Filannoo Itoophiyaa 2021: Dargaggoonni yeroo jalqabaaf filatan maal jedhu, abdiin isaan qaban hoo?

Filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa ja'affaarratti sagalee kennuudhaaf namoonni 37,408,600 kaardii ittiin filatan fudhachuusaanii ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa ni mul'isa. Kanneen keessaa ammoo 20,317,472 dhiirota yoo ta'an, 17,091,128 kan ta'an ammoo dubartootadha.
Filannoon biyyaalessaa ja'affaa kun naannolee Somaaleefi Harariitti A L I Qaammee 1, 2013 akka gaggeeffamu Boordichi beeksiseera.
Dargaggoonni filannoo biyyaalessaa ja'affaa kana yeroo jalqabaaf filachuuf kaardii fudhatan maal jedhu? Abdiin isaan qaban hoo maalidha?
Naannoo Oromiyaatti, godinni Jimmaa ammoo ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) filannoo kanaan bakka itti dorgomanidha.
Rippoortarri BBC garasitti bobba'ee jiru qophiin filannoo magaalaa Jimmaa keessatti, keessumaa dargaggoonni yeroo jalqabaaf filatan taasisaa jiran maal akka fakkaatu gaafateera.
Yaasiin Naasir Abbaa Moggaa jiraataa magaalaa Jimmaa yoo ta'u, yeroo jalqabaatiif filachuuf waan jiruuf hedduu gammaduu BBCtti hime.
Waa'ee paartii filachuuf jiru irraa waan eegu yoo dubbatu ammoo, ''biyya kiyya ijaaruun dargaggoota akka kiyyaatiif carraa hojii uumuun, rakkina hojii dhabdummaa ni hir'isa jedheen abda,'' jedha.
Kana malees, paartiin inni filachuuf qophaa'u kan guddina dinagdee biyyoota biraa irraa dhagahamu biyya keessatti mirkanneessu ta'a jedheen amana kan jedhu Yaasiin, kana mirkanneessuufis kan isarraa eegamu hunda akka bahatu hima.
Shammarree Seenaa Sharafuu kan dhalatte magaalaa Aggaarootti yoo ta'u, amma Jimmaa jiraataa jirti. Isheenis filachuuf kan jirtu yeroo jalqabaatiif yoo ta'u, guyyaan filannoo hanga gahuutti baayyee hawwii guddaan eeggataa akka jirtu himti.
''Ani paartii biyya guddisee sadarkaa biyyoota guddataniin naaf geessisuun filachuuf jira'' kan jedhe ammoo dargaggoo Izaddiin Abdoo Ahimad jiraataadhuma Magaalaa Jimmaati.
'Sagaleen tokkittiinillee garaagarummaa fiduu dandeessi'
''Biyyi keenya waan dhabde hin qabdu,'' kan jedhu Izaddiin, kanaaf paartii siyaasaa qabeenyaa biyyattiin qabdu sanatti fayyadamuun dargaggoota akka isaatiif hojii uumuun hiyyummaa xiqqeessa jedhu filachuuf akka jiru dubbata.
Sagalee tokkiittiinilleen garaagarummaa akka qabdu waanan hubadheefan, filannicharratti hirmaachuu barbaade kan jedhu Izaddiin, ala dhaabbatee ilaalurra filachuun hirmaatee kan gaheesaa bahuuf yaadun filachuuf murteessuu hima.
Magaalaan Hawaasaa filannoo marsaa ja'affaa kanaaf qophaa'aa jirti. Utubaawwan bilbilaa suuraawwan warra filannootiif dhiyaataniin dhiphatanii argamu. Paartileen gara garaas konkolaataadhaan nanaanna'aa duula na filadhaa gaggeessaa jiru.
Indiris waggaa ja'a dura baadiyyaa Hawaasaatti dhiyoo jirturraa akka dhufe dubbata. Filannoo baranaa kanarratti sagalee kennuuf akka galmaa'eefi gammachuudhaan guyyaashee eeggachaa jiraachuu hima. "Filachuuf kanan galmaa'e ji'a darbe ture," kan jedhu Indiris kanaan dura filatee akka hin beekne dubbata.
"Ilma baadiyyaa waanan ta'eef kanaan dura waa'ee filannoo waanan beeku hin qabun ture," kan jedhu Indiris waa'ee filannoo kan dhaga'es erga magaalaa Hawaasaatti galeen booda ta'uu ibsa.
"Amma waan hunda baradhee filachuudhaaf qophaa'uu kootiif gammachuun qaba," jedha dargaggoon kun.
Barattuu mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Taabor kan taate Abazzuu Getaachoonis yeroo jalqabaatiif sagalee kennuuf kan galmooftedha. Kaardii filannoo kan fudhattes yeroo galmeen filannoo jalqabu akka ta'e dubbatti.
"Wanta kanaan dura yaalee hin beekne waan ta'eef hawwiidhaan eegaan jira," jechuun dubbatti Abezzuun.
Haata'u malee, gara buufata filannoo deemuudhaan sagalee kaadhimamaa ykn paartii kennuufiif barbaadduuf akkamitti akka kennan hubannoo akka hin qabne dubbatti.
Kokkolfaa, "egaa paartiidhuman barbaaduuf sagaleekoo korojoo keessa galchuudhuma mitii," kan jettu Abazzuun maatiisheefi qindeessitoota filannoorraa gaafachun akkaataa sagalee itti kennan hubachuuf qophaa'uu himti.
Barattuun mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Taabor biraan Liillii Tomaas yeroo jalqabaatiif sagalee kennuuf galmoofteetti.
"Wiixata itti aantu hawwiidhaan eegaan jira," kan jettu Liilliin, duula na filadhaa paartileen siyaasaa gara garaa taasisaa turan miidiyaaleerraa akka hordofteetu dubbatti.
"Yaadni isaan dhiyeessan baayyee natti toleera. Filachuudhaaf qophii xumureera," jetti.
Dargaggoota yeroo jalqabaatiif sagaleesaanii kennachuuf galmaa'anii qophaa'aa jiran Hawaasaarraa dubbisne baayyeen isaanii sagalee isaanii kaadhimamaa barbaadaniif akkamitti akka kennan hubannoo hedduu kan hin qabne ta'uu dubbatanillee, ibsa guyyaa sagaleen itti kennamu hordofuuf akka qophaa'an dubbatu.

'Angafti nagaadha'
Magaalaalee ollaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa irra deddeemuun wantoota akka saatii, manatsariifi qabattoowwan akka gurgurtu kan dubbatte shamarreen umuriin waggaa 19 Maastewaal Indashaawu, filannoo itti aanu kanarratti sagaleekoo kennuun kanan hirmaadhu "mootummaan nagaa buusisu ni dhufa jedheenidha," jechuun BBCtti himte.
"Nagaan dhibuun baayyee rakkisaadha. Kanaan dura gara magaalaalee Oromiyaa deemuudhaan sirriitti gurgurataan ture. Rakkoon waan baayyateef amma garas deemuu dhaabeen jira.
Nagaan jiraannaan jireenyi ni foyya'a jedheen yaada. Nagaan jiraannaan baayyee hojjennee waan gaarii ni arganna ture. Hokkarri waan baayyateef hojjechaa hin jirru," jetti.
Yeroo jalqabaatiif akka filattu kan dubbattu shamarreen kun, filannoo itti aanuun booda nagaan bu'ee gara barbaaddetti sosochootee hojiishee akka jajjabeeffattu abdii qabdi.
"Nagaan jiraannaan bakka gara garaa deemeen hojjetadha. Filannoon booda nagaan ni bu'a jedheen yaada," jetti Maastewaal.
Hora Xaanaa irratti turistootaaf bidiruu tajaajila geejjibaaf dhiyeessuun hojjechaa kan jiru dargaggoon umuriin isaa 27 Adimaasee Asaffaa yeroo jalqabaatiif sagalee isaa kennuuf kaardii akka fudhate dubbata.
"Waggaa darbe keessa daawwattoonni sababii koronaavaayirasiitiif jecha dhabamee ture, isaan booda ammoo biyyattii keessatti nagaan dhibee hojiin hedduu qabbanaa'eera. Dhukkubicha kan nuuf balleessu uumaadha; wanti duraa osoo nuti waliin nagaa qabaannee nagaan ni bu'a," jedha Adimaaseen.
"Kaardii filannoo baafachuunkoo nagaa ni buusisa kanan jedhu filachuuf na gargaara. Fedhiinkoo mootummaan lammileef yaadu akka aangoorra taa'udha," jechuun ibsa Adimaaseen.
Sannaayit jiraattuu magaalaa Daseeti. Waajira mootummaa tokko keessa qacaramtee hojjetti. Sannaayit haleellaawwan, ajjeechaafi buqqa'insi biyyattii keessatti mul'atu hedduu ishee yaaddessa.
"Namni humna qabuun hojjetaa nagaan jiraachuu hin dandeenye, kun anaan na yaadessa. Kanan filadhus kun akka jijjiiramuufidha," jetti.
Kana malees, humna dubartootaa kan guddisu, dubartoonni waan barbaadan ofii isaaniitiin akka murteessuu danda'an paartii gochuu danda'u filachuuf akka qophoofte dubbatti.
"Gaaffiiwwan koo kanneen naaf deebisu kanan jedhu filachuudhaaf," guyyaasaan eeggachaa jira jetteetti Sannaayit.
Dargaggoo umuriin isaa waggaa 20 ta'e Barakat Adimaasuu jiraataa magaalaa Finfinneedha. 'Dhiibbaa namootaarraa kan ka'een' kaardii filannoo fudhadheera kan jedhu Barakat, qormaata kutaa 12 fudhatee Yunvarsiitii Haroomaayaatti ramadamee qophiirra akka jiru dubbata.
"Anaan kan na yaaddessu filannoo kana osoo hin taane Yunivarsiitii yeroo galu hokkarri ni dhalataa laata kan jedhudha," jedha. Filachuun koo hin hafu garuu filannoon gaggeeffamuu isaatiin rakkoowwan yunivarsiitota keessa jiran ni hafu jedhee hin yaadu," jechuun ibsa.
Filannoo biyyaalessaa marsaa ja'affaa Wiixata dhufu gaggeeffamuuf jiru kanaaf sagalee kennuudhaaf ummanni miliyoona 37 ol kaardii filannoo akka fudhatan kan himamu yoo ta'u, naannoo Oromiyaa keessatti paartileen deeggarsa ummataa bal'aa qabu jedhamanii amanaman Addi Bilisummaa Oromoofi Kongirasiin Federaalawaa Oromoo mootummaan dhiibamneerra jechuun filannoo kana keessaa ba'uun isaanii ni yaadatama.















