Jirattonni Walagga Bahaafi Horroo Guduruu waggoota darban hidhattoota 'finxaaleyyiin' qe'eerraa buqqa'an maalirra jiru?

Madda suuraa, Kominikeeshinii Giddaa Ayyaanaa
Jiraattonni Godina Wallagga Bahaafi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa waggoota afran darban haleellaa hidhattoota mootummaan 'finxaaleyyii Amaara' jedhuun yeroo garaa garaa irratti raawwatamaa tureen qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'aniiru.
Hidhattoonni mootummaan 'finxaaleyyii Amaaraa' ittiin jedhu kunneen uummata qe'eerraa buuqqisuu, namoota nagaa ajjeesuu, qabeenya samuufi sarbama mirga namoomaa garaa garaa irratti hirmaataa turuu jiraattota, qondaalota mootummaafi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waabeffachuun BBCn gabaasaa ture.
Ji'a tokko dura gaafa ALI'tti Fulbaana 4, 2017 Godiina Wallagga Bahaa Aanaa Kiraamuu keessatti hidhattoonni kunneen hojjattoota mootummaa imalarra turan lama ajjeessanii turuu qondaalli mootummaa haleellicharraa hafan Obbo Margaa Alamuu BBC'tti himanii turan.
Hidhattoonni kunneen aanaalee godina Wallagga Bahaa kanneen akka Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu, akkasumas aanaalee godina Horroo Guduruu Wallaggaa kanneen akka Jaardagaa Jaartee, Amuruufi Abee Dongoroo keessatti waggoota afran darban keessa yeroo garagaraatti namoota nagaafi hojjetoota mootummaarratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa turan.
Godinota kanneen keessatti namoota finxaaleyyii kanneeniin qe'eessanirraa buqqa'an keessaa kanneen qe'eesaanii oneefi saamametti deebi'an akkuma jiran, kanneen yaaddoo nageenyaafi qe'ee duwwaatti deebi'uurra jedhanii hanga ammaa hin deebi'in jiraachuu BBC odeeffateera.
Jiraataa Godiina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo kan ta'efi nageenyasaaf jecha maqaasaa dhoksine, namoonni gandoota Aanichaa muraasa keessaa buqqa'an deebi'anis qabeenyiifi qe'eensaanii saamamee manca'ee akka isaan eege BBCtti himan.
"[Hidhattoonni finxaalettii Amaaraa] guutumaan guututti gandoota 7 keessa jiru. Achi keessaa yeroo sana Ganda Caruu kan jedhamu buqqisan. Waraanni guyyaa tokkoofi walakkaa gaggeeffamee gandi tokko guutumaan guututti buqqa'ee ture," jechuun torbee lama erga baqatanii turanii booda deeggarsa uummanni gandoota ollaa taasiseen qe'eesanitti deebi'uu kaasa jiraatan kun.
"Ani ogeessa fayyaa waanan ta'eef erga isaan deebi'anii guyyaa arfan tokko isaan yaaluuf achi dhaqeera. Manni guggubatee waan tureef aanan qorqoorroo fa'aa dhiyeessuun deeggarsa godhee, kara Buusaa Gonofaas deeggarsi godhameefii qe'eessaanitti deebi'anii jiru," jechuun ammayyuu raayyaan ittisaa achi buufatee akka jiru dubbata.
Akka jiraatan kun jedhutti, namoonni ganda tokko keessaa buqqa'an qe'eetti deebi'anis gandoota ollaa kaan keessa qaama mootummaa hidhate malee namni biraa akka seenuu hin daneenye ibsuun ammayyuu yaaddoon akka jiru ibsa.
"Gandoonni isaan [hidhattoonni finxaaleyyiiAmaaraa] keessa jiran Ganda Gulantee, Ganda Qilxuu Limmuu, Ganda Laga Gimbii, Ganda Aayyaa Warabboo kan jedhamu, Ganda Laga Hawwii jedhamu.
"Gaafa lolaa garuu aanaalee ollaarraa walii birmatanii dhufu. Aanaaleen ollaa kan akka Giddaa Ayyaanaa, Kiiramuu fa'aa finxaaleyyii kana qabu waan ta'eef achirraa walii birmataniiti yeroo mara lola kanarratti kan hirmaatan," jedha jiraatan kun.
'Finxaaleyyiin kunneen yoo hiikkatan malee ammayyuu wabiin hin jiru'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggaa lama dura, haleellaa hidhattooti 'finxaaleyyii Amaaraa' kunneen Godiina Wallagga Bahaa Aanaa Kiramuutti raawwataniin jiraattonni gandoota 19 keessa jiran Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aanichi beeksisee turuu BBCn gabaaseera.
Gandoota Aanaa Giddaa Ayyaanaa warra akka Nageessoo, Haroo Ayyaanaa, Dooroo Oborraa, Aliifi Andoodee Dichoo keessa jiraatanis waggoota sadan darban keessa sababa haleellaa 'finxaaleyyii Amaaraa' kanaan qe'eerraa buqqa'anii dararama keessa jiraachuu dubbatu.
Haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa gaggeessan kanaan abbaasaa dabalatee miseensonni maatii 15 kan jalaa ajjeefaman Zalaalam Abdannaa ammayyuu haleellaan hidhattootaa kun namoota karaa imalan irratti xiyyeeffatee akka gaggeeffamu BBCtti hime.
"Rakkina guddaatu ture, finxaaleyyiin kunneen hidhannoo warra Faannoo hidhatanii turan. Naannoon keenya uummanni keenya hidhannoo hin qabu, isaan [hidhannoo qabu waan ta'eef] gurmaa'aniituma lola kaasanii fixani. Mana gubanii warra keenya fixani. Kan kooyyuu abbaa koo, wasiila koo dabalatee gara nama 15ti maatin koo kan dhume yeroo sana.
Jiraattonni godina Walagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu haleellaa yeroo garagaraatti finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan irratti raawwataniin qe’ee isaaniirraa buqqa’an osoo qe’ee isaaniitti hin deebiyiin waggoonni sadii ol darbuu BBCtti himan.
Aanaa Giddaa Ayyaanaatti jiraattonni gandoota Andoodee Dichoo, Alii, Dooroo Oborraa, Haroo Ayyaanaa, Nageessoo, Ejeree; akkasumas gandoota aanaa Kiiramuu baayyee keessaa bara 2021 irraa kaasee hidhattoota kanneeniin namoonni nagana hedduu ajjeefamuufi qabeenyi isaanii samamaa turuu BBCn gabaasaa ture.
Jiraattonni gandoota kanneenii qe’een isaanii onee, oyiruun bunaafi midhaan biroo waggoota sadan darban daggalli nyaatee waqtii bonaa ammoo abiddaan manca’aa turuu dubbatu.
Akka alaalam jedhutti, namoonni buqqa'anii aanaa Giddaa Ayyaanatti baqatanii turan hedduunsaanii deebi'anis magaala Kiraamuu keessa akka jiran himuun, iddoowwan tokko tokkotti ammayyuu "hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa" akka jiraniifi namoonni qe'eesaanitti hin deebi'in akka jiran dubbata.
"Garri caalu deebi'aniiru, baay'ensaanii magaalaa Kiiramuu keessa jiru. Iddoowwan tokko tokko rakkina qabu," jechuun ammayyuu hidhattoonni finxaaleyyii hidhannoo qabatanii waan jiraniif amansiisaa akka hin taane kaasa.
Namoonni kanaan dura gandoota keessaa buqqa'an baay'ensaanii deebi'anis hidhattoonni 'finxaaleyyii Amaaraa' yeroo ammaa namoota karaa deeman fa'aa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu akka hin dhaabne dubbata Zalaalam.
"Ammumayyuu ajjeechan hin dhaabbanne. Isaan hidhatanii waan jiraniif, laga keessa dhokatanii badii dalagaa jiru," jedha.
Keessumaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa bakka Dichoo jedhamutti sochiin finxaaleyyii Amaaraa cimaa akka ta'eefi namoota Naqamteefi aanaalee garaa garaa gidduu imalan irratti irra deddeebin haleellaa akka raawwatan himamaa ture.
Ammas naannawa kanatti deeggarsa raayyaa ittisaan ala karaa imaluun rakkisaa akka ta'e kan himu Zalaalam, 'finxaaleyyiin kunneen kana booda hidhatanii turuun haa hafuu hanga yoonaa hidhatanii taa'unsaanituu badii guddaa qaqqabsiisera' jedha.
"Makkalaakayaas [raayyaa ittisaa] yoo ta'e abbaan fedhe finxaaleyyii kana hiiksisuudhuma qabu. Hiikkachuun furmaata jennee yaanna nuti," jedha.
Jiraattonni gandoota aanaa Giddaa Ayyaanaa akka Nageessoo, Haroo Ayyaanaa, Aliifi kaan ammallee qe'eetti deebiyanii jiraachuufi qotachuu akka rakkatan dubbatu.
Hedduun isaanii magaalaa aanaa kan taate Ayyaanaatti baqatanii maatii isaanii waliin waggoota sadan darban rakkoo hamaa keessa jiraachuu dubbatu.
'Hidhannoo waggoota hedduuf qabannee turre mootuummaan hiikkadhaa nuun jechaa jra'
Gama biraan ammoo dhalattoonni Amaaraa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiraatan meeshaa waraanaa akka hiikkatan gaafatamuutti yaaddahuun komii dhageessisan.
Dhalattooni Amaaraa aanicha keessa jiraatan kunneen meeshaa waraanaa ''hayyama mootummaa argachuun hidhanne'' jedhan akka meeshaa hiikaniifi mootummaaf akka galchan gaafatamuu booda yaaddoon itti hammaachuu himan.
Aanaaleen kunniin bakka dhalattoonni saba Amaaraa waggoota dheeraa dura qubsiifaman keessa jiraatan yoo ta'an, waggoota darban ammoo bakka hidhattoonni WBO fi hidhattoonni Amaaraa (finxaaleyyii) keessa socho'aniidha.
Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo jedhamu keessa kan jiraatan dhalataan Amaaraa nageenyaaf jecha maqaansaanii akka hin ibsamne gaafatan keessumaa waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaluu booda qaawwa nageenyaa uumamee hordofee hayyama mootummaa argachuun meeshaa hidhachuu dubbatu.
''Yeroo san (bara waraana Kaabaa) 'qaamni sii qaqqabu hin jiru, hidhadhuutii of eeggadhu' jedhee hayyama kenneen bitannee maatii keenya eegaa turre'' jedhan jiraataan kan biraan.
Jiraatan tokko sangaa fi qallaba isaanii gurguranii birrii kuma 150n hidhannoo guutuu bitachuu himanii meeshaan kunis galmaahee seerawaa ta'uu dubbatu.
Haata'u malee ALI Onkololessa 12, 2017 hoogganootni Raayyaa Ittisaa Itoophiya fi aanga'oonni naannichaa walgahii waaman irratti meeshaa isaanii akka hiikkatan gaafatamuu dubbatan.
Jiraataa Godiina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo BBCn dubbise aanaa isaanii keessattis mootummaan mootummaan akka hiikkataniif ajaja kennuu dubbata.
Haleellan Aanaa Abee Dongorootti namoota heddu buqqisee ture "finxaaleyyii Amaaraa' aanaalee ollaa garaa garaa irraa waliif birmataniin kan gaggeeffame ta'uu kan himu jiraatan kun amma mootummaan akka hiikkatan gochaa jiraachuu hima.
"Mootummaan yeroo darbe hiikkaadhaa kan jedhuudha kan inni ajaja kennaafii ture," milishaadhuma mootummaa ta'anii finxaaleyyii kan deeggan akka jiranis dubbata.
Dabaluunis, "Jalqabumayyuu qaama mootummaa ta'aniiti [haleellaa hawaasa Oromoo] irratti kan eegalan," jechuun dubbata.
Dhalattoonni Amaaraa garuu haleellaa maatifi qabeenya isaanirratti aggaamamu ofirraa ittisuuf hidhachuu himuun, meeshaa hiikkachuunsaanii hidhattoota [WBO] dhiyeenyasaani jiran irraa balaa hamaaf akka isaan saaxilu himatu.
Jiraattonni dhalattoota Amaaraa kana haa jedhan malee waggoota darban haleellaawwan aanaalee Godiina Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu keessatti haleellaa hidhattoonni 'finxaaleyyii Amaaraa' achuma naannicha jiraataniifi daangaa ce'anii dhufaniin ajjeechaan dhalattoota Oromoorratti raawwachuu BBC aanga'oota aanaa waabeffachuun gabaasaa ture.
Jiraattoonni dalattoota Amaaraa kun ajajni amma dhufe ''sabaan kan adda fo'eedha'' jedhu.
''Hawaasni Oromoo as jiru meeshaa hiikaa hin jedhamne'' jechuun isaan irratti xiyyeefatamuu dubbatu.
Hawaasi Oromoo aanaalee kanneen kessa jiran garuu duraanuu hidhannoo waan hin qabneef "finxaaleyyii Amaaran" buqqaatifi du'aaf saaxilamne jechuun himatu.
Ummanni Oromoo duraan hayyamameefii hidhatanii turanillee 'harka Shanee' galuu mala jedhamee waggoota dura harkaa sassaabamuu himatu.
Adeemsa hidhannoo hiikkachiisuurratti komii fi yaaddoo jiraattonni dhalattoota Amaaraa kunneen kaasan kana ilaalchisee aanga'ootaa, aanaa godinaafi naannoo dubbisuuf yaaliin BBCn hanga ammaa godhe hin milkoofne.
Haata'u malee Hogganaan Waajira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa nama caasaa milishaa keessa jiru qofaafa hayyamni meeshaa hidhachuu akka kennamu fi kanaan ala meeshaa qabatanii argamuun kan adabsiisu ta'u tibba kana Sagalee Amerikaatti himaniiru.












