'Murtoon uummata Sidaama daandii dimokraasii Itoophiyaan hordoftu mirkaneessa'

Madda suuraa, Getty Images
Goodinni Sidaamaa gaaffii bara dheeraadhaaf naannoo ta'uudhaaf gaafachaa turan irratti rifarandamii murteessuuf hawaasni sagalee kennaa jiru.
Murtee naannoo ta'uu uummata Sidaamaaf sagalee kennuun kan jalqabe barii obboroo saatii 12:00 irraa eegalee yommuu ta'u Preezdaantiin duraanii Naannoo Kibbaa Obbo Dassee Daalkeefi bulchaan Godina Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo magaalaa Hawaasatti argamuun sagalee isaanii kennaniiru.
Ministirri muummee Abiy Ahimad (PhD) ammoo murtee uummata Sidaamaa kana ilaalchisuun ergaa dabarsaniin, murtoon uummata Sidaama daandii dimokraasii Itoophiyaan hordoftu mirkaneessa jedhan.
Abiy Ahimad (PhD) mirgi lammiilee kun karaa dimokraatawaafi haqa qabeessa ta'een akka raawwatamu waamicha dhiyeessaniiru.
Sagaleen har'aa uummata godinichaa miiliyoona lamaa oliin kennamu godinni Sidaamaa Itoophiyaaf naannoo isa kurnaffaa ta'ee akka ijaaramu yookin immoo naannuma saba, sablammootaafi uummattoota Kibbaa keessatti akka itti fufu kan ittin murtaa'udha.

Rifarandamiin har'a naannoo ta'uufi dhiisuu godina Sidaamaa murteessuu qofa osoo hin taane kan dandeettiin raawwachiisummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa itti madaalamu akka ta'es himameera.

Sagalee kennuu kanaa aanga'oonni 6,000 akka bobba'anis Boordiin Filannoo biyyaa beeksiseera.
Boordiin kun bakkawwan sagalee itti kennaman 1692 qopheesseera.


















