Filannoo Itoophiyaa 2021 keessatti miidiyaaleen hawaasaa gahee attamii bahan?

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo marsaa 6ffaa Itoophiyaan bara kana gaggeessite ilaalchisee miidiyaalee hawaasaarra qabiyyeewwan hedduun qoodama turan.
Dhaabbileen filannicha raawwachisanis dhimmoota ummataan beekamuu qabu jedhan karaa marsaalee hawaasaatiin dabarsaa turan.
Paartileen siyaasaas akkasuma duula na filadhaa dabalatee, ergaawwan filannoon walqabatan miidiyaalee hawaasaatiin wayita dabarsan mul'ataniiru.
Miidyaaleen hawaasaa Itoophiyaa keessatti qofaa osoo hintaane biyyoota addunyaa garagaraattillee filannoodhaaf toora itti fayyadaman tokko ta'aa dhufeera.
Fakkeenyaaf filannoo Ameerikaan dhiyeenya gaggeessite turte keessatti miidiyaaleen hawaasaa gahee gaariifi hamaa jedhamees bahanii ture.
Taateewwan filannoo hordofe mudataniin wal qabatees pirezidaantiin biyyattii duraanii Donaald Tiraamp miidiyaalee hawaasaa hedduu irraa hanga dhorkamuu qaqqabaniiru.
Gama biraatiin ammoo sababii filannoo Yugaandaan baruma kana keessatti gaggeessiteen, miidiyaaleen hawaasaafi appiin ittin ergaan dabarfamu akka cufamu taasifte ture.
Tarii taateewwan kanneenis dhiibbaa miidiyaalee hawaasaa filannoo irratti qabaatan kan agarsiisan ta'uu danda'u.
Filannoo Itoophiyaatti gaggeeffame keessatti dhiibbaan miidiyaalee hawaasaa hangas ''akka sodaatame'' hinturre jedhu ogeessi miidiyaa BBC waliin turtii taasisan.
- Filannoo Itoophiyaan walqabatee odeessaalee dogongoraa interneetiirratti tatamsa'an
- 'Paartileen siyaasaa Oromoo maqaaf malee jiru jechuun hin danda'amu' - Dr Diimaa Noggoo
- Filannoon Itoophiyaa rakkoo nageenyaaf furmaata fiduu danda’aa?
- Boordii filannoo biyyaalessaa kan hogganan Birtukaan Miidhaksaa eenyu?
Attamiin 'akka sodaatame hinturre?'
Ogeessi komunikeshinii Obbo Natsaannat Tasfaayee miidiyaaleen hawaasaa filannoo Itoophiyaan gaggeessite keessatti gahee gaarii akka qabaatan amanu.
''Akka sodaatame hinturre. Filannoo kanaan haaloonni ummata gara hokkoraatti dhiiban ni jiraatu jedhee yaadeen ture. Garuu wanti baayyee mudate hinturre,'' jedhu.
Obbo Bafiqaaduu Haayiluu, Daarektarri Jidduugala Mirgoota Dimokraasii, gamasaaniin yaaddoo miidiyaalee hawaasaa filannoo irratti dhiibbaa qabaachuu ni danda'u jedhu ni deeggaru.
''Hedduun ragaalee sobaa fi tarii ergaawwan jeequmsa kakaasan dabarsuu danda'u jechuun sodaatanii ture,'' jedhu. Ragaalee hokkooraafi sobaa kallattiidhaan filannoo kanaan walqabatan kan eeggameen gadi ta'uu himu Obbo Bafiqaadunis.
Kanaafis namoonni miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa taasisan haala 'itti gaafatamummaa qabuun' fi 'miira biyyaatiin' fayyadamunsaanii kanaaf sababa jedhu Obbo Natsaannati.
Kana yoo ibsanis, ''siriiyyuu haala hinbaramneen hooggantoonni fi dorgoomtoonni paartiilee tokko tokko 'mo'ameera yeroo itti aanuun yaalla' jechuun miidiyaalee hawaasaarratti dabarsaniiru. Kunis haaloota kan tasgabbeessuufi hammayyoomudha hanga jedhamuutti gumaacha taasiseera jedheen yaada,'' jedhan.
Obbo Bafiqaaduun ammoo dhiibbaan miidiyaalee hawaasaa hir'achuf sababiiwwan lama kaasu. Kan jalqabaa dhaabbata isaan hogganan dabalatee, dhaabbileen kaan filannoofi miidiyaalee hawaasaa irratti hojiiwwan hubannoo cimsu waan hojjataniifidha jedhu.
Inni biraa ammoo filannoo 'qabbanaa'aa' waan turef jedhu. ''Filannoon sababii haalawwan siyaasaa biyyattii keessa tureetiin walqabatee xiyyeeffannoo guutuu hinarganne.
Fakkeenyaaf waraanni Tigraay, paartiileen siyaasaa gurguddoon Oromoo sababii adda addaatiin filannoo keessaa bahuusaanii,'' filannoo akka nama hin hawwannee fi hirmaannaan miidiyaalee hawaasaarra akka xiqqaatu taasiseera,'' jedhu.
Sababii kanaatiin 'inni sodaatame' hin mudanne. Facebook gama isaatiin akkaawuntiiwwan sobaa adeemsa filannoo irratti dhiibbaa taasisu jedheen haquunsaa ni yaadatama.
Filannoofi odeeffannoo sobaa
Dhaabbanni Obbo Bafiqaaduun hogganan 'Jidduugalli Guddina Mirgoota Dimokiraasii' hojiiwwan filannoofi miidiyaalee hawaasaa ilaallatan raawwataa turuu himu.
Gareen odeeffannoo sobaa filannoon wal qabatan hordofu akka ture kaasu.
''Guyyaa filannoo dhaabbata akka Facebook waliin ta'un odeeffannoo sobaa jala jalaa balleessuun hordofaa turre. Haata'u malee odeeffannoon sobaa hedduun hinturre,'' jechuun ibsu.
Guyyoota filannoon dura turan muraasa keessatti ''odeeffannoon suuraa sobaatiin deeggaramuun filannoo eegalameera jedhan, kan hanga ammaatti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira jedhanii fi garuu ragaa kan hinqabne; akkasumas suuraan fakkeeffamee hojjatamuun buufanni filannoo tokko to'annoo finciltootaa jala oolfameera ykn gubateera kanneen jedhan odeessaaleen sobaa tamsa'anii turen'' jedhu Obbo Bafiqaaduun.
Ta'us garuu dhiibbaa hintaasifne jedha.
Tibba filannoo qofatti osoo hintaane filannoon boodas miidiyaalee hawaasaa dhiibbaa cimaa akka hintaasifne ogeessoonni kunneen ni dubbatu.
Akka Obbo Natsaannat jedhaniitti, filannoon boodas adeemsi kenniinsa sagalee nagaan xumuramuu ibsuuf bal'inaan hojiirra ooleera.
Haata'u malee, ''namoonni dhuunfaafi kanneen roogeeyyiidha ofiin jedhan tokko tokko, xiyyeeffannoo namootaa argachuuf jechuun ta'ulleen, sagaleen lakkaa'amee osoo hinxumuramiin 'ebeluun mo'ate, paarlaamaa seene' jechaa turan. Kun ammoo uummata dogongorsa gaarii mitis jedhu,'' jedhu.
Haala kana ilaalchisuun ibsa Boordiin Filannoo baasee tureen, aangoon bu'aa filannoo beeksiisuu kan bordichaa ta'uu ibsuun, qaamooleen kan raawwatan gochaa isaanii kanarra akka of qusatan akeekkachisuunsaa ni yaadatama.
Gama biraatiin ammoo, paartileen filannoon booda dhimmoota guyyaa filannootti rakkooleedha jedhan, filannoon booda miidiyaalee hawaasaa fayyadamuun hubachiisuu isaanii kaasaniiru.
Obbo Bafiqaaduun ammoo, haala filannoon booda ture yoo himan, ''odeeffannoowwan sobaa eegamaa turan abaluutuu injifate fi filannoon waliin dhahameera kan jedhu ture.
Haata'u garuu haala hanga ammaatti jiruun kan buufataalee ibsuudhaan dinqisiifachuu bira kan darbe waliin dhahameera jechuun haalli walitti bu'insatti geessuu jiru kan ibsu hinjiru,'' jechuun himan.
Hirmaattoota filannoofi miidiyaalee hawaasaa
Miidiyaaleen hawaasaa paartileen dorgoman lammiilee waliin 'walitti dhiheenyaan' akka wal arganiif gargaareera jedhu ogeessoonni kunneen.
''Paartiileen daqiiqaan miidiyaalee idilee irratti argatan muraasa. Haata'u malee miidiyaalee hawaasaa yeroo bal'aa fudhachuun yaadasaanii haala barbaadaniin dabarfachuun carraa uumeefiira. Kun ammoo waan salphaa miti. Kunis carraa filannoo tibbanaa irratti argannedha,'' jedhu Obbo Natsaannat.
Gama biraatiin ammoo ''ummanni mirga gaazexessummaa lammummaa (citizen journalism) isaa haalana fayyadame jedheen yaada.
Haaloota buufataalee filannoo irratti mul'atan, rakkoolee kenniinsa sagalee irratti arganiifi gochaawwan seeraan alaa saaxiluu dabalatee, qaamoolee dhimmisaa ilaallatuutti beeksiisuuf miidiyaan hawaasaa gumaacha taasiseera,'' jedha.
Dabalataanis filannoo ittaanuuf, 'miidiyaalee hawaasaa attamiin waan gaariif akka oolchamun danda'amu' irratti barnoota kenneera kan jedhan Obbo Natsaannat, lammiilee gara buufataalee filannoo deeman kakaasuu fi odeeffannoowwan Boordii Filannoo irraa maddan saffisaan argachufilleen gargaareera jedhu.
Boordiin filannoos akkasuma odeeffannoowwan barbaachisan hirmaattoota filannoo biraan gahuuf itti fayyadameera.
''Paartiileen haala kanaan dura irra fooyya'een uummatatti dhiyoo akka ta'an taasiseera. Filattoota ykn deeggartoota waliin akka wal arganiif hanga tokko waltajjii uumuunsaa waan gaariidha'' jedhu Obbo Bafiqaaduun.
''Tokko tokko ammoo deeggarsa miidiyaalee hawaasaarratti qabaniin gowwomsamuun, deeggarsa guddaa kan qaban akka itti fakkaatu ta'aniiru jedheen amana,'' jedhan.
Filannoo Fulbaana 6, 2021 gaggeeffamuutti gama miidiyaalee hawaasaatiin xiyyeeffannaa addaa kan barbaadu ta'uu kan dubbatan Obbo Bafiqaaduun, kanaaf ka'umsa kan taasisan ammoo iddoowwan filannoon itti gaggeeffamuu irra caalaan kan yaaddoo nageenyaa jalatti argamaniidha jedhu.
''Tokko tokko kan walitti bu'iinsi itti adda hincinnedha. Eddoowwan kanneeniitti durumaanuu muddamni waan tureef, miidiyaalee hawaasarrattis sochiileen ho'uu danda'a,'' jedhu.















