Dhalattoonni Amaaraa Giddaa Ayyaanaa meeshaa waraanaa akka hiikkatan gaafataman yaadda'uu himan

Giddaa Ayyaanaa

Madda suuraa, GIDA AYANA COMM.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessa kan jiraatan dhalattoonni Amaaraa meeshaa waraanaa akka hiikkatan gaafatamuutti yaaddahuun komii dhageessisan.

Dhalattoonni Amaaraa aanichaa meeshaa ''hayyama mootummaa argachuun hidhanne'' jedhan akka meeshaa hiikkataniifi mootummaaf akka galchan gaafatamuu booda yaaddoon itti hammaachuu himan.

Godinni Wallagga Bahaa addatti ammoo aanaaleen akka Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu waggoota darban wiirtuu walitti bu'iinsaafi gaaga'ama guddaa turan.

Jiraattonni gandoota aanaalee kanneenii halellaa hidhattoonni mootummaan finxaaleyyii Amaaraa jedhuun qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'uu yeroo garagaraatti gabaafamaa tureera.

Mudda bara 2022 jiraattonni aanaa Kiiramuu gandoota 19 keessaa haleellaa hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa kanaan raawwataniin buqqa’anii gara aanaa Giddaa Ayyaanaa-magaalaa Ayyaanaatti baqachuu isaanii aanichi beeksisee ture.

Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Angar Guutee bakka Addaa Dichoo jedhamutti ammoo hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa kunneen imaltoota konkolaataa keessa turan irratti bananiin lubbuun namootaa darbee, kan miidhamaan ammoo hospitaala galuusaanii BBCn maddeen mana yaalaafi godinicharraa mirkaneeffatee gabaasee ture.

Ajjeechaan kun Fulbaana 15, 2023 bakka Andoodee Dichoo jedhamu amma Sabni Amaaraa hidhannoo hiikkadhaa jedhamne jechuun komii kaasaa jiranitti raawwatamuu isaa Hogganaan Waajira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Wallagga Bahaa BBCf mirkaneessaniiru.

Aanaaleen kunniin bakka sabni Amaaraa bara 1984 beela Kaaba Itoophiyaatti mudate hordofee waggoota dheeraa dura qubsiifamanii ummata Oromoo waliin jiraataa turan yoo ta'an, waggoota darban ammoo bakka hidhattoonni WBO fi hidhattoonni Amaaraa (finxaaleyyii) keessa socho'an ta'eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaawwan saba bu'uureffatan waggoota darban keessa irra deddeebiin yoo raawwataman, dhalattoonni Oromoo naannawichaa fi dhalattoonni Amaaraa achi qubatan hedduun ajjeefmaniiru, qe'eensaanii gubatee, naannichaa godanauufis dirqamaniiru.

Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Andoodee Dichoo jedhamu keessa kan jiraatan dhalataan Amaaraa nageenyaaf jecha maqaansaanii akka hin ibsamne gaafatan waggoota sadan darban haleellaan irra deddeebiin raawwatamuu yaadatu.

Keessumaa waraanni Kaaba Itoophiyaa eegaluu booda qaawwa nageenyaa uumamee hordofee hayyama mootummaa argachuun meeshaa hidhachuu dubbatu.

''Yeroo san (bara waraana Kaabaa) 'qaamni sii qaqqabu hin jiru, hidhadhuutii of eeggadhu' jedhee hayyama kenneen bitannee maatii keenya eegaa turre'' jedhan jiraataan kan biraan.

Jiraatan tokko sangaa fi qallaba isaanii gurguranii birrii kuma 150n hidhannoo guutuu bitachuu himanii meeshaan kunis galmaahee seerawaa ta'uu dubbatu.

Haata'u malee ALI Onkololessa 12/2017 hoogganootni Raayyaa Ittisaa Itoophiya fi aanga'oonni naannichaa walgahii waaman irratti meeshaa isaanii akka hiikkatan gaafatamuu dubbatan.

Jiraataan tokko hidhannoo hayyamaan hidhataniin gandaa hanga naannoo eegaa turuu himuun murtee darbe komatan.

Irra deddeebiin xiyyeeffannoo haleellaa hidhattoota WBO waan ta'aniif maatiifi qabeenya ofii eeggachuuf hidhachuu kan himan jiraattotni kun, meeshaa hiikuun isaanii hidhattoota dhiyeenyasaani jiran irraa balaa hamaaf akka isaan saaxilu himanii yoo ta'uu baate naannoo Amaaraatti akka deebi'an daandiin akka banamuuf gaafatan.

Jiraattonni dhalattoota Amaaraa kana haa jedhan malee waggoota darban haleellaawwan aanicha gandoota akka Nageessoo, Haroo Ayyaanaa fi aanaa ollaa Kiiramuu keessattis haleellaa hidhattoonni Amaaraa achuma naannicha jiraataniifi daangaa ce'anii dhufaniin ajjeechaan Oromoota irratti raawwachuu BBC aanga'oota aanaa waabeffachuun gabaasee ture.

Jiraattoonni dalattoota Amaaraa kun ajajni amma dhufe ''sabaan kan adda fo'eedha'' jedhu.

''Hawaasni Oromoo as jiru meeshaa hiikaa hin jedhamne'' jechuun isaan irratti xiyyeefatamuu dubbatu.

Dhalattoonni Oromoo naannichaa meeshaa qabatanii qaama caasaa milishaa gaachan sirnaa jedhamuu akka ta'an godhamuu himatan.

Dhalattoonni saba Amaaraa kana haa jedhan malee, ummanni Oromoo aanaalee kanneen keessa jiraatan ammoo waggoota sadii dura meeshaalee seeraan hayyamameef hidhatanii turan 'Shanee' harka gala jechuun akka irraa sassaabame dubbatu.

Jiraattonni godina Walagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu haleellaa yeroo garagaraatti finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan irratti raawwataniin qe’ee isaaniirraa buqqa’an osoo qe’ee isaaniitti hin deebiyiin waggaa sadii ol ta'uu BBCtti himaniiru.

Aanaa Giddaa Ayyaanaatti jiraattonni gandoota Andoodee Dichoo, Alii, Dooroo Oborraa, Haroo Ayyaanaa, Nageessoo, Ejeree; akkasumas gandoota aanaa Kiiramuu baayyee keessaa bara 2021 irraa kaasee hidhattoota kanneeniin namoonni nagana hedduu ajjeefamuufi qabeenyi isaanii samamaa turuu BBCn gabaasaa tureera.

Jiraattonni gandoota kanneenii qe’een isaanii onee, oyiruun bunaafi midhaan biroo waggoota sadan darban daggalli nyaatee waqtii bonaa ammoo abiddaan manca’aa turuu dubbatu.

Adeemsa hidhannoo hiikkachiisuurratti komii fi yaaddoo jiraattonni dhalattoota Amaaraa kunneen kaasan kana ilaalchisee aanga'ootaa, aanaa godinaafi naannoo dubbisuuf yaaliin BBCn hanga ammaa godhe hin milkoofne.

Haata'u malee, Hogganaan Waajira Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa nama caasaa milishaa keessa jiru qofaafa hayyamni meeshaa hidhachuu akka kennamu fi kanaan ala meeshaa qabatanii argamuun kan adabsiisu ta'u tibba kana Sagalee Amerikaatti himaniiru.

Muddama hidhannoo hiikuun uume

Hawaasa saba lamaanii gidduu hariiron cimee warri buqqa'ee tures qe'eetti deebi'ee ture kan jedhan jiraattonni kun, ajajni mootummaa haaraan kun muddama uumeera jedhu.

Jiraattonni kun ajaja kanaan shira jedhanii yaadu ''wayita meeshaa hiikkatan hidhattoonni shanee carricha fayydamanii namoota nagaa akka haleelaan shira dalagamee'' jechuun komatan.

Jiraataan biraan ammoo adeemsi kun meeshaa isaanii hiikuun milishaa naannichatti ijaaraamaa jiru hidhachiisuu kan kaayyeffate ta'uu dubbatan.

Dhalattoonni Amaaraa naannichaa balaa adeemsi kun qabu ibsuun meeshaaa isanaii waliini bosonatti baqachaa jiraachuun himanii sababa kanaattis muddamni hammaachuu ibsaniiru.

Mootummaan gama isaan karaa nagaa harka kennachuu malee mootummaa waraanuu hin dandeessan jehcuun akeekkachiisa dhageessisaa akka jiru himaniiru jiraattonni BBC Afaan Amaaraa dubbise kunneen.

Aanaalee Godinichaa akka Guutuu Giddaa, Abee Dongoroo fi Kiiramuu keessatti sochiin meeshaa hiikkachiisuu adeemsifamaa jiraachuu himan. Angar Guuteetti marii mootumma awaliin godhameen booda meeshaaleen 120 sassaabamuus dubbataniiru.

Dhalattoonni Amaaraa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessa jiran caasaa Gaachana sirnaa akka ta'an waamichi akka hin godhamnee fi dhalttoota Oromoo qofti meeshaa isaanii waliin caasaa kanatti akka makaman godhamuus komataniiru.

Akka dhalattootni Amaaraa jedhanitti, aanaalee godinichaa lama keessatti namoota 100 qofatu hayyama caasaa kanatti makamuu argate.

Dhalattoonni Oromoo naannicha keessa jiran ammoo hidhattoota WBO bosona jiran waliin hidhata qabdu jedhamuun meeshaan harkaa waan funaanaeef, yeroo haleellaan hidhattootaan irratti raawwatamu ofirraa qulachuu akka dadhaban himataa turan.