Waa'ee dargaggeessa Salaaletti 'Faannootiin' haala suukaneessaan ajjeefameefi deessuu gudeedamte waan beeknu

Uummanni Aaanaa Darraa haleellaa finxaaleyyii Amaaraan dararama jiraachuu himan.

Madda suuraa, Daani'eel Gammadaa

Ibsa waa'ee suuraa, Ummata haleellaa raawwateen buqqa'e (bitaa) fi abbaa nama ilmi isaanii haala suukaneessaan ajjeefame (mirga)

Akeekkachiisa: Qabiyyeen oduu kanaa miira keessan jeequu mala!

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti dargaggeessi tokko 'hidhattoota Faannoon' qabamuun yeroo haala suukaneessaan ajjeefamu viidiyoon mul'achuun ummata dheekkamsiise.

Viidiyoon ajjeechaa kana mul’isu tibbana erga miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamee booda barattoonni dhaabbilee olaanoo mormiif daandiitti bahaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa baasen ‘’badii gara jabeenyummaan guutame’’ jechuun balaaleeffateera, tarkaanfiis akka fudhatu ibse.

Itti Gaafatamaan Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa “haleellaan raawwatamaa jiru finxaaleyyii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dubbataniini” jechuun miidiyaatti dubbatan.

Viidiyoo kana irratti nama maqaa sabaa balfu malee namni Afaan Oromoo dubbatu hin dhagahamu.

Bulchaan godinichaa Obbo Kaffaaloo gara bakka taateen kun itti mudatee akka imalanii fi qoratanii akka deebii nuuf kennan dubbachuun bilbila cufan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhimmicha akkuma dhagaheen adda baasuu jalqabuu himuun, waan irra gahan fuulduratti akka ibsan hime.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC’n addatti viidiyoon kun yoomiifi eessatti akka waraabame ammatti adda hin baasne.

Garuu waanti raawwate maali? Jiraattotaa fi namoota bakkichatti imalan irraa iyyaafanneerra.

___________________________________________

Daani’eel Gammadaa maqaa Kara Deemaa jedhamuun beekamu aanaa Darraa keessa deemee waan taajjabee fi waa’ee viidiyoo qoodame kanaa BBCtti himeera. Dabalataan qaamolee adda addaa irraa waa’ee viidiyoo kanaafi rakkoo godinicha keessaa gaafanneerra.

Daani’eel Gammadaa maatii dargaggeessa ajjeefame kanaa argadheera jedhee BBCtti akka himetti, taatee gaddisiisaan kun ji’a lama dura kan raawate jedhe.

Daani’eel gara Fiichee deemeen dhukaasa meeshaa gurguddaa dhagaheen dhalataa Darraa argadheen gara Darraa deemuuf murteesse jedhe.

Dargaggoon haala suukaneessaan albeedhaan ajjeefame jedhame kuni Darajjee Amaaree Tasfaa jedhama. Jiraataa aanaa Darraa yoo tahu, dhiyeenya barnoota kutaa kudhanitti xumuree maatii saa gargaaraa ture.

Isa dura odeeffannoon dhagahe hidhattoonni Faannoo aanaa Darraa ganda Gabroo jedhamutti jiraataa gandichaa Sarruu Shuummatee jedhamu irraa 'harka kutanii' ture jedhe.

Sarruu harka nam-tolchee hojjechiifateera. Dargaggeessadha. Uummanni kana waan dhagaheef sodaan ture jedhe.

Dargaggoo biraa jiraataa ganda Jirruu Daadaa Kamaal Huseen jedhamus guyyuma sana aalbeedhaan ajjeefameera jedhe Daani’eel.

Guyyaa sana uummanni gara gaara bakka Jamaa jedhamuutti baqatee ture. Sababni isaa waraanni mootummaa sakatta’insaaf bakkicha dhaqanii ture. Uummanni ammoo qaama hidhate hunda sodaata.

Sababni isaa kan mootummaa yoo dhufe 'Shanee' nyaachistu jedhee miidhaa irraan waan gahuuf sodaatu. Faannoo yoo dhufan mana gubanii saamanii nama ajjeesu jedhe.

Hidhattoonni WBO yoo dhufanis ni sodaatu. Hidhattoonni Faannoo duuba waraana mootummaarra dhufuun ummata haleela jedhanii natti himan jedhe.

Darajjeen fa’aa guyyaa sana horii hidhaman hiikuuf jecha qe’eetti hafanii ture. Hidhattoonni Faannoo dhukaasa bananii turan Darajjee fi Kamaaliin arganii ari’anii qaban jedhe.

‘’Abbaa Darajjee Obbo Amaaree Tasfaa Tolaa jedhaman argadheera. Guyyaa sana ari’anii rasaasaan miila rukutanii qabanii gara Sararkullaa bakka jedhamuutti geessan. Sararkullaa kanatti finxaaleyyiin Amaaraa wal argu. Achitti Darajjee morma kutanii reeffa isaa gatanii allaattii nyaachisan.’’

Erga ajjeesanii gatanii maatiitti dhaaman malee maatiin isaa reeffa ilma isaanii arganii hin awwaallanne jedhe Daani’eel.

Daani’eel miira maatii yoo BBCtti himu, abbaan isaa du’a mucaakoo qofa miti haati warraakoos du’a ilma isheen sammuun darbeera na jedhen jedha.

Harmeen Darajjee sammuun tuqamee hin dubbatan. Waan godhan hin beekan. Deebii namaa hin kennan jedhe.

Maatii isaaf gara quxisuudha. Obbolaan isaa kaan fuudhanii kaan waan heerumaniif abbaa fi haadha isaa umuriin jaaran gargaaraa ture jedhe Daani’eel.

Haleellaan uummata nagaa irratti raawwatu kan jalqabaa miti.

Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo dabalatee hidhattooti Faannoo Aanaa Darraa kanatti ajjeechaa raawwatuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa kana dura ibseera.

Hidhattoonni Faannoo waggoota lamaa fi sadan darban keessa Godinaalee Wallaggaa kessumaa Bahaafi Horro Guduruu kessatti haleellaa wal fakkaataa uummata nagaa irratti raawwachuu kana dura BBC'n gabaasee ture.

Aanaaleen godinoota Wallagga bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa keessaa kanneen buqqa'anis waggoota sadan darban kana qe'eetti hin deebiyiin jiru.

Waggaa darbe Godina Horroo Guduruu wallaggaa, Aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti hidhattoota WBO waliin lola ture irratti namoota ajjeefaman irraa haala suukaneessaan qaama muruun akka injifannootti yeroo mul'isan viidiyoon qoodamaa ture.

'Abbaa warraa sireetti hidhanii haadha warraa gudeedan'

BBC'n jiraataa aanaa Darraa ganda Tulluu Guddaa jedhamuu naannoo Masjiida Sheek Huseen jiru tokko dubbise. Nageenya isaaniif jecha akka maqaan isaanii hin dhahamne gaafatan. Uummanni aanichaa hidhattoota Faannoo baqatan kuma sadii ol tahan naannoo Masjiida Sheek Huseen jiraatu jedhan.

Jiraataan gandichaa kun hidhattoonni Faannoo nama ajjeesanii bishaan keessatti gatu, kadhannee reeffa fudhataa turre, kaan osoo hin awwalamiin hafan jedhan.

Oomishni keenya hunduu gubateera. Uummanni baqatee garatti bahu dhabnaan naannoo masjiida kanaatti walitti qabamuun akka waliin ofirraa faccisnee jiraannu goone jedhan.

''Intala isaa qallee suuraa isatti erginee akka sammuun isaa akka darbu goona'' jedhanii dubbataa turan jedhan.

''Haati warraakoo fi amaatiinkoo mana turani. Amaatiinkoo uffata halkanii intalakootti uffisanii irra taa’anii hin jirtu abbaa ishee waliin baateetti jennaan jaartiis rukutanii haadha warraakoo fudhatanii bahan.

''Haadha warraakoo gudeedanii gadhiisani. Akka gudeedamteyyuu dhokfattee turteeti booda namni hunduu gaafa dubbachuu jalqabu nutti himte. Animmoo akka isaan gadhiisaniif Birrii 10,000 kaffaleef,'' jedhan.

Daani'eel Gammadaa ammoo maatii yakki gudeeddii hidhattoota Faannoon irra gahe biraa dubbisuu BBCtti hime.

''Haati manaa Abbitee Abbaabaa deessee reefu ji'a jaha. Haadha ijoollee jahaati. Abbaa warraashee sireetti hidhanii nama saddeet tahanii dabaree dabareedhaan gudeedan. Hanga ammaa gadameessi ishee akka gadi bahetti jira. Yeroo teessu, deemtus rakkaataa jirti.''

Ganda tokko keessaa dubartoota 21 tahanitu gudeedameera jedhe Daani'eel. BBC'n addatti waan mirkaneesse hin qabu.

Jiraataan aanichaa BBC dubbise ammoo ji'a Waxabajji keessa hidhattoonni Faannoo dhufanii dhukaasa nurratti banan. Isa duras dhukaasa bananii uummanni qe’eerrraa buqqa’ee gara masjiida sanaatti walitti qabamanii ture jedhan.

''Karaan ittiin achii baanu hin jiru. Mootummaatti iyyachuuf garatti baanu hin jiru. Karaa cufanii kan taa’u isaaniidha.

''Mootummaaf ammoo odeeffannoo sobaa akka darbu godhu. Jaarsaafi jaartii qabeenyi isaa jalaa gubatee baqatee gaara irratti walitti qabamee jiraatu Shaneetu as jira jedhanii himu.

''Oomisha oomishne hundaa kaan saamanii, isa hafe gubanii fixan. Waan nyaannu hin qabnu,'' jedhan.

''Waxabajji keessa dhukaasa yeroo nurratti banan nama Abbaa Jaarraa jedhamu irraa harka muranii horii ittiin oofaa jedhanii dubartoota isaaniitti kennan. Akkasiin harka namarraa muranii gara Marraabeetetti agarsiisaa deeman.''

Kana dura sabummaanis amantaanis osoo wal hin qoodiin waliin jiraachaa turre. Yeroo soomaallee waliin sooma hiikaa turre. Yeroo Irreechaallee Amaaruma waliin taanee ayyaaneffataa turre.

Isaanis uummanni Oromoos horii fidanii waliin qalannee ayyaneffannee beekna. Amma garuu finxaaleyyiin kun dhufanii uummata waliin jiraachaa turre nurratti kakaasan jedhan.

Jaarsaa fi jaartii fiiganii jalaa miliquu hin dandeenye mana itti cufuun yeroo gubantu ture jedhan jiraataan kun.

Jiraataan biraa aanaa Darraa dubbisne sodaa irraa kan ka’e qoraan cabsachuu gaafa deemneyyuu daboodhaani jedhan. Yoo tokko qabamellee iyyinee walii birmachuuf jecha namni qofaa gadi hin bahu jedhan.

Caasaa mootummaa ganda warra hidhattoota Faannoo waliin hidhata qabanif odeeffannoo kennanis jiru jedhu.

Nuun asii buqqisuuf hidhattoota Faannoo nurratti kakaasu. Gama biraan ammoo mootummaaf odeeffannoosaa kennu. Gidduutti rakkanneerra jedhan.

Mootummaan maal jedhe?

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ''gocha gara jabeenyaan'' Shawaa kaabaatti raawwate akka cimsee balaaleffatu hime.

Hoogganaan Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ''gochi badii gara jabeenyummaan guutame finxaaleyyiin Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti raawwatan jibba hamaa uummata Oromoofi sabaafi sablammootaaf qaban ifatti kan mul’isedha'' jedhan.

''Gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii Sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne, garee bor hin beekneefi ofittooo ta’uu qabatamaan mul’iseera'' jechuu isaanii Biiroon Komunikeeshinii Oromiyaa fuula Feesbuukii isaanii irratti maxxanseera.

Dabalataan gareen kun Raayyaa Ittisa Biyyaa jalaa baqachuun lafa ga’e hundatti ''gara jabeenyaan ajjeessuufi shororkeessuu irratti fuulleffatee,'' jira jedha.

Kanas qabatamaan Godina Shawaa Kaabaatti raawwatee jira jedhan.

''Gochi Finxaalessaa Faannoos ta’e Shanee gara jabeenyummaan raawwataa jiran walitti bu'iinsa sabaa uumuun wal fiixiinsi akka mudatu taasisuudha,'' kan jedhan Obbo Haayiluun ''gocha gara jabeenyaa kana Finxaalessaan Faannoo wayiita raawwatu Shaneen uummata hidhannoo hiikkachiisuun haala mijeesseera,'' jedhan.

Jiraattonni aanaa Darraa BBC'n dubbise ammoo caasaa mootummaa aanaa hanga gandaa keessa hidhattoota Faannoof haala kan mijeessan jiru jechuun komatu.

Obbo Haayiluun ''gochi Finxaalessaa Faannootiinis ta'e Shaneen raawwatamaa jiru kun uummata kamiinuu kan bakka hin buune ta'uu ibsaa mootummaan nageenya lammilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata,'' jedhan.

Kanaafis mootummaan ''humnoota nageenyaa bifa qindaa’een bobbaasee hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu kan hojjetaa jiru yoo ta’u, ummanni keenyas obbolummaa isaa jabeessuun tarkaanfii mootummaan fudhatu cinaa dhaabbachuu qaba,'' jedhan.

Ji'oota darban keessa Shawaa Kaabaa aanolee tokko tokko keessaa tajaajilli bilbilaa yeroo adda cite mootummaan hidhattota irratti oppireeshinii gaggeessaa jira jedhan namoonni BBC'n irraa iyyaafate.

'Nyaachuuf harkaa hin qaban, galfachuuf lafaa hin qaban'

‘’Uummanni aanaa Darraa nyaachuuf harkaa hin qabu, hammachuuf lafaa hin qabu, waan abdatu homaa hin qabu. Hedduun isaanii gammoojjii Jamaa keessatti baqatanii jiru. Gammoojjiin Jamaa gadi bu’uuf deemsa sa’a sadii asii ol bahuuf sa’a afur fudhata’’ jedhe Daani’eel.

Ofiis Dagamii hanga Darraa miilaan sa’a sagal deemee akka achi gahe kan himu Daani’eel, guyyoota 11 uummata kana waliin turuu hime.

Jiraattonni BBC dubbise ammoo daandiin ittiin bahanii waa bitatan waan hin jirreef guyyaatti takkaa nyaachuuniyyuu akka itti ulfaate himu.

Maallaqas midhaan nyaataas akka hin qabne himu. Waggaa darbe karaa Buusaa Gonofaa jedhee mootummaan deeggarsi nuuf erga osoo nu bira hin gahiin warruma Faannoof dhoksaan deeggarsa godhu harkatti hafe jedhan.

Mootummaan dhimma kana irratti deebii hin kenine.

Kutaalee Oromiyaa hedduu rakkoo nageenyaaf erga saaxilamanii bubbuleera.

Deeggarsi namoomaa gahaan dhiyaachuu dhabuun garasitti miidhaan dubartootaaf ijoollee irra gahu ammoo daran jabaadha.

Manneen barnootaa manca'uun ijoolleen barnoota malee hafuu, oomishanii galfachuu dadhabuu fi yaaddoon nagaan bahanii nagaan manatti galuu hammaataa deemeera.

Mootummaan hidhattoota WBO fi Faannoo waliin karaa nagaa wal dhabdee keenya furuuf qophiidha jedhan.

Mariin marsaa lamaa WBO wlaiin Taanzaaniyaatti gaggeeffame hin milkoofne.

Hidhattoota Faannoo ammoo garee adda addaa jiran qunnamaa turuu kan himu mootummaan, hoggansa dhaabbataa tokko waan hin qabneef waliin marii gaggeessuuf rakkadheera jechuun kora Mana Maree Mirga Nmaoomaa UN tibbanagaggeeffame irratti ibseera.

Keessumaa ummanni Oromoo Darraa, akkasumas aanaalee Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa baayyeen ammallee sababa hidhattoota Faannoo kanaan qe'eesaarraa buqqa'e osoo hin deebiyuun waggoonni sadii darbaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaan jiraattonni nagaan bahanii galuu dadhabuu, q'eerraa buqqa'uufi firrillee wal gaafachuuf akka rakkate kana dura BBC'tti himaniiru.