Irreecha: Badhaasni Nagaa Irreechaa jalqabaa kennamuufi

Sagantaan Badhaasa Nagaa Irreechaa yeroo jalqabaatiif kennamaafu.
Badhaasa kanas kan qopheessan Giddu-gala Aadaa Biyyaaleessaa, Ministeera Aadaaf Tuurizimiifi Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatu walin qopheesse.
Irreecha Oromoof waa hunda. Mallattoo nagaadha, ka'umsa qaroomina ganamaati, kuusaa aadaafi falaasamaati.

Sagantaan Badhaasa Nagaa Irreechaa kana irrattis bakka bu'oonni jaarsolii Gaamoo irratti hirmaataa jiru jedhameera.
Jaarsoliin Gaamoo tibba darbe rakkoo nageenyaa Aarbaamincitti uumameen akka aadaa saba sanaatti namoota baankiifi qabeenya barbadeessuu turan oolchuun isaanii ni yaadatama.










