Kenniinsa sagalee filannoo marsaa 2ffaa fi riifarandamii har'a gaggeeffamu

Itoophiyaa keessatti guyyaa har'aa Fulbaana 30, 2021 eddoowwan garaagaraatti filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaa fi rifarandamii ni gaggeeffama.
Naannoo Ummata Kibbaa, godinaalee shan fi aanaa addaaa tokkotti rifarandamiidhaaf sagaleen ni kennama.
Eddoowwan amma filannoo itti gaggeefamu kunneenitti sababiiwwan garaa garaatiin filannoon kan yeroo sadiif dheereeffamee ture.
ALI bara 2012tti filannoon biyyaalessaa marsaa 6ffaan baatii Caamsaa keesssa akka gaggeefamu boordii filannoo biyyaalessaatiin murtaa'ee turulleen, Qaammee 3tti akka darbu ta'ee ture.
Haata'u malee erga yeroo sadiif yeroonsaa jijjiirameen booda har'a eddowwan muraasa Waxabajjii darbe keessa itti hin gaggeefamnetti ni gaggeeffama jedhamee eegama.
Haaluma kanaanis guutummaa naannoolee Somaaleefi Afaar akkasumas naannoolee akka Amaaraa, Oromiyaa, Beenishangul Gumuz fi Ummattota Kibbaatti ammoo eddoowwan muraasatti filannoon marsaa jahafaa sababii adda addaatiin hingaggeefamiin hafee ture.
Kanaanis teessumawwan mana maree bakka bu'oota ummataa 547 keessaa kan naannoo Tigraay 38 dabalatee, teessumni 102 filannoo Waxabajjiitiin hinhamataniin hafeera.
Keessattu filannoo naannoo Somaaleetti baatii Waxabajjii gaggeeffamuf ture irratti, sababii paartiileen IZEMA fi Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen iyyata dhiyeessaniin filannichi akka dheerefamu taasifameera.

Paartileen kunneenis adeemsi filannoon duraa amanamummaa filannichaa kan sarbuudha jechuun ture komiisaanii inni guddaan.
Kana malees galmeewwan filannoo kaanis seeraan ala to'annoo aanga'oota paartii biyya bulchuu jala galaniiru jechuun himatanii ture.
Himannaa paartilee kanneenii hordofunis jilli boordii filannoo biyyaaleessaa Obbo Wubishat Ayyalaatiin hoogganamee gara naannoo Somaaleetti imaluun erga dhimmicha qulleesseen booda sochiileen filannoo adda dhaabbachuun komiiwwan akka furamaniif murteffamuunsaa ni yaadatama.
Filannoon silaa Qaamee keessaa gaggeeffamuuf ture amma dhiibamee har'a naannichaatti gaggeeffamaa boordiin filannoo murteessee kana irratti komii dhiyeessanii kan turan paartileen mormitootaa erga filannicha irratti hinhirmaannee beeksiisaniinii torbanii booda ta'usaati.
Naannichatti tibba tokkoo filanno mo'aatee kan beekuufi waggootaaf qabsoo hidhannoo keessa kan ture akkasumas sirna biyyattii duraatiin shororkeessummaan farajamee kan ture Addi Bilisa Baasaa Ogaadeen filannicha keessatti hirmaachunsaa faayidaa olaanaa qabaata jedhamee yaadamee ture.
Qondaalli Adda kanaas miseensoota isaanii gara jireenya nagaatti deebiisuun qabsoo karaa nagaatti deebii'uu gaaffiifi deebii kana dura BBC waliin taasiseen dubbatanii ture. Kana malees paartiin Bilisummaa fi Walqixummaa filannoo naannichaa keessaa of baaseera.
Akkasumas Hararii kan biyyattii keessaa naannoo xiqqoo taatee har'a filannoo akka gaggeessituu eegama.
Waldhabdee boordii filannoo biyyaaleessaa fi naannicha jidduutti tureen mana murtiitti erga geeffameen booda ture guyyaa filannoo har'atti akka darbu kan murtaa'e.
Kan biraa har'a kan gaggeefamu kenniinsa sagalee rifarandamii naannoo Ummata Kibba Lixa Itoophiyaati. Kanniinsi sagalee filannoo biyyaaleessaa Waxabajjii waliin gaggeeffamuu ture akka dheereeffamuuf boordiin filannoo murteessuunsaa ni yaadatama.
Kanaanis har'a ummattoonni aadaa addaa Kontaa, Godina lixa Omoo, godina Beenchi Maajii, Kafaa, Daawuroo fi Shakkaa, naannoo Ummattoota Kibbaa irraa adda bahuun naannoo mataasaanii qabaachuuf ykn akkuma duraatti turuuf sagalee kennu.
Filannoofi kenniinsa sagalee rifarandamii har'a gaggeeffamu kanaaf ummanni miliyoona 7.6 kan galmaa'e ta'uu boordiin filannoo beeksiiseera.
Gama biraatiin ammoo waraanni kan keessatti gaggeeffamaa ture Tigraay dabalatee eddoowwan sababii nageenyaatiif jecha filannoo itti hingaggeeffamaniif hafan ni jiru.
Filannoo kanaan dura taasifameen paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhiinni sagalee caalmaan argate mana maree bakka bu'oota ummataatti teessuma motummaa haaraa hundeessuuf dandeessitu argachuu ibsuunsaa ni yaadatama.















