Filannoo Itoophiyaa 2021: MM Abiy Ahimad filannoo biyyaalessaan teessoo paarlaamaa sagalee guddaan mo'atan

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad

Madda suuraa, Handout

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Alii filannoo biyyoolessaa baranaan bakka itti dorgoman, naannoo filannoo Gommaa 2ffaatti sagalee olaanaan mo'achuusaanii Boordiin Filannoo hime.

Durataa'aa paartii biyya bulchu Badhaadhinaafi Ministirri Muummee biyyattii Abiy Ahimad, sagalee 76,892 argachuun miseensa bakka bu'oota uummataa tahuusaanii mirkaneessaniiru.

Sagalee kanas kan argatan filattoota buufataalee filannoo 85tti galmaawan 79,295 keessaati.

MM Abiy wajjin ka dorgoman Paartii Innaat irraa Daagim Waarisoo fi Paartii Lammilee Itoophiyaa Haqa Hawaasummaaf - IZEMA irraa Kaalid Jamaal dorgomtoota jedhamanidha.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa, bu'aa filmaataa naannoolee filannoo garagaraa beeksisaa jira.

Haaluma kanaanis, Ministira Muummichaa dabalatee pireezidantiin duraanii Sochii Biyyoleessaa Amaaraa - ABIN, Dassaaleny Caannee (PhD), bakka itti dorgoman naannoo filannoo magaalaa Baahirdaaritti injifachuusaanii boordi guyyaa Wiixataa beeksiseera.

Hojii raawwachiiftuu ABIN kan tahan Dassaaleny Caannee, bakka bu'oota Paartii Badhaadhinaa dabalatee, bakka dorgomtoonni paartilee saddeetii itti dorgomanitti, sagalee 47,483 argachuun mo'achuusaanii ragaan boordichaa ni agarsiisa.

Magaalaa Baahirdaaritti kanneen sagalee kennuuf galmaa'an lakkofsi isaanii 137,000 ol ture.

Naannoo filannoo magaalaa Baahirdaaritti paartileen siyaasaa dorgoman: ABIN, Innaat, Hibir, IZEMA, Paartii Walabummaa Itoophiyaa, Badhaadhinaafi kaanis keessatti argamu.

Boordiin Filannoo bu'aa filmaata torban lamaan dura gaggeeffamee qulqulleessuun ummataaf ifa gochaa jira.

ALI Waxabajjii 14, 2013 filmaanni marsaa duraa kutaalee biyyattii gara caalutti kan raawwate oggaa tahu, marsaan lammataa ammoo Qaammee 01, 2013 gaggeeffama.

Filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa torban lamaan dura raawwateef, sagalee kennuudhaaf ummanni miliyoona 38 ol kaardii filannoo akka fudhatan kan himame yoo ta'u, naannoo Oromiyaa keessatti paartileen deeggarsa ummataa bal'aa qabu jedhamanii amanaman Addi Bilisummaa Oromoo fi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo mootummaan dhiibamneerra jechuun filannoo kana keessaa ba'uun isaanii ni yaadatama.