Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO ibsa baasaniin waa'ee marii nagaa maal jedhan?

Ajajaa Olaanaa ABO-WBO, Marroo Dirribaa [Bitaa], Obbo Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa

Madda suuraa, SM.Kom. Oromiyaa

Tibba kana naannoo Oromiyaa, Godiinaalee adda addatti uummanni hiriirra nagaa ba'uun nageenyi akka ba'uuf waamicha taasisaa jiru.

Biiroon komunikeeshinii Oromiyaas ibsa baaseen, Mootummaan waamicha kana kan kabaju, cimsee deeggaruufi kan owwaatuuf yoo ta’u, akkuma yeroo maraa, waldhabdee naannicha keessatti deemaa jiruuf ''furmaanni dorgomaa hin qabne marii karaa nagaa taasifamu ta’uu cimsee amana'' jedhe.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)nis ibsa baaseen mootummaan fedhii ummatni nagaa isaa kabachiifachuuf qabu fayyadamee dhimma siyaasaf oolfachuu irraan kan hafe qabatamaan hojiitti hiikuuf mitii jedhe.

Erga waraanni qamolee lamaan giddutti eegalee Oromiyaan gara dirree waraanatti jijjiramtee dararaa hamaa fi mancaatii guddaan ga'eera. Dhimmi kun Furmaata akka argatuuf mariin marsaa lamaaf gaggeeffamullee utuu furmaata hin argatin tureeraa, dararaaa fi goolamni itti fufeera.

Mootummaan WBO balleessuuf duula erga jalqabee turus, waraanni kun godinaalee Oromiyaa hedduutti babal'achuu malee dhabbachuu hin dandeenye. Ummatni ammoo qe'ee keenyarra nagaan jiraachuu dadhabne jedhee yeroo adda addatti ba'ee araaraf gaafataa ture.

Hiriira waamicha araaaraa tibbana Oromiyaa keessatti taasifame hordofee, ibsa kan baase WBO fedhii ummanni nagaa buusuuf qabu kan kabaju ta'uu eere.

Haa ta'uu malee, Mootummaan Afaanin nagaa jechaa waraana gaggeessa fedhii ummatni nagaaf qabuun siyaasa biraaf oolfataa jira jechuun himate.

"Waamichi nagaa (Mootummaa) nagaaf osoo hin taane, duula hidhannoo hiikkachiisuu bu’aa hin qabne gaggeesudhaa" jedha ibsi WBO.

Mootummaan gama isaatin gareen hidhattootaa kamuu karaa nagaa kan galanii fi marii nagaaf kan taa'an yoo tahe mari'achuuf qophii ta'uu yeroo adda addaatti ibsaa tureera.

Ibsi biiroon komunikeeshinii Oromiyaan kenname akka ibsutti "harki mootummaan naannoo Oromiyaa nagaaf diriirsaa ture har'aas kan hin dachaanedha"jedhe.

Dabalataan hiriira uummataa tibbana godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeeffamaa jiru ''mootummaatu qindeesse'' jedhu soba jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan daandiin qaama kamuu injifataa taasisu marii nagaati jedhus WBO gama isaan ''siyaasaf jecha nagaa'' jedhu fayyadamurraa kan hafe kutannoon dhugaa nagaa buusuuu mootummaa biraa akka hin jirre himate.

"Nagaan dhugaa bilisummaa siyaasaa, itti gaafatamummaa fi kabaja mirgaa fi ulfina namoomaa gaafata"jedha ibsi WBO

Xiinxalaa siyaasaa Jawaar Mahaammad mariin marsaa sadaffaa qaamolee kana lamaan giddutti akka taa'amu gaafatamanii WBO fudhatee Mootummaan dide jedhe.

''Diplomaatotaan mariin marsaa biraa hin barbaachisu. Finciltoota irra jireessa barbadeessineerra. Kan hafan ammoo harka kennuuf nu dubbisaa jiru kan jedheen mootummaadha" jedhe Jawaar.

Erga mariin marsaa lamaan milkii malee xumuramee hanga nagaan dhufutti qaamolee lamaan akka araaramaniif hojjenna jedhanillee hanga yoona jijiramni dhufe hin jiru.

Qaamoleen lammanuu quba walitti qabuun giddutti ummata dararaafisaamichaaf saaxileera.

Rakkoo walitti bu'iinsa kanaan hawaasni nagaan miidhamuu kan eeru ibsi WBO motummaan dhimmichi nagaan akka furamu barbaadu caalaa humnaan aangoo isaa cimsuuf rakkoo sana daranuu hammeessaa jira jedha.

"Dargaggoonni keenya dirqiin barnoota isaaniirra butamanii gara mooraa waraanaatti galfamuun dandeettii fi abjuu isaanii ukkaamfamaa jiras" jedhe ibsichi.

Dargaggoota waraanaf dirqiin butaman keessaa kanneen loltoota/kaadiroota mootummaaf maallaqa kanfalan gadi dhiifamuu akka danda'anis ibse.

Mootummaan WBO waliin hidhata qabdu jechuun namoota hedduu magaalota adda addaa keessaa hidhaa akka jiru namoonni Tokko tokko BBCtti himaniiru.

Dabalataan komii dargaggoonni hedduun fedha isaanii malee leenjiif mooraa waraanaa galfamu jedhus jira.

Haa tahu malee, mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baase keessatti gareen olola ''humnoonni nageenyaa mootummaa, gocha maallaqaaf nama ukkamsuu'' jedhu tamsaasu jira jedhe. Gochaa kanas haaleera.

Itoophiyaan komishinii Marii Biyyaalessaa hundeessuun erga marii rakkoo biyyattii fura jedhamee abdatame gaggeessuuf qophii jalqabdee bubbuleera.

Qaamoleen hidhatan garuu marii kana keessatti hin hammatamne. Marichis osoo hin jalqabiin yeroo hdeeraa fudhate.

Naannoo Oromiyaa keessa paartileen socho'an akka ABO fi KFO maricha keessaa bahaniiru.

ABO-WBOs Marii biyyoolessaa dabalatee yaaliiwwan mootummaan biyyatti keessatti araara buusuf taasisu ibsa baase keessattiq eeqeera.

Akka ibsa biiroon Komunikeeshinii Oromiyaatti ammooo "hidhattoonni meeshaa waraanaa lafa kaa’anii karaa nagaa galuun, kutannoo mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf qabuuf ragaa baahuu irratti argamu.

Marii araaraa kanaaf Ameerikaa dabalatee biyyoota akka Keeniyaa, Noorweyi tumsa taasisaa turanis hin milkaa'iin yoona ga'eera

Hawaasni mariitti deebi'amee dhimmi kun furmaata waaraa akka argatu gaafataa turus mootummaan sochii sanaaf taasisaa akka jiru eerullee gama WBO tin qabatamaan marsaa sadaffaaf mari'achuuf mootummaa wajjin waan walii galame hin jiru jedhe

Mootummaan Itoophiyaa tibbana hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo irratti oppireeshinii gaggeessaa akka jiru himaa ture.