Mootummaan Naannoo Oromiyaa "'Qondaaltota WBO' waliin waliigaltee goone" jedhe

Pirezidaantii Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa

Madda suuraa, OCB

Mootummaan Naannoo Oromiyaa "Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin waliigalteen araaraa mallatteessine" jedhe.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibsa har'a baaseen, waldhabdeen Oromiyaa keessaa karaa nagaa akka furamuuf mootummaan nuffi tokko malee walitti fufiinsaan waamicha nagaa taasisaa turuu eereera.

Haaluma kanaan,"waligalteen araaraa gama Mootummaa naannoo Oromiyaatin Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa fi gama 'WBO'n ammoo qondaala olaanoo WBO kan turan Obbo Sanyii Nagaasaan mallatteeffamuu" himeera ibsi Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa kun.

Waranni Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ibsa mudde 1, 2024 galgala baaseen mootummaan walii galtee nama dhuunfaa sababa naamusaan aangoo isaanirraa gaggeefame waliin taasese akka waligaltee WBO waliin taasisetti dhiyeessu hin qabu jechuun qeeqe.

Namootni kunneen waraana keessaa gaggeeffamuu isaanii ifatti ibsama akka tures yaadachiisa ibsichi

Ajajaa duraaniifi miseensa koree hojii raawwachiiftuu waraanichaa kan turan Sanyii Nagaasaa ''WBO' dhaaba nam-tokkee seeraafi heera hin qabne'' jechuun qaama kana waliin qabsoo gaggeessuu akka dhaabu baatii Fulbaanaa darbe gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen beeksisuun ni yaadatama.

Ajajaan Olaanaa WBO Marroo Dirribaa fi kan Zoonii Giddugalaa ture Sanyii Nagaasaa gidduu wal dhibdeen uumamuu hordofee, Sanyii Nagaasaa karaa nagaa qabsaa'uuf mootummaa waliin mariitti akka jirus himee ture.

Mootummaan "Qondaaltota WBO' jechuu irran kan hafe qondaaltota akkamii akka ta'an, lakkofsi isaanii hangam akka ta'eefi maal irratti akka waliigalan bal'inaan hin ibsine.

Haata'uu malee, "gama WBO bakka bu'uun walii galtee araaraa kana kan mallatteesse" Sanyii Nagaasaa ta'uu ibseera

Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa "waldhabdeen keessoo Oromoo diinotaaf karaa banuu irraa kan hafe Oromoof faayidaa homaa hin fidnee," jedhan.

Tibbana "Akka barbaanne akka hin tarkaanfanne madaa mogolee kan nutti ta'e Shaneedha" jechuun hidhattooti Faannoo akka cimaniif hidhattoota WBO' haala mijeessaaf jechuun himatan Obbo Shimallis.

Shimallis Abdiisaaf Sanyii Nagaasaa

Madda suuraa, OCB

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajajni Olanaaa ABO-WBO, ''baatii muraasa dura, dhimmoota naamusaa jajjaboo irratti qorannoo gochuun namoota zoonii Giddu Galeessa Oromiyaa hogganaa turan irratti, tarkaanfii naamusaa fudhachuu ibseera

''Namni tarkaanfiin naamusaa irratti fudhatame ture kunis, humnoota mootummaa fi aangawoota Rayyaa Ittisa Biyyaa waliin dhoksaan walquunnamaaturanidha'' jedhe.

Ajajaan duraanii Zoonii Giduugaleessaa WBO Obbo Sanyii Nagaasaas faallaa waraanichaa dhaabbachuun qaama mootummaa waliin mari’achuun osoo qondaalota ABO-WBO ajjeesisuuf mari’atuu argamuu fi hoggansa isaarraa kaafamuu Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa BBCtti himanii ture.

Pirezidant Shimmallis, ''mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaaban ni miijessinaaf" jedhan.

Ajajaan Zoonii Giddugaleessa WBO yeroo ammaa, Obbo Abdii Dhugaa "erga Sanyiin nyaapha waliin dhaabbatee waraanni isa jala ture mooraa qabsootti deebi'uun waliin sochiitti jirra" jedheera.

Mootumman ammoo baay'een isaanii waamicha karaa nagaa fudhachuun galaa jiru jechuun dubbate.

Sanyii Nagaasaa duraan miseensa KFO ture. Boodarra ABOtti makamuu hordofee mootummaa Itoophiyaan qabamee hidhaarra ture. Bara 2018 erga MM Abiy aangoo qabatanii mana hidhaatii bahe. Achiin boodas qabsoo hidhannoo WBO gaggeessuutti makamuun Ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa tahuun hojjetaa ture.

Mariin marsaa lamaan Tanzaaniyaatti mootumaafi WBO giddutti adeemsifame abdi xiqqoo uumullee garuu xumura irra ga'uu hin dandeenye.

Mariin marsaa 3ffaa akka taasifamuufis ummatni yeroo hedduuf gaafataa turullee qaamni lachuu quba walitti qabuurra furmaata tokkorra ga'uu hin dandeenye.