Bakka bu'oonni Walaayitaa maaliif Caffee Kibbaa keessaa ba'an?

Aadde Abbabech Iraashoo

Madda suuraa, Waajjira Kominikeeshinii Godina Walaayitaa

Hawaasa Godina Walaayitaa bakka bu'uun kanneen Mana Maree Naannoo Uummattoota Kibbaa keessa jiran miseensummaa mana marechaa keessaa of baasaniiru.

Dhalattoonni Godina Walaayitaa kunneen gaaffii akka naannootti hundaa'uun of bulchuu kan godinni kun gaafataa tureef manni marechaa deebii ga'aa hin kennine komiin jedhuun akka miseensummaa keessaa ba'an dubbatan.

Mana Maree Godina Walaayitaatti Afa-yaa'ii kan ta'an Aadde Abbabech Iraashoo akkaataa heera mootummaa Keewwata 47 irra taa'ee jirutti godinni isaanii mira akka naannootti of hundeessuu qabutti fayyadamuun akka murtee uummataa argatuuf bara 2011 gaaffii dhiyeessee turuu ibsan.

''Manni Maree Naannoo Kibbaa gaaffiin kun dhiyaateefii waggaa tokko keessatti Boordii Filannoo Biyyaalessaa waliin mari'atee filannoo rifarandamii mijeessuun kan irra ture amma deebii homaatuu hin kennine,'' jedhan Aadde Abbabech.

Akka Aadde Abbabech jedhanitti Manni Maree Naannoo Uummattoota Kibbaa bara 2011 keessa yaa'ii idleesaa yeroo lama taa'erratti gaaffiin xalayaadhaanis ta'e qaamaan dhiyaatus, deebii osoo hin argatin tuffatamee bira darbameera.

''Manni marechaa sagalee bakka bu'oota uummataa dhaggeeffachuu fi kabajuuf fedhii hin qabu. Kunimmoo miseensonni walaayitaa bakka bu'an mana marechaarraa amanummaa akka dhaban godheera,'' jedhan.

''Kana waan ta'eef erga dhageettii dhabnee miseensa mana maree kanaa taanee itti fufuun nuufis ta'e uummata bakka buuneef homaa faayidaa hin qabu. Gaaffiin keenya wayita deebii dhabaa deemetti uummata bakka buune biraas fudhatama dhabaa waan dhufneef gara uummataa gorre''

Kanarraa kan ka'e bakka miseensonni hawaasa Godina Walaayitaa bakka bu'uun Caffee Kibbaa keessa jiran 38 har'arraa eegalanii miseensummaa keessaa akka of baasan beeksisaniiru jedhan Aadde Abbabech.

Akka Aadde Abbabech jedhanitti miseensonni kunneen mana maree kana keessaa ba'uusaanii xalayaadhaan ibsuudhaan Mana Maree Uummattoota Kibbaa, Waajjira Pirezidaantii Naannochaa fi Waajjira paartii badhaadhinaa naannochaa galchuu galchaniiru.

Yaa'ii akka naannochaa tibbana taa'amuuf jedhurrattis akka hin hirmaanne Afa-yaa'iin kun ibsaniiru.

Naannoo Kibbaatti erga Godinni Sidaamaa gaaffii dhiyeessee naannoo of danda'e ta'ee as godinaaleen naannocha keessa jiran 11 gaaffii dhiyeessuun Manneen Maree Godinaalee isaaniitiin fudhatama argateera.

Gaaffiin naannoo ta'uu Godina Walaayitaa eessa ga'eera?

''Gaaffiin keenya akkaataa heeraa fi seera biyyaa akkasumas kan naannoo keenyaatiin sirnaan deemaa ture. Akkaataa kanaan Manni Mree Federeeshinii dhimma kana akka nuuf ilaaluuf itti dabarsineerra. Murtee kanarra ga'uu keenya dura, ji'a ja'aan har'aa gaaffii keenya Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessinee turre.'' jedhan Aadde Abbabech.

Gaaffii keenya gareen Bulchiinsa Godinaa, Mana Maree Godinaa, Gurmaa'ina dargaggootaa dhiyeenya hundeeffame, jaarsolii biyyaa Walaayitaa fi Mana maree Federeeshinii irraa hundaa'e nuuf hordofaa ture kan jedhan Aadde Abbabech, ''mirgi heera mootummaa hawaasa Walaayitaa kabajamuu qaba ejjennoo jedhu qabna'' jedhan.

''Gara fuulduraattis heera biyyattirratti hundaa'uun gaaffii keenya Mana Maree Federeeshiniif dhiyeessine cimsinee filannoon rifarandamii kan murtii sagalee uummataa irratti hundaa'u akka nuuf gaggeeffamuuf ni hojjenna''

Tibba darbe Ministira Muummee Abiy Ahmad waliin dhimma gaaffii naannoo ta'uu Godina Walaayitaarratti mari'achuu kan dubbatan Aadde Abbabech,''murteen darbu kamuu sagalee uummataatiin ta'uu qaba ejjennoo jedhu qabna.'' jedhan.

Hanga ammaatti qaamni mootummaa gaaffii keenyaaf deebii kenne hin jiru kan jedhan Aadde Abbabech,''abdiin qabnu kanaan booda Mana Maree Federeeshinii qofa'' jedhan.