoo.
Uummanni Oromoo aadaa fi duudhaa isaatiin addunyaa kana abboommatee bulaa ture kan jedhan hayyuun Antirooppooloojii Dr. Gammachuu Magarsaa Ruudaa hawaasni kun durumarraa kaasee akkaataa ittiin addunyaa kanaa fi hawaa qorachuun ittiin bulu 'Cosmology' mataasaa qaba jedhan.
Jiruu fi jireenya oromoo keessatti bishaan bakka guddaa qaba kan jedhan Dr. Gammachuun Oromoo durumaan uumeen walaabuu baate jedhee dhugeeffata, Walaabu bishaan ganamaati jedhan.
Hawaasni aadaa mataasaa qabu kosmooloojii qaba, hawaasi kosmooloojii qabummoo akkaataa ittiin uumaa fi uumama dhugeeffatu kan mataasaa qaba jedhu Dr. Gammachuun.
Duudhaa fi falaasama irreechaa
Yaadrimeen irreessaas kosmoolojii oromoo waliin akka walqabatu eeran Dr. Gammachuun.
''Akka dhugeeffannaa oromootti uumama dhala namaaf bu'uura kan ta'e bishaan Walaabuuti. Walaabu bakka amma Baalee keessatti argamu sana miti. Kallattiidhaan burqaa walaabuu sana miti.
Garuu walaabu bishaan ganamaati. Lafa bishaan jiru ammoo jireenyatu jira. Jireenyumti dhala namaayyuu bishaan malee hin ta'u. Dhimmi kunimmoo Oromoo biratti amanti waliin wal qabata. Malkaanimmoo iddoo ayyaantuu, iddoo jiidhaa, iddoo raajii waaqaati jedhee dhugeeffata Oromoon.''
Namni waa'ee bishaanii hin beekne waa'ee irreechaa beekuuyyuu hin danda'u jedhu Dr Gammachuun.
Irreechi kaalandarii ykn lakkoofsa baraa wajjinis walitti hidhata kan jedhan Dr Gammachuun ayyaanni ji'a Fulbaanaa kun kaalandarii Oromoo keessatti iddoo guddaadha qaba.
''Akka Oromoon dhugeeffatutti ganni halkani, halkannimmoo dukkana. Halkan yeroo namaa osoo hin taane yeroo bineensaati. Yoggaa bari'ummoo ifadha, wayita ifaa yaaddoon hin jiru, gammachuu malee. Kanaafuu birraan barie jechuunis akkasuma. Oromoon arfaasaa fi birraa akkuma irreeffatu halkanii fi guyyaas inuma irreeffata.''
''Ganna guutuu roobaa ba'ee birraan ga'ee yoo bari'e, Oromoon galata galcha. Uumamaan uumaa leellisa. Yaadrimeen irreeffannaa isa kana,'' jedhan.
Hayyuun Seenaa Oromoo Obbo Dirribii Damisee gamasaaniitiin Irreecha jechuun waanuma waaqi uumeen waaqa galateeffachuu jechuudha.
Yeroo baay'ee waan uumamaan biqile, waan jiidhaa, akkasumas waan gogaas ta'ee kan waaqni uumeen, biyyoos ta'uu danda'a kan ittiin irreeffatan jedhan.
Garuu utuu waan jiidhaa fi ilillii yookiin daraaraa qabuun ta'eetu irra filatama.
''Waaqa nu uumetti amanna. Kan uumama uumetti amanna. Uumamaan uumaa yookiin waaqa kadhanna kan jennuufis kanaaf,'' jedhan.
''Yaa waaq kan ati biqilchitetu nuuf daraare, daraaree firii godhate, kanaaf si galateeffanna jedhanii waan daraaraa qabuun waan qabatamaa waaqni dhala namaaf arjoome galateeffachuudha irreechi''
Oromoon yoom irreeffata?

Irreechi waan waggaa eegee yeroo lama yookiin sadi irreeffatamu qofa miti jedhu Obbo Dirribiin.
Adda addummaansaa inni waggaatti yeroo lama irreeffatamu sirni guddaan qophaa'ee kan Oromoon iddoo mara irraa walitti dhufuudha malee Oromoon waan raawwachuuf jedhu hundarratti waaqa ni kadhata, ni galateeffatas, ni irreeffata jechuudha.
''Fakkeenyaaf namni yeroo qonnaaf lafa haaraa baafatu achitti dhibaafatee irreeffata. Kun Jaarrii jedhamee beekama. Yaa waaqayyo dachee qonnaa kana naaf milkeessi jedhee kadhata. Yeroo sanyii baasu, yeroo fuudhaa fi heerumaa, yeroo karaa deemus ni irreeffata, milkii kadhata.
Dubartiin yeroo ateetee borootti ni irreeffatti. Osoo karaa deemtuu akka carraa malkaa yookiin tulluutti wayita baatus irreeffattee dabarta. Kanaafuu irreessi jiruu fi jireenya Oromoo keessatti guyyuu kan raawwatamuudha.
Inni arfaasaa tulluutti, birraammoo malkaatti ba'anii irreeffatan wayita waqtiin geeddaramu kan Oromoon gamtaadhaan walga'ee irreeffatuudha.''
''Oromoon jiruu fi jireenyasaa keessatti waaqasaa inuma galateeffata, guyyuu inuma irreeffata, ganama wayita ka'u yaa waaq nagaan nu oolchi jedha. Halkan ammoo nagaan nu bulchi jedhee rafa. Inni kan waggaa kun garuu bakka hedduurraa Oromoon walitti dhufee bakka itti walarguudha.'' jedhan Dr. Gammachuun.
Lafti ifee galaanni hir'atee firri gamaa gamanaa bakka itti walarguudha malee Oromoon durirraa kaasee malkaawwan fi tulluuwwan naannoo isaa jirutti irreeffata jedhan.
''Balbalaan, ollaadhaan, gosaan, odaadhaan, irreeffataa ture. Ammas ni irreefffata. Garuu akka walii galaattimmoo waggaatti altokko bishooftuutti irreeffata.''

Irreeffannaa jechuun Waan waaqni godhe hundaaf galata galchuudha kan jedhan Dr. Gammachuun waaqaaf galata galchuun ammoo waggaa eegee kan dhufu qofa osoo hin taane jiruu fi jireenya uummata Oromoo keessa jira jedhan.
''Yeroo baayyee Oromoon margaa fi biyyoodhaan irreeffata. Waaqaaf qabeenyi kennitu hin jiru, nutiyyuu kansaati. Kanaafuu kanuma inni nuuf arjoomerraa galata galchina. Raajiidhuma inni uume, Malkaa fi tulluutti bahuudhaan isumaaf galata galchuu yookiin kadhachuu jechuudha,''
Irreechi gabaabumatti amantii Oromooti kan jedhan Dr. Gammachuu Magarsaa jiruu fi jireenya Oromoo waliin walitti hidhata jedhan.
''Hawaasni Oromoo aadaa mataasaa qaba. Amantiinsaas aadaa isaa keessa jira. keessattuu uummanni Oromoo aadaasaa seera uumamaatiin waan walqabsiisuuf irreechi dhugeeffannaa isaati'' jedhan.
''Bishaanirraa lubbuu argatu. Yoo dhugan fayyummaatu argama. yoo dhiqatanimmoo ni qulqullaa'u. Malkaarraa hafuura fayyummaa, hafuura nageenyaatu argama. Tulluun ammoo lafaa oli. Waaqni raajii akkanaa uume galatoomi jedha oromoon.''
Irreecha, araara, qulqullaa'uu...
Dur Oromoon wayita irreechi ga'u torban tokko ykn guyyaa Segal dursee sirnoota raawatu qaba ture jedhan Dr Gammachuun.
''Torban guutuu soomee waaqaaf galata galcha. Kan wal dhabe araaramee, waliif dhiisee garaa qulqulluudhaan gara bakka waaqni qulqulleesee Malkaa deema. Irreechi iddoo qaamaa qalbiin itti qulqullaa'aniidha waan ta'eef.''

''Duraan Oromoon Gosaan akkuma naannoo naannoosaatti irreeffataa ture. Yeroo sana kan wal lolee ture dursee walitti araarama, waliif dhiisa.
Osoo irreessi hin ga'in dursee namuu dhibdee giduusaa jiru furee, dhiifama waliif godhee malkaa qulqulluutti ba'a.
Namoonni mufannaa walirraa qaban hamma walitti araaramanitti iddoo tokkoti hin irreeffatan. Abbaan Gadaa bakka irreessaatti namoonni mufannaa walirraa qabdan har'uma waliif dhiisaa jedhee kan gaafatuuf kanaaf.
Haaloo garaa kaawwatanii waaqa qulqulluu kadhachuun waan hin danda'amneef yookaan waliif dhiisaa yookaan ammoo keessaa nuuf ba'aa waaqa nutti hin hammeessinaatii jedhu Abbootiin Gadaa Oromoo.'' jedhan Obbo Dirribiin.
Kanaafuu bu'aan guddaan irreechi akka hawaasummaatti qabu yoo xiqqaate Oromoon waggaatti yeroo lama waliif araarama jechuudha.
Yoo namni walitti araarame waaqnis namaaf araarama jedhee waan dhugeeffatuuf dirqama araara buusa Oromoon.
''Amma sanatu dhabame. Oromoon baay'inaan bakka tokkotti waan walitti ba'uuf eenyu eenyurraa mufii akka qabu baruun baay'ee rakkisaadha. Garuu nama walga'ee irreeffatuu dabaluun ammo milkaa'ina guddaadha.'' jedhan Obbo Dirribiin.
Dur ayyaantonni Oromoo urjii ilaaluudhaan guyyaa irreessaa murteessu.
Amma garuu namni akkuma isaaf mijatutti ayyaana masqalaa baasee Dilbata itti aanu irreeffata. Ayyaantuun ilaalee guyyaa irreessaa murteessuu dhabuunis duudhaa hir'ate keessaati.
Malkaa fi Tulluu
Gosoonni irreechaa Oromoon waggaatti walargee gamtaadhaan irreeffatu lama yoo ta'an isaanis Irreessa Malkaa fi Irreesa Tulluu jedhamu.
Irreessi Tulluu waqtii arfaasaan fuula as deebifatu kan irreeffatamu ta'ee qabiyyeensaa waaqa kadhachuudha.
''Bona guutuu sa'aa namni waaqaa lafti aduudhaan gubachaa ba'ee waqtiin arfaasaa wayita as deebi'u roobni nagaan yeroodhaan akka roobuuf Oromoon Tulluutti ba'ee waaqasaa kadhata. Tulluun uuma raajii of keessaa qabuudha.
Waaqni tulluu kana lafaa ol godhee uume rooba akka isaaf kennuuf kadhata Oromoon. Tulluutti yoo olba'an waaqatti waan dhiyaataniif waaqni dafee nama dhagaha jedhee dhugeeffata Oromoon. '' jechuun maalummaa Irreessa Tulluu ibsu Obbo Dirribiin.
''Waaqni tulluu kana uumte ganna kana kan nagayaa nuuf godhi, rooba nagayaa nuuf roobi, balaa lolaa nurraa qabi, kan biqile daraaree firii akka godhatu si kadhanna jechuun irreeffatu''
''Tulluun karaa dhufaatii roobaati. Bokkaan tulluurraan duumessaa'ee dhufa. Kanaaf Oromoon Tulluutti ba'ee yaa waaq lafti babbaqaxee, dheebottee si eegaa jirti, allaattiin oloo keessaa, qurxummiin bishaan keessaallee afaan bantee si eegaa jirtii rooba nagaa nuuf roobi jedhanii kadhatu, ni irreeffatu.''
Uummanni Oromoo haala kanaan arfaasaa rooba kadhatee ganna keessa darbee wayita birraatti ce'u ammas ni irreeffata.
Inni kunimmoo irreecha Malkaa kan jedhamu yoo ta'u sirna galateeffannaati.
''Yaa waaqayyoo rooba nagayaa nuuf roobdee, oomisha gaarii nuuf laatte, lafti nuuf margee, kan faca'e biqilee margee daraaree firii gdhateera. Waatiin, daa'imni burraaqxee kana hundaaf galata jedhu.
Ganni dukkanni darbeera, lolaa booruun darbee malkaan qulqullaa'eera, galaanni hir'atee maatiin walitti deemuu jalqabeera, samiin qulqullaa'ee daraaraan urgaa'eera kana hundaaf si galateeffanna jedhanii malkaatti ba'anii irreeffatu.'' jedhan Obbo Dirribiin.
Kanaan dura uummanni Oromoo utuu irreecha tokkummaadhaan magaalaa Bishooftuutti irreeffachuu hin eegalin naannoo jirutti akkaataa Odaa isaatiin irreeffataa ture kan jedhan Obbo Dirribiin bakkeewwan wayyuu ta'an kunneen ammas kunuunfamanii irreessi iddoo sanattis cimuu qaba jedhan.
Inni akka biyyaatti magaalaa bishooftuutti irreeffatamus daranuu jabeeffamuu akka qabu dhaaman.
Keessaahuu kan amma magaalaa Finfinneetti eegalame waan salphaa miti waan ta'eef irratti xiyyeeffatamuuqabas jedhan.















