'Akka barbaanne akka hin tarkaanfanne madaa mogolee kan nutti ta'e Shaneedha' - Obbo Shimallis Abdiisaa

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hidhattooti Faannoo akka cimanif hidhattoota WBO'tu haala mijeessef jechuun dubbatan

Madda suuraa, Shimallis Abdisa/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa hidhattooti Faannoo akka cimanif hidhattoota WBO'tu haala mijeessef jechuun dubbatan

Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoonni Faannoo akka humna godhataniifi dararaa uummatarraan gahaniif haala kan mijeessu hidhattoota WBO'dha jedhan Pirezidaantin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis kana kan dubbatan guyyaa Kibxata, Sadaasa 26, magaalaa Naqamteetti marii hawaasa waliin taasisaniin yoo ta'u, dhimma nageenya naannoo Oromiyaa irratti xiyyeeffatan.

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan paarlaamaan shororkeessummaan labse deebii kennaniin Faannoo mootummaatu hidhachiise jechuun himatani.

Dubbiin aangawaa Oromiyaa kan dhagahame erga Darraatti ajjeechaan suukaneessaa hidhattooti Faannoo itti himataman dheekkamsa uume boodadha.

Oromiyaatti nagaan akka bu'uuf mootummaan karaa mariifi karaa seera kabachiisun hojii guddaa hojjachuu kan himan Obbo Shimallis, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan isaan "ABO Shanee" jedhaniin Oromiyaatti nagaan akka hin buunef danqaa akka itti ta'an ibsan.

"Nagaan akka bu'u gochuudhaaf akkuma kalee hojjachaa jirra, kana cimsinee itti fufna. Mariidhaan hiikuudhaaf Awuroophilaanii [xayyaara] erginee qaamolee hidhatan fuunee baasnee mariisisnee dubbii jiru karaa nagaan hiikudhaaf mootummaan karaa dheeraa deeme.

''Ammas ni deemna," kan jedhan Obbo Shimallis "ammas karaa nagaatin galaa jennaan" jedhan.

Mootummaan hidhattoota waggoota muraasa darban humnoota mootummaa lolaa jiraniin ''nagaan galaa'' yoo jedhu kan duraaf miti.

Kanaanis, ''kumaatamni'' galuu dubbatani.

Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hidhattoota WBO gidduu adeemaa jiru kanaan lammiileen nagaan dararaa garaa garaaf saaxilamaa jiru.

Gama kaaniin, hidhattooti Faannoo kan mootummaan 'finxaaleyyii' jechuun waamu ajjeechaa, saamicha, qabeenya gubuufi dararaa garaa garaan himatamu.

Hidhattooti kuni keessumaa hidhattooti WBO dhalattoota Amaaraa hubaa jiru, mootummaanis tiksaa hin jiru himannaa jedhuun haleellaa raawwatu.

''Hidhattoonni finxaaleyyii naannoo Oromiyaa keessatti akka hidda jabeeffatan kan godhe "ABO Shaneedha," jechuun Obbo Shimallis hidhaattoota WBO'tti quba qaban.

Uummatarraa meeshaa hiikuun uummata haleellaa finxaaleyyiif saaxiluu, humnoota mootummaa birmannaa uummataaf deeman karaatti haxxeen hidhee haleeluu, uummatarra goree finxaaleyyii loluu dhiisufi mootummaa dadhabsiisun finxaaleyyii deeggaraa jira jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo itti gaafatamaa taasisan.

'Ofii hiikkachiisanii nuun maqaa baleessu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa isaanii kanaan, waggoota arfan darban Naannoo Oromiyaa keessatti hidhattoonni WBO ummatarraa hidhannoo hiikun uummanni haleellaa hidhattoota irraa akka of hin ittisne taasisaniiru jedhan.

Hidhattooti garuu kana ni waakkatu.

Gorsaa olaanaa Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta'an Obbo Jireenyaa Guddataa "mootummaan ofii hiikkachiisee nuun maqaa baleessa" jechuun BBCtti himan.

"Uummatarraa qawwee hiikkachiisee dararaan guddaan uummata kanarra akka gahu kan gochaa jiru mootummaafi warra mootummaa waliin qunnamtii qabaniidha," jechuun taatee Horroo Guduruu keessatti ta'e jedhan akka fakkeenyatti kaasu Obbo Jireenyan.

"Fakkeenyaf, Horroo keessatti namni Faqqadaa jedhamu, garuummoo Waraana Bilisummaa Oromoo ta'uu himatu, ummatarraa qawwee hiikkachiisee borumtiisaa yommuu humnoonni finxaaleyyii kun Oromoorratti ajjeechafi dararaa gaggeessan yeroo itti agarretu jira," jedhan.

Godinoota Oromiyaa adda addaatti hidhattoonni Faannoo kan mootummaan 'finxaaleyyii' jedhuun yeroo garaa garaatti ajjeechaafi namoota qe'eessanirraa buqqisuu BBCn jiraattotaafi maddeen garaa garaa waabeffachuun gabaasaa ture.

Ajjeechaafi dararaaf garuu hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'Shanee' jedhus himatu.

Dhiyeenyuma kana Godiina Shawaa Kaabaa, Aanaa Darraatti ajjeechaa suukaneessaa hidhattoota Faannotu raawwate jedhame viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu hordofee dheekkamsa guddaa kaasee ture.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ibsa baasee tureen taatee Aanaa Darraatti raawwatame jedhameef "finxaaleyyii afaan Oromoofi Amaariffaa dubbatantu raawwate" jechuun hidhattoota Faannifi WBOtti quba qabe.

Obbo Shiimallis Abdiisaaa haasaa Naqamtetti taasisaniin ammoo Oromiyaatti mootummaan haleellaa lammiilee nagaarra gahuuf danqaa kan ta'e "ABO Shaneedha" jechuun "madaa mogolee itti ta'uu" dubbatan.

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo "waraanni mootummaa ummataaf yeroo birmatu karaatti eegee haleellaa gaggeesuun humna finxaaleyyii deeggara kana jedhan Obbo Shimallis, "qaamni mootummaa humna finxaaleyyii [hidhattoota Amaaraa] bira osoo hin gahin humna kanaan [hidhattoota WBO]tiin waraanama" jechuun humni nageenyaa mootummaa heddu "aarsaa kaffaluu" himan.

Gama biraan ammoo hidhattoonni "finxaaleyyii" naannoo Oromiyaa keessaa bakka tokko yoo qabatan, hidhattoonni WBO humnoota kana akka hin lolle himan Obbo Shimallis.

"Akka lafti Oromoo seeraa ala qabamu, akka qabeenyi keenya saamamu gochaa baate [hidhattoonni WBO]," jechuun humnoonni "finxaaleyyii Oromiyaa keessatti akka hiree qabaatan kan godhe WBO,'' ta'uu kaasan.

'WBOfi Faannoo gidduutti lolli akka banamu barbaadu'

Wantoota ittiin mootummaan hidhattoota WBO himatu keessaa tokko, hidhattoonni Faannoo yeroo uummatarratti haleellaa gaggeessan "uummataaf birmatee hin lolu" kan jedhuudha.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan haleellaa kamiyyuu uummatarraa tiksuuf kan itti gaafatamummaa qabu mootummaa akka ta'e ibsa.

"Hojiin mootummaa inni jalqabaa uummataaf nagaa fiduu danda'uudha. Gaheesaaa bahachuu hin dandeenye. Waan gaheesaa bahachuu dadhabeef qaama qaanitti sababfachuu barbaadutu jira.

"Uummatarraa gibira funaanee ka'ee, akkan nagaa uummataa hin ittisneef ebeluufi ebelutu gufuu natti ta'e yoo jedhe hanqinni kanumasaati," jedhan Obbo Jireenyaan.

Faannoo mootummaatu hidhachiise jechuun kan himatan Obbo Jireenyaan, "mootummaan hidhattoota WBOfi Faannoo gidduutti lolli akka banamu barbaada" jechuun tooftaa lolaa mootummaan qopheesse ta'uu kaasu.

"Faannoo hidhachiisanii bobbaasanii, nuun immoo yaada keenya garasitti akka cillaanfannu godhanii gidduu taa'anii ilaalanii boodarra mataa mataa keessa rukutuuf tooftaa lolaa tolfatan sanatti nama dhiibuf jiru jechuudha," jechuun ibsu Obbo Jireenyaan.

Siwizarlaand, qorataafi barsiisaa dhimma Siyaas-dinagdee Gaanfa Afrika kan ta'an Dr. Assabee Raggaasa turtii BBC waliin taasisaniin, nageenya lammiileessaa tiksuun itti gaafatamummaa kan qabu mootummaa akka ta'e kaasu.

"Mootummaan jira kan jedhamu yoo nageenya lammilee biyyaa keessa jiranii qofaa utuu hin taanee kanneen biyyoota biraa jiran, lammii ta'an eeguu dandaa'edha," jedhan.

Obbo Shimallis Abdiisaa haasaa magaala Naqamteetti taasisan kanaan, hidhattoota WBOs ta'ee kan "finxaaleyyii" jedhaniin naannoo Oromiyaa keessaa baasuf tarkaanfii cimaa akka irratti fudhatan ibsaniiru.